Finfinnee: Jiraattotni meeshaa waraanaa isaanii akka galmeessisanii 'ittiin of eegan' gaafataman

Madda suuraa, adugenet.com
Jiraattotni magaalaa Finfinnee meeshaa waraanaa amma dura galmaahes ta'e hin galmaahiin harkaa qaban guyyoota lama keessatti akka galmeessisanii ittiin naannoo isaanii eegan Bulchiinsi magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesse.
Hoogganaan Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dr. Qana'aa Yaadataa ibsa kennaniin jiraattotni magaalittii meeshaa waraanaa dhuunfaan qaban guyyaa lama keessatti waajjira isaaniitti akka galmeessisan hubachiisan.
Jiraattotni magaalittii mandara isaaniitti gurmaa'anii nageenya naannoo isaanii eeguuf akka hojjetan waamicha dhiyeessuu isaaniis miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Kanneen meeshaa waraanaa qaban ittiin naannoo eeguu hin dandeenye imaanaan mootummaaf akka kennanis gaafatamaniiru.
Gurmaa'insi jiraattotni nageenya tikfachuuf godhan kun caasaa qaamolee nageenyaa mootummaa waliin qindoominaan akka ta'us beeksisuun isaaniis gabaafameera.
Magaalaan Finfinnee nagaa qabaachuu himanii, qaamoleen burjaajii uuman to'annoo jala oolfamaa jiruu jedhaniiru.
Dhalattootni Tigraay magaalaa Finfinnee keessa jiraatan eenyuummaa isaaniirratti xiyyeeffachuun tibba kana dhalattootni Tigraay hedduminaan mana manaa to'annoo jala oolfamaa jiraachuu BBC'tti himaniiru.
Caasaan nageenyaafi tasgabbii qindaa'an bulchiina magaalaa Finfinnee magaalittii keessatti qaamoleen TPLF deeggaran jiraattota magaalichaa burjaajessuufi huccuu dambii qaamolee nageenyaa uffachuun ''yaada biyya diiguu isaanii milkeessuuf'' yaalaa jiru jedheen irratti ''tarkaanfii keessa deebii hin qabne'' fudhachuu eegaluu Komishiniin Poolisii magaalichaa ibseera.
Sanbata darbe hidhattootni TPLF magaalaa Dasee to'achuun gabaafamuu hordofee, mootummaan uummatni biyyattii guutuun sochii waraanaa kana waan qabu hidhatee dura akka dhaabatu waamicha gochuu dabalatee ibsoota adda addaa baasaa jira.
Dr. Qan'aan dhimma meeshaa waraanaa jiraattotni magaalaa Finfinnee harkaa qaban ilaalchisee yoo dubbate meeshaan kun kan amma dura galmaahes ta'u irra deebiin akka galmaahu hubachiisan.
Meeshaan qaban mootummaan kan beekamuu fi seera qabeessa erga ta'ee jiraattotni mataan isaanii ittiin nageenya isaanii akka eeggatan ni hayyamama jedhan.
''Kanneen meeshaa qabaatanii nageenya isaanii ittiin eeggachuu hin dandeenye nama dhiyoo jirutti yookaan mootummaatti adaraadhaan kennachuu danda'u'' jedhaniiru.
Sakattaa tasaa fi idilee lo'eegalaa to'achuuf godhamu akka deeggaranis jiraattota Finfinneef waamichi dhiyaateera.
Dr. Qan'aan kireessitootni mana jireenyaa, Hoteelaafi kanneen tajaajila biroos kennan tajaajilamaa isaanii dhiyeenyaan akka hordofaniifi waraqaa eenyummaa akka gaafatanis waamicha godhaniiru.















