Waraana Tigraay: MM Abiy Ahimad waraana Kaaba Itoophiyaarratti ibsa akka kennan gaafataman

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee Abiyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dihiyaachuun dhimma waraana Kaaba Itoophiyaarratti ibsa akka kennan miseensonni paartii EZEMA gaafatan.
Waraana ganna tokko lakkoofsisuutti dhiyaate turtii yeroo hangamii keessatti golabuun lammileen gara jiruu idileetti deebisuuf karoora qaban kan gaafatan miseensota paartichaa afuridha.
Gaaffii kanaafi dhimma kana waliin hidhata qaban Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kan dhiyeessan bakka bu'oota IZEMA miseensota mana marichaa ta'anidha.
Xalayaa barreeessuun bakka buutota kan gaafatan keessaa tokko kan ta’an Dr Abirihaam Dastaa, dhimmichi arifachiisaa ta’uurra kan darbe miseensota mana marichaa biroo keessatti hin hammachiifne jechuun BBCtti himan.
Waraanni biyyatti balaaf saaxileera jechuun, waraana dhaabuufi namoota sababii kanaan miidhaman deebisanii akka bayyanatan gochuuf mootummaan maal akka hojjataa jiru Ministirri Muummee akka ibsan xalayaa barreessuun gaafataniiru.
Miseensonni mana marichaa kunneen mootummaan loltoota naannoo Tigraayi erga baase as lolli naannolee ollaatti bal’ateera, ‘’Tigiraayitti lammileen nagaa dhabuun dabalatee Amaaraafi Affaaritti lammiileen akka du’anii, buqqa’aniifi bu’uuraaleen misoomaa akka manca’uuf ka’umsa ta’e’’ jedhan.
Xalayaa barreessan kana keessatti uummanni ‘’TPLF sodaa uume mootummaan ni qolata,’’ jedhanii akka amanan kaasan.
Taatullee TPLF miidhaafi badiin qaqqabsiisu dabalaa jira malee hir’ata akka hin jirre ibsuun, waraanni Walloo Kaabarraa gara Kibbaatti babal'achuun miidhaa qaqqabsiisaa jira jedhan.
Waraanni ittifufe biyyattirratti ’’balaa fidaa dhufe’’ akka ta’e kan himan miseensonni IZEMA, mootummaan MM AbiyYi ‘’yeroo hangamitti waraana goolabuun’’ lammiileen iddoo waraanni itti ka’e jiraatan jiruusaanii idileetti akka deebi’an waan hojjataa jiran akka ibsan gaafatan.

Madda suuraa, Melaku Ambaw
Jimaata darbe Waajira Afyaa’ii paarlaamaatti xalayaa kan galchan kessaa tokko kan ta'an Dr Abiraaham akka jedhanitti, xalayichi miidhaa waraanni qaqqabsiise waraanichaafi, dhimmoota ittaanurratti xiyyeeffata jedhan.
Miseensonni IZEMA xalayaa barreessan afur ta'anis miseensota mana maree kaan waliin mari'achuu isaaniifi dhimmichi kan dafee ilaalamuu qabu ta'u himan.
Deebii xalayaan barreessan eegaa akka jiran kan himan miseensonni paarlamaa kun xalayichi Afyaa’ii ''bira akka hin geenye'' himuun torban kana keessa deebii akka eegaa jiran dubbatan.
Miseensonni paarlamaa kunneen xalayicharratti Ministira Muummee ibsa akka kennan kan gaafatan dhimma waraana xumura dhabee fi jiraattoota miidhamanii qofaa otoo hin taane dhimmoota biroos kaasaniiru.
Adeemsa kana keessatti hawaasa, paartilee mormitootarra waanta eegamuufi odeeffannoo dhimma waraanarratti ittifufinsaan kennamu, fala waaraa waraana kanaafi waraanni deebi’ee akka hin uumamne ofeeggannoo mootummaan godhurratti Ministirri Muummee ibsa akka kennan gaafatan.
Dr Abiraaham waayillan isaanii wajjiin gaaffiin dhiyeessan dambii Mana Maree kan eeggate waan ta’eef torban kana ykn torban ittaanu deebii argata jedhanii akka eegan BBC'tti himaniiru.
Waraana erga eegalee ganna tokko guutuuf guyyooti muraasni hafan kanaan namoonni kumaatamni yoo du'an, miliyoona lamaa ol qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
UN akka jedhetti Tigraay dabalatee naannoolee Amaaraa fi Affaar keessatti walumaagalatti namoonni miliyoona 7 ta'an ammoo deeggarsa namoomaa barbaadu.















