Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo Obbo Leencoo Lataaf doktora kabajaa kenne

Madda suuraa, OBN
Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo nama siyaasaa gameessa Obbo Leencoo Lataaf doktorummaa kabajaa kenne.
Qabsoo Oromoo fi siyaasa Itoophiyaa keessa waggoota hedduuf kan turan namni siyaasaa gameessi Obbo Leencoo Lataa, namoota Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) hundeessan keessaa tokko.
Bara 1991 ABO bakka bu'uun adda durummaan hundeeffama mootummaa ce'umsaa Itoophiyaa irratti qooda fudhachaa turan.
Sirna federaalaa fi heera mootummaa Itoophiyaa yeroo ammaa kana hojiirra jiru bu'uuressuu keessatti ga'ee guddaa akka qaban waahillan qabsoo isaanii ragaa bahu.
Obbo Leencoo Lataa Itoophiyaa saboonni hiree ofii ofiin murteeffachuu, ofiin of bulchuu, wal-qixxummaa, diimokiraasii fi wal-kabajuun waliin jiraachuu danda'an ijaaruutti amanu jedhu.
"Itoophiyaa kana haalduree malee hin fudhannu, haalduree malees hin dhiifnu" ejjennoo jedhuun beekamu ture.
Bara 1992 ABOn mootummaa cehumsaa keessaa bahuu hordofee biyyaa kan bahan Obbo Leencoo Lataa, wal-dhibdee dhaaba keessatti uumameen bara 2013 ABO keessaa bahuun waahillan isaanii biroo waliin Adda Diimokiraatawaa Oromoo (ADO) hundeessan.
Waggoota dheeraaf mirga Oromoof dubbachaa kan turan Obbo Leencoo Lataa, kitaabota 'Ethiopian State at the Crossroads' akkasumas 'The Horn of Africa as Common Homeland' jedhan Afaan Ingiliiziin barreessaniiru.
Dhimma siyaasaa Oromoo fi Itoophiyaa irratti marsariitiiwwan gara garaa irratti barruuwwan hedduu barreessuunis beekamu.
Jijjiirama mootummaa bara 2018 dhufeen booda, Caamsaa bara 2018 hogganoota ADO biroo waliin gara Itoophiyaa kan deebi'an Obbo Leencoo Lataa, yeroos siyaasa keessatti ni hirmaanna jedhanii turan.
Erga biyyatti deebi'aniin booda kitaabni mata duree 'Sana-Hafee' jedhu qabu seenaa Obbo Leencoo Lataa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti fuulleffate maxxanfameera.

Madda suuraa, OBN
Boodas dulluma himachuun hoggansa dhaaba ADO gadhiisuu himan.
Yeroos turtii BBC waliin godhaniin "hojii polotikaa hamman gaafa du'utti dhiisuu hin danda'u, gaafatamummaa qofa gadhiisuu barbaada" jedhanii turan.
Dhaabni isaanii ADO haala falmisiisaa ta'een siyaasaan ala ta'usm Obbo Leencoo dabalatee hogganoonni dhaabichaa hedduun mootumma MM Abiy waliin dhiyeenyaan hojjechaa jiru.
Dambi Doollootti dhalatanii achumatti baruumsa kan eegalan Obbo Leencoo Lataa, barnoota sadarkaa lammataa Adaamaatti, digirii isaanii ammoo Ameerikaatti 'Keemikaal Injinariingii' baratan.
Yuunivarsiitiin Dambi Doolloo gumaacha isaanii siyaasaa Oromoo fi kan biyyaa kessatti qabaniif doktorummaa kabajaa kana akka kenneef beeksiseera.
Yuunivarsiitichi erga hundeeffammee bara kana yeroo lammataaf barattoota kan eebbisiise yoo ta'u, digirii lammataan barattoota yoo eebbisiisu kun yeroo duraatiifi. Walumaagalatti barattoota 1100 ol bara kana eebbisiiseera.













