Waraana Tigraay: Finciltoonni Tigraay magaalaa Kombolchaatti 'dargaggoota 100 ol ajjeesan' - Mootummaa

Tigray People's Liberation Front (TPLF) fighters walk in lines towards another field in Mekele, the capital of Tigray region, Ethiopia, on June 30, 2021.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Tigraay Maqaleetti, Waxabajjii 30, 2021

Finciltoonni Tigraay magaalaa Kaaba Walloo Kombolchaatti dargaggoota 100 ol ajjeesan jechuun mootummaan federaalaa himate.

"Shororkeessaan TPLF magaalaa Kombolchaa lo'ee seenuun har'a halkan dargaggoota magaalattii 100 ol hiriirsee ajjeese" jedhan dubbi himaan mootummaa Laggasaa Tulluu (PhD) ibsa Wiixata miidiyaaleef kennaniin.

Dabalataan, finciltoonni Tigraay lo'anii kan seenan magaalaa Deessee fi Kombolchaa keessatti qabeenya saamuu fi barbadeessuus himaniiru jechuun FBC'n gabaaseera.

Finciltoonni Tigraay Sanbata magaalaa guddittii Kibba Walloo Deessee, Sanbata ammoo Kombolchaa to'achuu isaanii beeksisaniis mootummaan magaalotni kunneen to'atamuu ni waakkata.

Naannawa magaalota kanneeniitti lolli jabaan adeemaa akka jiru gabaasaaleen ni mul'isu.

TPLF amma dura dhimma ajjeechaa kanaa irratti deebii hin kennine. Amma dura lammiilee nagaa irratti haleellaa raawwachuun irra deddeebiin komii irratti ka'u waakkataa turan.

Magaalota kanneen keessatti tajaajilli bilbilaa fi intarneetii waan adda citeef maaltu akka ta'aa jiru haala walaba ta'een mirkaneessuun hin danda'amne.

MM Abiy Ahimad lammileen Itoophiyaa hundi dhimma idilee isaanii yeroof tursiisanii, humnaa fi meeshaa qabaniin gara adda waraanaa akka duulan gaafataniiru.

"Uummatni keenya dhimma isaa idilee yeroof tursiisee, shororkeessaa ABUT/TPLF badiif dhufe qolachuuf, of duuba deebisuufi awwaaluuf, meeshaa fi humna argame maraan, gurmaa'insa seera qabeessa ta'een duuluu qaba," jedhan.

Ergaa Dilbata gama marsaalee hawaasaa isaaniin dabarsaniin, "qabsoo hadhaawaa qabsofnee, injifannoo mi'aawaa ni dhamdhamna" jedhu MM Abiy.

Manni Maree Naannoo Amaaraas yaa'ii ariifachiisaa gaafa Dilbataa taa'een, TPLF sirna seera kabachiisuu idilee qofaan waan mo'achuu hin dandeenyeef, uummanni naannichaa hundi duula kanatti akka makamu waamicha taasise.

Hooggansi mootummaa naannichaa sadarkaan jiru waamicha kana fudhatee duula kana dura bu'ee akka qindeessu; kana gochuu baannaan garuu tarkaanfii akka fudhatu ibseera.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa guutuuf guyyootni muraasni hafan kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban, miliyoonaan kan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

Waraanichi baatilee saddeet jalqabaaf naannoo Tigraay keessatti daangeffamee turus, baatile afran darban naannoo Amaaraa fi Affaaritti babal'atee miidhaa hedduu geesise.

Waraanichi dhaabbatee mariin furmaata akka argatu dhiibbaa gochaa kan jirtu Ameerikaan, humnoonni Tigraay waraana tibbana naannawa Deessee fi Kombolchaatti godhan akka dhaabanii fi naannoo Amaaraa keessaa akka bahan gaafatteetti.