Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'Araarri, nagaan biyyaalessaa nu barbaachisa' - MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad araarriifi nagaa biyyaalessaa nu barbaachisaa jechuun himan.
Bulchaan Itoophiyaa kuni kan kana jedhan Ayyaana Qillee yookiin Dhaloota Gooftaa Iyyasuus Kiristoos sabababeeffachuun ergaa dabarsaniini.
Ayyaanni kun Gannaa/ Gannoo jedhamuunis hordoftoota Kiristaanaa biratti haala ho'aan kabajama.
Hordoftoonni Ortodoksiifi Kaatolikiimmoo guyyaa kana soomanas ni hiiku.
''Ayyaana bara kanaa kan kabajnu barri rakkina keenyaa osoo xumuramaa jiruuti,'' jechuun ji'oota kudha afran darban waraana Kaaba Itoophiyaa tureen dhiibbaa keessa seenan himani.
''Dhalootni Kiristoos jalqabbii abdii haaraa missiraachoo bara ifaati,'' kan jedhan MM Abiy ''barri dhaloota Kiristoos dura jiru bara rakkinaa ture,'' jechuun ibsan.
Dubbiin MM Abiy kun yeroo ilaalcha gamaa gamaana jiru irratti mari'achuuf biyyattiin marii biyyaalessaa qopheessaa jirtutti dhagahame.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Labsiin hundaa'ee torba darbe paarlaamaan Itoophiyaa raggaasiseera. Mootummaan marii kanaafi warana Kaaba jiru furuuf marii taasifamu ummatni adda baasuu qaba jedheera.
Qeeqxonni qaamoleen hidhannoon sossso'aniifi yeroo ammaa poolisiin badiin shakkee isaan hidhuu ibse akka mariirratti hirmaatan, kanaan ala furmaata barbaadamu hin fidu jechuun yaaddoo ibsaniiru.
Dhimma kana irratti gama qondaaltota Itoophiyaa ifatti yaadni kenname hin jiru.
Rakkoo nageenyaa Itoophiyaa keessa jiruuf sababni tokko humnoonni siyaasaa abjuu garagaraa qaban waldura dhaabbachuu isaanii xinxaltoonni ni himu.
MM Abiy maal jedhan?
Waggaa darbe hidhattoonni TPLFf amanamoo ta'an buufata waraanaa Federaalaa Maqalee jiru erga haleelanii booda waraanni eegale.
''Haleellaa Juntaan [TPLF] Raayyaa Ittisaa keenyarratti raawwate hordofee wagga tokko darbe walitti bu'insa dhalate dabalatee sababoota biroon badiiwwan walirratti raawwanne shaaruuf yeroo kanatti araarriifi nagaa biyyaalessaa nu barbaachisa.
''Tokkummaa keenya eeggachuu waan nu dandeessisuuf araaraafi nagaan Itoophiyaan akka buufattu ifa galaadha,'' jechuun ibsan.
MM Abiy Ayyaanni Dhaloota Gooftaa kiristaanota biratti mallattoo araaraa godhamees ilaalama jedhan.
Biyyattii keessa kana durallee walitti bu'iinsi dhalatee beeka, garuu dhiifamaafi araaraan deebii argatanii hanga yoonaa akka biyyaatti nu tursaniiru jedhan.
''Araara namaafi Waaqa gidduutti raawwateen kan kasaare dogongorsiisaa kan ta'e Diyaabiloos akkuma ta'e, araara nagaa biyya keenyaan kaayyoon garee shororkeessaa TPLF, Shaneefi abdiin diinota keenyaa ni fashala'a,'' jedhan.
''Diinotni Itoophiyaas abdii keenya dhalachuu gahe gatachiisuf waggootaaf carraaqaniiru,'' kan jedhan MM Abiy walitti bu'insa garagaraa biyyattii keessatti dhalatee lammiilee miidheef garee ''diina keenya'' jedhan himataniiru.
''Barri fayyinaa biyya keenyaa waan hin dhufne hanga fakkaatutti badiin keenya baay'atee mul'ateera. Abagaazotni akka Heerodis abdii keenya dukkaneessuuf humna qabaniin qabsa'aniiru.
''Tokkummaa keenya diiguuf walta'aniiru, biyya keenya jigsuuf hanga Si'ool bu'uuf kakataniiru,'' jechuun himatan.
''Itoophiyaan rakkoo cimaa kana keessaa baatee as gesseetti. Jijjiiramni dhalatee guddataa jira,'' jechuun abdii jiraachuu ibsan.
Ergaa lammiileef dabarsaniin Itoophiyaa ''maxxantummaarraa gadhiisisuuf'' hunduu gahee isaa akka gumaachuu dhaaman.
Barri kuni bara hojiin seena qabeessa dalagamudha kan jedhan MM Abiy, hunduu hamma danda'u biyyaaf yoo dalage egereen biyyattii ifaa ni ta'a jechuun ibsan.
Ergaan MM Abiy kuni yeroo lammiileen alaa Itoophiyaa akka seenan waamichi taasifameefi biyya seenaa jiran kanatti kan ibsamedha.
Waraana Kaaba biyyattii ka'en lammiileen kumaan lakkaa'aman yoo du'an miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'aniiru.
Akka UN ibsetti, lammiileen miliyoona 9 ol yeroo ammaa naannolee garagaraa sadii keessa jiran deeggarsa nyaataa barbaadu.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa eegale mariin akka xumura argatu tattaaffiin hamma yoonaa taasifamus ammatti ija hin godhanne.
















