Dhaabbati gargaarsaa US Naannoo Oromiyaatiif birrii Bil. 10.2 maaliif ramade?

Aasxaa Dhaabbati deeggarsa namoomaa Idil - Addunyaa US, USAID,

Madda suuraa, USAID/FACEBOOK

Dhaabbata deeggarsa namoomaa Ameerikaa kan ta'e Ejeensiin Gargaarsaa Idil-addunyaa (USAID) naannoo Oromiyaa keessa namoota 400,000 rakkoo keessaa baasuuf kan ooluu invastimantiiwwan haaraa lamaaf birrii biliyoona 10.2 ramaduu beeksiise.

Akka ibsa Embaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu qoodetti, investimentii lamaan, USAID Ifaa fi Insititiyushinii Sagantaa Omisha Wabii Nyaataa ykn Seeftiineetii 5 (PSNP 5) cimsuufi sochiilee Dandamannaa jedhaman kunnenis waggoota shanani ittaanan kan gaggeeffamuudha.

Akka ibsa kanaatti, sagantaan waggoota shanan dhufan hoggansa motummaa Itoophiyaa jalatti gaggeeffamu kanaan namoonni miiliyoona sagalii iyyummaa keessaa of baasuuf kan gargaaruudha jedhameera.

Invastimantiiwwan haaraan USAID lamaan kunneenis lammiileen kuma dhibbaan lakkaa'aman jireenyasaanii akka fooyyeeffatan gargaaruun alatti, meeshaafi ogummaa haala garaa garaa keessatti kaayyoosaanii galmaan ga'achuuf isaan barbaachisu argachuuf akka gargaarulleen himameera.

Hojiiwwaan investimentii lamaan kunneen namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman jiruun isaanii akka fooyyeeffatanii tumsuun cinattii wayita hongeefi weerarri awaannisaa oomisha miidhetti namonni ogummaafi dandeettii horachuun abjuu isaanii akka dhugoomfatan tumsuuf oola jedhe dhaabbatichi.

Akkasumas sochiileen lafa biyyoon dhiqame deebisanii gabbisuufi hojiiwwan eegumsa bishaan dargaaggootaafi dubartoota ogummaan akka argataniif kan dandeessisu yoo ta'u, kunis naannichi nyaata omishachuun of akka danda'u kan gargaarudha jedheera ibsi kun.

Kana malees ''sochiileen haaraan lamaan kunneenis Ameerikaafi Itoophiyaan michummaa baroota dheeraa qabaachuufi biyyoota lamaanuu fedhiin waloo lammilee Itoophiyaa hundi akka badhaadhan, of danda’aniifi rakkoo dandamatan qaban kan ibsudha,'' jedha.

‘’Walta’udhaan gara fuuladuraatti namni kamiyyuu; qonnaan bulaa Hararge Bahaas ta’ee horsiisee bulaan Booranaa waan ijoollee isaaniif waan laataniif akka hin dabne arguu barbaadna,'' jedhan Daarektarrii Ergama USAID Shaan Joonis sirna jalqabamuu sochiilee kanneenii magaalaa Finfinneetti taasifameerratti wayita ibsan.

Sirnicha irrattis qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa Ministeera Maaallaqaafi Walta’iinsa Dinagdee, Minsteera Qonnaa fi kanneen Mootummaa Naannoo Oromiyaa bakka bu’an argamaniiru.

Dhaabbanni gargaarsaa USAID bara 2015 irra kaasee birrii biiliyoona 60 kan sagantaa seeftiineetii kanaaf gargaaree yoo ta'u, dhaabbatichi kanneen adda durummaan sagantaa PSNP 5 deeggaran keessaa tokko.

Invastimantiin kun jireenya lammiilee guutuu Oromiyaatti darban kan jijjiruu yoo ta'u, haaluma walfakkaatuun USAID naannoolee saganticha keessatti hojjiirra oolchaa jiruuttis invasti gochaa jiraachuun himameera.

Hojiiwwan haaraan torban kana jalqabaman kanneen waggoottan shanan darban keessa USAID baasii Birrii biiliyoona 220 invasti gochaa tureerratti dabalata jedhameera. USAID turtii isaa waggoota shananii kanaanis guutummaa Itoophiyaa keessatti lammiilee cimsuufi akka jireenyaa fayya qabeessa ta'e jiraatan, caalaa rakkoo akka dandamanataniifi caalaa jireenya qaqanii akka jiraataniif hojjataa turuun ibsame.