MM Abiy humnoota Tigraay waliin mariin akka jiraatu dubbachuun isaanii gabaafame

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, PM Office

Marii Dayaaspooraa Itoophiyaa waliin taasisan irratti MM Abiy Ahimad finciltoota Tigraay waliin mari'achuuf qophiin jiraachuu dubbachuu isaanii maddi oduu 'Associated Press' gabaase.

Miseensonni Dayaaspooraa marii sa'aatii dheeraaf MM Abiy waliin taasifame irratti hirmaatan natti himan jechuun APn akka gabaasetti, mootummaan Itoophiyaa waraanaa baatilee 15 ol lakkoofsise mariin xumura itti gochuuf qophiidha.

Kun kan dhagaahame wayita waraanni xiqqoo qabbaanaa'ee gama daangaa naannoo Affaar fi Tigraayiin akka haarawatti eegaluun gabaafamaa jiruttidha.

Mootummaan Affaar humnooti Tigraay gama Godina Kilbatii Rasuu jedhamuun haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaan deeggarame bananii aanaalee sadi to'achuu ibsa baaseen himeera.

TPLF gama kaaniin naannoo Affaar seenee tarkaanfii fudhachuu fi kanas kan godhe haleellaa humnooti Affaar fi Eertiraa humnoota isaarratti raawwatan qolachuuf akka ta'e beeksiseera.

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa dhimma waraana akka haarawatti gama daangaa Affaariin adeemaa jiru amma dura homaa hin jenne.

Maaltu jedhame?

Walgahii MM Abiy miseensota Dayaaspooraa Ameerikaa irraa gara biyyaa deebi'an waliin godhan irratti hirmaachuu kan himan dura taa'aan Koree Dayaaspooraa Ameerikaa-Itoophiyaa Obbo Masfin Taganuu, gama mootummaan 'waraana dhaabuuf fedhii cimaatu jira' jechuun dubbatan.

Maricharratti MM Abiy "Mariin ni jiraata. Fedhii biyyattiif dursa kan kennu, mariin sababaab deeggarame ni jiraata," jechuun dubbachuu Obbo Masfin APtti himaniiru.

Dhiyeenya Itoophiyaa daawwatanii kan turan Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Deeviid Saatarfiild dhimmicha quba qabaachuu akka hin oolles Obbo Masfiin dabaluun himaniiru.

Gabaasni AP kun mariin MM Abiy Dayaaspooraa waliin godhan yoom akka turee fi ajandaan marichaa maal akka ta'e wanti eerame hin jiru.

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa amma dura waa'ee marii TPLF waliin godhamuuf adeemu kanaa ifatti wanti jedhe hin jiru.

Haata'u malee ibsa MM Abiy Ahimad ayyaana Qillee sababeeffachuun kennan irratti 'araarrii fi nagaan biyyaalessaa nu barbaachisaa' jechuun dubbachuun isaanii ni yaadatama.

''Haleellaa Juntaan [TPLF] Raayyaa Ittisaa keenyarratti raawwate hordofee wagga tokko darbe walitti bu'insa dhalate dabalatee sababoota biroon badiiwwan walirratti raawwanne shaaruuf yeroo kanatti araarriifi nagaa biyyaalessaa nu barbaachisa.

''Tokkummaa keenya eeggachuu waan nu dandeessisuuf araaraafi nagaan Itoophiyaan akka buufattu ifa galaadha,'' jechuun ture kan dubbatan.

line

Yaalii marii godhamaa ture

Waraana Kaaba Itoophiyaa baatilee 15 oliif adeemaa jiru mariin xumura itti gochuuf biyyoonni fi dhaabbileen gara garaa yaaliitti jiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaattti adeemsifamu dhaabuufi nagaa buusuuf carraaqqiin taasifamaa jiru akka isaan gammachiise Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Gutereez himanii turan.

Antooniyoo Gutereez kana kan dubbatan Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Gamtaa Afrikaa pireezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obasaanjoo waliin erga mari'atanii booda ture.

"Garuu gara furmaata dhiyaachuuf carraan akka jirutu natti mul'ata'' jedhanii turan Aab Gutereez.

Antooniyoo Gutereez, Barreessaa Olaanaa UN

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, "... furmaanni dhiyaataa jira" - Antooniyoo Gutereez, Barreessaa Olaanaa UN

Waajirri Pireezidantii Keeniyaa ibsa Wiixata baaseen Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US haaraan Amaasaaddar Daviid Saaterfiild fi pireezidantiin Keeniyaa Uhuuruu Keenyaattaa qaamaan wal arganii dhimma waraana Itoophiyaarratti mariyachuu beeksiseera.

Biyyooni lameen waraanni Kaaba Itoophiyaatti dhalatee waggaa tokkoo oliif dubbii ijoo addunyaa ta'e saffisaan xumura akka argatu waamicha kan godhan yeroo ta'u marii araaraafis tattaafachaa jiru.

Waraana kanaan lammiileen kumaan lakkaa'aman yoo du'an miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'aniiru.

Akka UN ibsetti, lammiileen miliyoona 9 ol yeroo ammaa naannolee garagaraa sadii keessa jiran deeggarsa nyaataa barbaadu.