Waraana Tigraay: Finciltoota 'awwaaluuf' namuu 'meeshaa fi humna qabuun' akka duulu MM Abiy gaafatan

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Jemal Countess

Lammileen Itoophiyaa hundi dhimma idilee isaanii yeroof tursiisanii, humnaa fi meeshaa qabaniin gara adda waraanaa akka duulan MM Abiy Ahimad gaafataniiru.

''Dirqamni Itoophiyaaf du'uu kan hunda keenyaati malee, qaamni addaa du'a addaa akka du'u irraa eegamu hin jiru" jedhan MM Abiy.

Waamichi MM Abiy kun wayita finciltoonni Tigraay fi humnoonni mootummaa Itoophiyaa magaalota Walloo akka Deessee fi Kombolchaa to'achuuf lola jabaa gochaa jiranitti.

Lola hamaa torban darbe keessa godhamaa ture hordofee, Sanbata darbe finciltoonni Tigraay magaalaa Deessee to'ataniin booda, humnoonni mootummaa magaalicha harkatti deebifachuu gabaasaaleen ni himu.

Dilbata ammoo finciltoonni Tigraay magaalaa Kombolchaa guutummaatti to'achuu himaniiru. Lolli jabaan naannawa magaalota lamaaniitti adeemaa jiraachuu aanga'oonni gama lameenii ni himu.

MM Abiy maal jedhan?

"Uummatni keenya dhimma isaa idilee yeroof tursiisee, shororkeessaa ABUT/TPLF badiif dhufe qolachuuf, of duuba deebisuufi awwaaluuf, meeshaa fi humna argame maraan, gurmaa'insa seera qabeessa ta'een duuluu qaba," jedhan.

Ergaa Dilbata gama marsaalee hawaasaa isaaniin dabarsaniin, "qabsoo hadhaawaa qabsofnee, injifannoo mi'aawaa ni dhamdhamna" jedhu MM Abiy.

TPLF adda waraanaa afuriin lola banee, hojii biyya diiguu isaa itti cicheera kan jedhan MM Abiy, finciltoonni kun tibbana humna isaanii mara gara adda waraanaa Wallootti naanneffatee akka jiru himan.

Naannoon Amaaraa sochiin idilee naannichaa hundi dhaabbatee waajjiraaleen mootummaa hundi humnaa fi qabeenya qaban gara waraanaatti akka bobbaasan gaafateera.

Guutummaa magaalota naannichaa keessatti sa'aatii lama booda sochiin kamiyyuu akka hin godhamnes murteessee jira.

"Qormaatni amma nu mudate wal-xaxaa fi kan hin darbamne fakkaatus, tokkummaan dhaabbachuu, wal-dhaggeeffachuu fi qindoominaan socho'uun Itoophiyaa haleellaa irraa tiksuun ni danda'ama" jedhan.

"Bakka bu'oota TPLF nu jidduu taa'anii diinaaf hojjetan si'aayinaan hordofuun barbaachisaadha" kan jedhan MM Abiy, namuu humnoota nageenyaa waliin ta'uun warra kana akka saaxilu gaafatan.

Qormaata nu mudate kanaan osoo hin rifatiin, qooda nurraa eegamu yoo baane qormaaticha irra aanuu dandeenya jedhan.

"Dirqamni biyyaa haleellaa irraa tiksuu kan namoota muraasaa qofa osoo hin taane kan hunda keenyaati. Lammiin martuu anarraa maaltu eegama? Ani maalin godhe? jechuu qaba" jedhan.

''Dirqamni Itoophiyaaf du'uu kan hunda keenyaati malee, qaamni addaa du'a addaa akka du'u irraa eegamu hin jiru," jedhan MM Abiy.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa guutuuf guyyootni muraasni hafan kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban, miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

Waraanichi baatilee saddeet jalqabaaf naannoo Tigraay keessatti daangeffamee turus, baatile afran darban naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal'atee miidhaa hedduu geesise.

Waraanichi dhaabbatee mariin furmaata akka argatu dhiibbaa gochaa kan jirtu Ameerikaan, humnoonni Tigraay waraana tibbana naannawa Deessee fi Kombolchaatti godhan akka dhaabanii fi naannoo Amaaraa keessaa akka bahan gaafatteetti.