Waraana Tigraay: Loltoonni Tigraay Daseetti manarra deemanii sakatta’aa jiru – jiraataa

Magaalaa Dasee

Madda suuraa, Dessie city communication/fb

Humnootiin Tigraay magaalaa Walloo Kibbaa kan taate Daseetti manaa manarra deemanii meeshaa waraanaa sakattaa'aa jiraachuu jiraataan tokko BBCtti hime.

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Sambata darbe magaalaa baayyee barbaachiftuudha jedhamte Dasee akka to'ate himeera. Mootummaan Federaalaa garuu olola jechuun magaalattiin ammallee akka harka isaa jirutti ibse ture.

Jiraataan kun akka jedhutti taanaan, magaalattiin baayyee cal jettee jirti. ''Bakkeewwan qarqara magalaa Daseetti argaman keessa lolli akka jiru oduun jira garuu sagalee qawwee dhukaafamuu akka hin dhageenye'' dabaluun hima jiraataan kun.

Magaalattii keessatti manneen daldalaa cufamaniiru, ibsaan ykn bishaan hin jiru jechuun dubbata jiraataan kun.

Toorri bilbilaas addaan citeera, garuu jiraattonni magaalattii tokko tokko gara lafa ol ka'aa ta'e deemanii bilbilaa akka jiran hima.

Yeroo manaa manarra deemanii sakatta'anitti, loltoonni Tigraay maneen sakatta'an keessa loltoonni mootummaa jiru yoo ta'eef ni gaafatus jedheera.

Magaalattiin barbaachiftu ta'usheerraa kan ka'e lolli magaalattii qabachuuf waraanni humnoota mootummaafi finciltoota TPLF gidduutti taasifame hamaa ta'uun isaa gaafamaa ture.

Magaalaa Finfinneerraa fageenya kiiloomeetira 385 irratti kan argamtu magaalli Dasee, magaalota gurguddoo naannoo Amaaraa keesatti argaman keessaa tokko yoo taatu, magaalaa guddoo Walloo Kibbaati.

Waraanni Tigraay keessatti jalqabe erga gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'ateen booda namoonni sababa lola kanaatiin qe'eerraa Kaaba walloorraa buqqa'an kumaan lakkaa'aman Dasee keessatti dahatanii jiru ture.

Waraanni torban lama durarraa kaasee deebiyee hammaate kun naannolee Amaaraafi Affaar keessatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, keessumaa ammoo naannoo Amaaraa Kibba Walloo keessatti waraanni cimaa gaggeeffamaa jira.

Magaalaan aseefi gidu-gala industirii kan taate magaalli Kombolchaa harka finciltootaa galuun isaanii yeroo himametti manni maree naannoo Amaaraafi ministirri muummee Abiy Ahmad namni danda'u martinuu meeshaa qabu qabatee gara adda waraanaatti akka duuluuf waamicha dhiyeessaniiru.

Godinaalee Kaabaafi Kibba Walloo bakkeewwan hedduu naannoo Amaaraa finciltootaan to'atamanii jiranitti, "Dhaabbanni mootummaa kamiyyu hojii idilee dhaabuun baajata isaa dabalatee wanta hundumaa duula jiraachuufi jiraachuu dhabuu nu mudateef akka tumsu," jechuun murteesseera.

Dursaan US Isteet Dippaartiment Antoonii Bilinkan gama isaatiin, gabaasaaleen humnoonni TPLF magaalota Daseefi Kombolchaa qabachuu isaanii ilaalchisuun ba'an akka isaan yaaddesseefi kun ammoo rakkoo namoomaa Kaaba Itoophiyaa jiru daran hammeessuu anda'a jechuun yaaddoo qaban ibseera.

Bilinkan itti dabaluun, qaamoleen hundinuu waraana dhaabanii haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuuf akka mariyataniif gaaffii dhiyaatus, aanga'aa humnoonni finciltootaa kan ta'e Jeneraal Tsadiqaan mariin akka hin jiraanneefi duula jalqabaniin akka itti fufan dubbachuun isaanii dhaga'ameera.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa har'a miidiyaalee biyya keessaaf akka ibsanitti, humnoonni TPLF dargaggoota 100 ol ta'an Kombolchaa keessatti ajjeesuu himeera.

Kana ilaalchisee qaama walabaa ykn finciltootarraa wanti dhaga'ame hin jiru.

Waraanni Roobii dhufu waggaa tokko guutuuf deemu kun Tigraay keessatti jalqabee gara naannolee Amaaraafi Affaaritti erga babal'atee ji'oonni lakkaa'amaniiru.