Waraana Tigraay: UN ajandaa siyaasaa tarkaanfachiisa jedhamuun isa yaaddessuu hime

Madda suuraa, UN FACEBOOK
Dameeleen deeggarsa namoomaa UN waraana Itoophiyaa keessa jiruun ajandaa siyaasaa gam-tokkoo adeemsisu jedhamuun akkaan isa yaaddessuu ibsa kaleessa baaseen himeera.
Dubbiin kunis miidiyaalee idilee fi marsaalee hawaasaa irratti tamsa’aa jiraachuu ibsi suni kaa’eera.
UN’nis tahe dhaabonni deeggarsa namoomaa biroo gargaarsa yeroo kennan qajeelfama namoomaa afur hordofuuni kan jedhe ibsichi kunneenis: namummaa, walabummaa, bilisumma fi loogiirraa bilisa tahuu fa’i dha jedheera.
Qajeelfamoota kunneen hordofuun mootummaa waliin tahuun naannolee fi magaalawwan Itoophiyaa maratti deeggarsa barbaachisu gochaa akka jiru himeera.
Deeggarsi kunis lammiilee miidhaman wiirtuu godhachuun haala bilisaafi loogii hin qabneen adeemsifamaa jira jedheera.
Gama kaaniin buqqaatoota naannoo Amaaraa magaalawwan Dabaarqiifi Dasee jiraniif deeggarsa nyaataafi bishaanii atattamaafi moodeesii rabsaa jiraachuu dameen UN deeggarsa daa’immanii irratti hojjetu UNICEF beeksiseera
Yeroo ammaa sababa waraana kanaan Naannoo Amaaraa keessa buqqaatonni kuma 674 fi 492 jiraachuu dhaabbanni kuni himeera.
Kana dura Mootummaan Federaalaa dhaabota deeggarsaa waliin hojjechuuf eeyyamamaa tahus, ‘’gabaasoti tokko tokko dogoggoraanis tahe karaa biraan balalliiwwan gara Tigaraay taasifaman akka mootummaan danqaa jirutti hawaasa addunyaaf odeeffannoo dogoggoraa kennaa jiru,’’ jedheera.
Kanumaanis mootummaan Itoophiyaa waajirri UN dhimma namoomaa qindeessu UN OCHA hariiroo bu’aa qabeessa biyyattiin bara 1986 irraa qabee qabdu waliin gochaa hin madaalle raawwachaa jira jechuun barreessaa olaanaa UN Antooniyoo Guteereesitti xalayaa erguun ni yaadatama.
Mootummaan Federaalaa waajirri qindeessa deeggarsa namoomaa UN OCHA naannoo Tigraay ilaalchisee ‘’gabaasota dogoggoraa dhiyeessaa jira’’ kunimmoo faayidaa-qabeessa miti jechuun qeeqeera.















