Qiddist A. Karrayyuu: Dubartii Finfinneetti horsiisa loonii abbaarraa, hojii harkaa haadharrraa barte jiruu godhatte

Qiddisti Abarraa
Ibsa waa'ee suuraa, Qiddisti Abarraa

Aadee Qiddisti Abarraa Karrayyuu jedhamti. Jiraattuu magaala Finfinnee yoo taatu, qonna magaalaafi hojii harkaa irratti bobba'uun hojjataa jirti.

Keessattuu horsiisa loonii amma gaggeessaa jirtu kanas jalqaba saawwan lamaan kan eegalte Aadde Qiddist yeroo ammaa loowwan kudhan qabdi.

Dizaayinii faashinii, ogummaan harkaafi qonni magaalaa hojiilee jiruushee ittiin gaggeeffattudha. Dabalataan mana keessatti ijoollee kunuunsuufi barnootaan gargaaruunis hojiishee guyya guyyaati.

Aadde Qiddist, "hojiin horsiisa loonii ulfaataadha" kan itti jedhamu magaala Finfinnee keessatti loon horsiisuun aannan gurgurti.

Saawwan lamaan eegalamee saawwan kudhan

Aadde Qiddist magaala Finfinnee keessatti horsiisa loon aannanii waggota sadii dura eegalte.

Jalqabas loowwan lama yookin sadi hin caalle kunuunsuun aannan gurguruu akka eegalte dubbatti.

"Kanin jalqabe warrakoo irraati. Abbaankoo amma lubbuun hin jiru nabsee isaa haamaaru horsiisa loonii irratti baay'ee hojjeta ture. Isarraayin hojii bare," jetti.

"Qonni magaalaa ni ulfaata. Garuu ani ni ulfaata jedhee waan of hin amansiisneef hojjechaan jira. Nyaatni isaanii gatiinsaa amma baay'ee waan dabaleef ni rakkisa" jechuunis himti.

Nyaata loowwan isheetif barbaachisus qonnaan bultoota akkasumas warshaalee daakuurraa akka argattu dubbatti.

Qiddist hojii harkaa hojjataa

Ogummaa harkaa…

Aadde Qiddist Abarraa horsiisa looniin cinatti hojiilee harkaa garaagaraas ni hojjetti.

"Hojii harkaa kophee dhiiraa, kan dubartootaafi kan daa'immaniis nan hojjedha. Akkasumas iskaarfii (marxoo), koobiifi haguuggii harkaafaan hojjedha" jechuun dubbatti.

Wantoota kunneenis kuula, kirooshiifi lilmoo xaddee fayyadamuun hojjetti.

Hojii harkaa kana erga eegaltee waggoota afur ta'uu kan himtu Aadde Qiddist, "haatikoo duraan hojii harkaa hojjetti. Isheerraayiin baradhe. Animmoo guddisee gara kopheettin fide" jetti.

Wayita qara hojii kana eegaltuttis hojiilee harkaa hojjette waamichawwan garaagaraa yeroo waammamtu bifa kennaatin namootaaf kennaa turte.

Namootniis hojiishee ilaalanii maallaqaan akka hojjettuuf ishee gaafachuu eegalan.

Ogummaa harmee isheerraa ilaaltee barattefi tattaaffii isheetiin gabbifattes madda galii godhatte.

Oolmaa guyyaa tokkoo…

Aadde Qiddist Abarraa ganama oboroo hanga galgalaatti hojiilee mana keessaafi alaa garaagaraan ko'oommattee oolti.

Oolmaa guyyaashees oboroo abbaa warraafi ijoolleeshee waliin ta'uun bataskaana deemanii yookin manumatti galata galfachuun akka eegaltu dubbatti.

"Sana booda ijoollee ciree nyaachiseen mana barumsaa geessa. Achii ergan deebi'ee booda ajaja fudhadhe kophee yookin uuffatas ta'uu danda'a isan hojjedha. Waaree booda immoo gara looniin deema" jetti.

Loon bira deemuunis kunuunsa loowwan isheetiif taasifamu hordofti.

Kunis soorata haalaan argachuu isaanii, bishaan sirriiti dhuguu isaaniifi qulqullina isaaniifaa to'atti.

Itti aansuunis sa'aa ijoolleenshee barumsa xumuranitti gara mana barumsaa deemuun ijoolleeshee gara manaatti geessiti.

"Achiin booda deebi'ee gara loonii dhufee aannan fuudhee gara naannoo aannan itti raabsutti deebi'a" jechuun oolmaa guyyaashee himti.

Kutannoo…

"Hojii lamaan kana walfaana deemsisuuf kutannoo barbaachisaadha" kan jettu aadde Qidist qonna magaalaafi hojii harkaa walfaana kutannoon hojjechaa jiraachuu himti.

Deeggarsi maatii ishee biraa argattus guddaa ta'uu dubbatti.

"Manakoo galii hojiilee lamaan kanarraa argadhun gaggeessa. Baasii manaafi waan adda addaaf isumarraayin fayyadama. Jireenyakoos ittiinan gaggeessa" jetti.

Karoora gara fulduraa…

"Karoorrikoo gara fulduraa saawwan aannanii kana babal'isuun barbaada" kan jettu aadde Qiddist, beekumsa gama ogummaa harkaatin qabdu namoota biroof qooduuf fedhii akka qabdu himti.

"Ijoolleen baratanii hojii hin arganne jiru. Haadholiin jiru. Isaanfaa waan akkanaa waan barbaadaniif, galii waan barbaadaniif animmoo leenjii kenneefii akka fayyadamaniif barbaada" jechuun himti.

Leenjii kana kennuuf ammatti iddoo mijataa akka hin qabnefi qaamni gama kanaan haala mijeessuuf yoo jiraate leenjicha kennuuf fedhii akka qabdus himteerti.