Naannoon Amaaraa waamicha duulaa yeroo ariifachiisaafi kaanis dabarse

Members of the Amhara militia walk along the road in a rural area near the village of Adi Arkay, 180 kilometers northeast from the city of Gondar, Ethiopia, on July 14, 2021

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Manni Maree Naannoo Amaaraa yaa'ii ariifachiisaa gaafa Dilbataa taa'een, TPLF sirna seera kabachiisuu idilee qofaan waan mo'achuu hin dandeenyeef, uummanni naannichaa hundi duula kanatti akka makamu waamicha taasise.

Manni Marichaa waamicha ariifachiisaa dhiyeesseen, hooggansi naannichaa sadarkaan jiru waamicha kana fudhatee duula kana dura bu'ee akka qindeessu; kana gochuu baannaan garuu tarkaanfii akka fudhatu ibseera.

Manni Maree kun waamicha kana kan dabarse, wayita finciltoonni TPLF Kombolchaa dabalatee naannolee Walloo Kibbaa to'achuusaanii ibsuu hordofeeti.

Lammileen Itoophiyaa hundi dhimma idilee isaanii yeroof tursiisanii, humnaa fi meeshaa qabaniin gara adda waraanaa akka duulan MM Abiy Ahimad gaafataniiru.

''Dirqamni Itoophiyaaf du'uu kan hunda keenyaati malee, qaamni addaa du'a addaa akka du'u irraa eegamu hin jiru" jedhan MM Abiy.

Gama kaaniin ammoo Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Obboo Shaafii Huseen, haleellaa TPLFn baname hawaasni haala qindaa'een akka ofirraa qolatu waamicha dhiyeessan.

Obboo Shaafiin ibsa miidiyaalee biyya keessaaf guyyaa Dilbataa kennaniin: ''jiraattonni naannoo keenyaa hundi, sochii Shanee karoora TPLF fudhatee socho'u dhaabsisuu qabu,'' jedhan.

Manni marichaa murtoo akkamii dabarse?

Manni Maree Naannoo Amaaraa waamicha ariifachiisaa dabarse kanaan, dhaabbanni mootummaa kamuu tajaajila idilee dhaabuun ''bajatasaa dabalatee waan hundaa, duula jiraachuu nutti aggaamame kana qolachuuf akka tumsu murteeffameera,'' jedheera.

Dhimma konkolaattotaan walqabatuunis manni marichaa - konkolaattota mootummaa hunda wiirtuu tokkotti walitti qabuun, duula kanaaf akka tajaajilan himeera.

Warreen konkolaattota dhuunfaa qaban ''milkaa'ina duula jiraachuufi dhabuu kanaaf jecha, yeroo barbaachisaa tahe hundatti konkolaattota isaanii kennuun itti gaafatamummaa isaanii akka bahan murtoon dabre,'' jechuu manni maree naannichaa hime.

Dabalataanis manni maree kun meeshaan waraanaa kan mootummaas tahe kan dhuunfaa, duula kanaaf akka oolu murteesseera.

''Jiraataan naannichaa meeshaa waraanaa dhuunfaa hidhate, sababa kamuun duula kanarratti hin hirmaatu taanaan, meeshaa hidhate mootummaatti akka dabarse kennu yookaan nama biraatti dabarsuun, duula jiraachuu kanaaf akka oolu haa taasisu.''

Kana malees waamicha ariifachiisaa kanaan, kanneen heeyyamni kennameef alatti, magaalota naannichaa hunda keessa uggurri sochii galgala sa'aatii 2 booda daangeessu labsameera.

Manni marichaa dabaluun, ''wal'aansoo kanaaf gama garagaraan namaafi garee danqaa tahurratti, qaamni nageenyaa tarkaanfii barbaachisaa tahe akka fudhatu murtaa'eera,'' jechuun labse.

''Jiraataan naannichaa kamuu naannoo naannoo isaatti gurmaa'uun nageenyasaa akka eeggatu, namoota haaraafi lootee seentota akka hordofuufi qaamolee seera kabachiisaniif akka kennuun, duula kanaaf waan irraa eegamu haa bahatu.''

Manni Maree Naannoo Amaaraa hojiirraa oolmaa murtoo kanneenii ilaalchisee, hojimaata qajeelcha duulaa akka naannotti hundaa'een kan murtaa'u taha jedheera.

line

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa guutuuf guyyootni muraasni hafan kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban, miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

Waraanichi baatilee saddeet jalqabaaf naannoo Tigraay keessatti daangeffamee turus, baatilee afran darban naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal'atee miidhaa hedduu geessise.

Waraanichi dhaabbatee mariin furmaata akka argatu dhiibbaa gochaa kan jirtu Ameerikaan, humnoonni Tigraay waraana tibbana naannawa Dasee fi Kombolchaatti godhan akka dhaabanii fi naannoo Amaaraa keessaa akka bahan gaafatteetti.

Ministirri Haajaa alaa Ameerikaa Aabba Antonii Bilinken ergaa fuula Twitter isaanirratti Wiixata ganama barreessaniin: ''US gabaasaalee TPLF magaalota Daseefi Kombolchaa to'ataniiru jedhaniin garmalee yaaddofteetti,'' jedhan.

Dabaluunis: ''Lolli itti fufuun rakkoo namoomaa kaaba Itoophiyaatti jiru ittuu hammeessa. Qaamoleen hundi duula waraanaa isaanii dhaabuun, marii waraana dhaabuu haalduree tokko malee eegaluu qabu.''