Waraana Tigraay: USAID himannaa deeggarsi nyaataa 'beekaa' finciltoota Tigraayif kenname jedhu balaaleeffate

Madda suuraa, USAID/Facebook
Dhaabbati deeggarsa namoomaa Idil - Addunyaa US, USAID, himannaa ''deeggarsi namoomaa ummata Tigraayif kennamaa jiru, finciltoota TPLF'f kennamaa jira'' jedhu balaaleeffate.
''USAID himannaa deeggarsi namoomaa beekaafi fedhiin loltootaaf kennama jedhu balaaleeffata,'' jechuun Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru ibseera.
Deebiin dhaabbatichaa televijinin biyyaalessaa Itoophiyaa, EBC, gabaasa isaa keessatti dhaabbaticha himachuun gabaaseef kan kennamedha.
Ta'us, boodarra miidiyichi gabaasa isaa haqeera yookiin sirresseera.
Lola Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiruun ololaafi walhimannaan miidiyaalee idileefi al-idileerra deemu jira. Gabaasawwan kunneen hangam ragaadhaan kan deeggaramanidha kan jedhu ni rakkisa.
Qondaalli Itoophiyaa maal jedhan?
Kana dura Ameerikaan akkasumas dhaabbileen deeggarsaa hidhattoota TPLF tumsaa jiru jechuun qondaaltonni Itoophiyaa himataa turan, qaamoleen lamaanuu mormanii turan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Ministir Di'etaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Reediwaan Huseen gabaasa miidiyaa biyyaalessaa dogongora jedhaniiru.
''Oduun EBC inni USAID qoricha biskutii nyaata madaalawaa qabu waliin galchaa jira jedhu sirrii miti. Haa ta'u malee, loltoota TPLF akkasumas dargaggoo lola keessa jiran irraa qorichi hadoochu qabamaa ture.
''Gaaffiin dolaara miiliyoonaa (gaaffiin guddaa) garuu soorati akkamiiniifi maaliif achitti argame?,'' kan jedhudha jechuun harka hidhattootaa argamu akeekaniiru.
Ibsi USAID dubbii qondaala siyaasaa Itoophiyaa booda kan dhagahamedha.
''USAID dhiheessiin deeggarsa namoomaa kanneen deegggarsi barbaachisuuf malee kanneen lola keessa qooda fudhataa jiran bira akka hin geenye ni hordofa.
''Haa ta'u malee, yeroo baay'ee lafa lolli jirutti qaamoleen hidhatan kanneen deeggarsa barbaachisufirraa soorata ni hatu,'' jedheera USAID soorati harka hin malle seenuu akka danda'u eeruun.
Miidiyaaleen biyya keessaa lola adeemaa jiruun hidhattoota TPLF to'ataman irraa deeggarsi nyaataa dhaabbilee garaagaraan ummata Tigraayif kennamaa jiru akka qabame ibsaa turan.
Kana dura mootummaan Itoophiyaa irra deddeebbiin humnoota TPLF qoricha nama hadoochu waliin qabachaa turuu himuun ni yaadatama.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Lolli Tigraay baatii sagal dura TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu eegale lubbuu namoota hedduu yoo galaafatu, miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'aniiru.
Dabalataan, ummanni 400,000'tti tilmaamamu haala beelaaf saaxilamuu UN ibsuun ni yaadatama.

Madda suuraa, AFP
Torbanuma kana keessa hooggantuun dhaabbata gargaarsa Idil-addunyaa Ameerikaa, USAID, Samaantaa Paawor TPLF humnoota isaa naannolee lamaan keessaa baasee mariitti akka deebi'u gaafataniiru
Mootummaan dhiibbaan biyyoota Lixaa yeroo dheeraaf himataa ture Ameerikaan TPLF akka balaaleeffattu kana dura gaafateera. Dubbii Samaantaa akka jijjiiramaatti kan hubatan jiru.
''Haleellaan TPLF raawwatu lolichaafi dararaa ummata Itoophiyaa qofa dheeressa,'' jechuun fuula tiwiitara isaanii irratti ibsanii turan.
Torban darbemmoo dhaabbati USAID mootummaan Itoophiyaan deeggarsi gara Tigraay akka hin geenye akkasumas hojjeettota deeggarsa namoomaa danqeera jechuun himatee ture.
Mootummaan Itoophiyaa deebii kenneen himannaa qondaala Ameerikaa kana mormeera.
''Nageenyi dhimma dursa kennamuufidha. Bakki suni rakkoo nageenyaa waan qabuuf sakattaan mootummaa federaalaan taasifamu jira.
''Qaamni naannicha seenuu barbaadu qajeelfama kaa'amen bitamuu qaba,'' jechuun Pirees Seekiretariyaatiin Waajjira Ministira Muummee Itiophiyaa Billanee Siyyuum dubbachuun ni yaadatama.














