Siyaasa Itoophiyaa: Obbo Leencoo Lataa waa'ee marii biyyaalessaa karoorfamee maal jedhu?

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa
Siyaasa Itoophiyaafi Oromoo keessatti waggoota 50 ol kan lakkoofsisan namni siyaasaa Obbo Leencoo Lataa, murna 'Mind Ethiopia' jedhamu waliin marii biyyaalessaa Itoophiyaan itti adeemaa jirtu qopheessaa akka jiran BBC'tti himaniiru.
Akka Obbo Leencoon jedhanitti murni kun waggoota lamaan darbaniif marii biyyoolessaa akkamiitu barbaachisa, eenyutu irratti hirmaachuu qabaafi dhimmoota kaan qorachaa ture.
Mootummaan Itoophiyaa marii biyyaalessaa hunda hirmaachise akka gaggeessu irra deddeebiin ibsaa ture.
Waraana Kaaba biyyattiitti erga eegalee waggaa guutuuf adeemuun walqabatee, biyyoonni lixaa waraanni dhaabbatee mariin biyyaalessaa hunda hirmaachise akka eegalu dhiibbaa gochaa jiru.
Paartiin mormitu KFOn tibbana ibsa baaseen marichi kanneen hidhannoon qabsaa'an fi hogganoota siyaasaa mana hidhaa jiran dabalatee hunda kan hirmaachise ta'uu qaba jedheera.
"Cehumsarra jirra" kan jedhan dhiyeenya yuunivarsiitii Dambi Doolloo irraa dokotra kabajaa kan argatan Obbo Leencoon, ammatti mariin biyyaalessaa hedduu barbaachisaa ta'uu dubbatu.
Barbaachisummaa isaas yoo ibsan, "gama kamitti akka ceenurrattuu wal taanee hin jirru, gariin gara duubaatti deebi'ee sirna saba tokkoo, biyya saba tokkoo godhee Itoophiyaa akka sanatti caasessuu barbaadaa, warri kaan ammoo of-fuuldura deemanii federeeshinii sab-daneessaa kana diimokiraatessuu barbaadu" jedhu.
"Humni polotikaa biyya kanaa waan hundee ta'an waan baay'ee irratti walta'iinsa hin qabu, walta'iinsarra gahuuf mariin biyyoolessaa barbaachisaadha" jedhu.
Eenyu hirmaachisuu qaba?
Waggoota lamaan darban murna 'Mind' jedhamu kanaa waliin qophii marii biyyaalessaa irratti hojjechaa akka turan kan himan Obbo Leencoon, "dubbiin marii biyyoolessaa kun eenyufaa ilaala kan jedhu qorannee adda baafannee, lafaa qabna" jedhu.
Kanneen qawwee hidhatanii lolaa jiran dabalatee, "humni polotikaa biyya kana keessa jiru hundi hirmaachuu qaba" jedhu.
Paartilee siyaasaa qofa osoo hin taane hojjettoonni, abbootiin qabeenyaa, hoggantoonni amantii, namni saba isaa keessatti dhageettii qabu keessa jiraachuu qabu jedhu.
Hirmaannaa mootummaa ilaalchisee "mootummaan keessaa qooda fudhata malee hogganuu hin qabu" jedhan.
Sababa isaanii yoo ibsanis, "wanti kun heeraa oli, waan heeratti deemu fa'i mari'ata" jedhu.
"Itoophiyaan biyya akkamiiti?, biyya saba tokkoomoo biyya saba danuuti?, biyya afaan tokkoon hojjetumoo biyya afaan saboota hundaatiin hojjetu ta'uu qaba?, Itoophiyummaan hoo maal fakkaata?, Akkamiin eenyummaa saboota hundaa akka hammatu gochuu dandeenye? kana hunda, waan hundee ta'e irratti mari'ata" jedhu.
Kun erga mari'atamee booda heera biyyaa keessatti gala jedhan.
Mariin biyyaalessaa kun waa'ee mootummaa miti jedhu Obbo Leencoon. Waa'ee mootummaa jijjiiruu, buusuu fi kaa'uu miti jedhan.
"Dubbii jabduun ...waan bu'uura ta'an irratti, waan eenyummaa Itoophiyummaa, waan sirna biyyichi ittiin buluu danda'uu irratti mari'ata" jedhan.
Waa'een mootummaa marii biyyaalessaa booda itti deebi'ama jedhu.
'Tokkummaa Dhugaa'
Waa'een marii biyyaaalessaa salphifamee ilaalama kan jedhan namni siyaasaa kun, keessumaa paartileen daddaffiin mootummaa ta'uu barbaaduu jedhu. Marii biyyaalessaa malee bakka waliigalteen hin jirretti mootummaa ta'uun balaa qabayyuu jedhu.
Tokkummaan dhugaa hanga ammaa Itoophiyaa keessatti hin mul'anne, tokkummaa humnaan dhalatee humnaan eegamaa amma gahe. Dirqiin dhalatee dirqiin tokko taasisee bulchaa ture, jiras.
Tokkummaan dhugaa ammaan booda dhalata jedhanii akka abdatan himu. Itti baha marii biyyaalessaa keessaa tokko "akkamitti saboota Itoophiyaa tokko taasifna, tokkummaa isaanii ammoo akkamiin tiksina" kan jedhu ta'uu himu.
Yoo mariin kun akka gaariitti deeme hundeen tokkummaa Itoophiyaa inni dhugaa gadi dhaabbachuu jalqaba jedheetan eega jedhan.
Haata'u malee dhibdeeleen baay'een akka jiranis ni kaasu. Dhibdeelee jiran keessaa tokko "warra humna qawween deemnee aangoo fudhanna jedhu" jedhan.
"Isaan kun [marii biyyaalessaa keessaa] qooda fudhachuu qabu. Akkamitti qooda fudhachiifna kan jedhu, humna hundatu waliin taa'ee mari'atee murteessa" jedhan.
Guutummaan waa'een marii biyyaalessaa kanaa wayita qaamoleen dhimmi marii biyyaalessaa kun isaan ilaallatu hundi wal gahan murtaa'as jedhan.















