Waa'ee komishinii qindeessituu marii biyyaalessaa qabxiiwwan ijoo beekuu qabdan

Manni Maree Bakk Bu'ootaa wixinee labsii Komishinii Qindeessituu Marii Biyyaalessaa wayita raggaasisu

Madda suuraa, HoPR/fb

Ibsa waa'ee suuraa, Manni Maree Bakk Bu'ootaa wixinee labsii Komishinii Qindeessituu Marii Biyyaalessaa wayita raggaasisu

Itoophiyaa keessatti dhimmoota biyyaalessaa fi tokkummaa biyyaalessummaa irratti mariin qixa sirrii ta'een akka gaggeeffamuuf qaamni walaba ta'e akka qindeessu hojjetamaa ture.

Komishiniin marii biyyaalessaa qindeessuufi haala mijeessu kan haaraa hundaa'e kun dhimmoota biyyaalessaa waggootaaf osoo irratti walii hingalamin jiran isaan ijoo ta'an irratti mariin hundagaleessaa fi hunda hirmaachise akka gaggeeffamuuf kan haala mijeessudha.

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Roobii kaleessaa Mudde 29, 2021 kan raggaasise ''Komishiniin Qindeessituu Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa'' wayita wiixinee labsii ta'ee ba'erraa eegalee dubbii ijoo ta'ee tureera.

Waa'ee komishinii kanaa qabxiiwwan ijoo ta'an muraasa.

Muudama komishinarootaa

Labsiin kun jalqaba wayita ba'u komishinaroota torba akka qabaatutu ibsame, erga Mana Maree Ministeerotaaf dhiyaatee booda lakkofsi komishinarootaa gara 11tti guddate.

Labsii jalqabaarratti komishinarri olaanaa fi komishinaroonni kaan Ministeerri nagaa eeruu uummata, dhaabbilee siyaasaa fi dhaabbilee siivilii irraa argate kallattiin Ministira Muummeef kenna kan jedhu ture.

Amma garuu eeruun mana maree bakka bu'ootaaf akka dhiyaatutti fooyya'e.

Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'ootaa eeruu uummata, paartilee siyaasaa fi dhaabbilee siivilii mana marichaaf dhiyeessuun kaadhimamtoota dhiyeessa.

"Sababni isaa eeruu kaadhimamtootaa fudhatee komishinaroota muuduuf aangoo kan qabu Afa-yaa'iidha. Kunis komishinaroonni walaba akka ta'aniif yaadameeti,'' jedha labsiin ragga'e kun.

Mirgoota komishinarootaa

Labsii kana keewwata 15 irratti akka kaa'ametti komishinaroonni muudaman mirga himatamuu dhabuu qabu.

Akkasumas miindaa fi faayidaan komishinarootaa haala qondaaltota mootummaa olaanoof eegamuun qixa eegamaaf.

Komishinaroonni hojii komishinichaa keessatti mirgoota akka sagalee kennuu, sanadootaa fi ragaalee barbaachisoo komishinichaa argachuu fi sakatta'uu qabu.

Iccitii hojii keessatti argan eeguun ammoo dirqama isaanirra kaa'ameedha.

Hojiiwwan komishinichaa

Baajati komishinichaa mootummaadhaan kan ramadamu yoo ta'u, seera faayinaansii mootummaarratti hundaa'uun baajatarratti walabummaa guutuun akka jiraatu komishinichi ni mirkaneessa.

Manni maree Komishinaroonni miseensa itti ta'an hojiiwwan ijoo komishinichaa kan raawwatu ta'a.

Manni maree yaadota mariif ta'an filachuu, yaadota marii koreewwanii fi uumatarraa argaman fudhatee mootummaaf dhiyeessa.

Seera ittiin bulmaataa fi qajeeltoowwan komishinchaas bocuun haala bulchiinsa isaa olaantummaan hooggana.

Uummata gidduutti garaagarummaan bu'uuraa yoo mudate ka'umsa rakkoo adda baasuun mariin hundagaleessaa fi hunda hirmaachise sadarkaa biyyaatti akka gaggeeffamu gochuuf dirqamaa fi aangoo kan qabu komishinii kana.

Yeroo hojii komishinchaa

Labsiin kun jalqaba wayita wixineen isaa qophaa'u waggoota lamaaf tura jedhamee kan ture yoo ta'u, boodarra fooyyeffamuun waggaa sadiif akka ture murtaa'e.

Garuu akkaataama barbaachisummaa isaatiin turtiinsaa dheerachuu akka danda'uu fi kana gochuufis aangoo kan qabu mana maree bakk bu'ootaa ta'uu komishinichi ibseera.

Komshiniin kun waajjirri olaanaan isaa magaalaa Finfinnee ta'ee naannoleerratti ammoo damee ni qabaata.

Aangoo komishinichaa

Komishinichi mariin biyyaalessaa kanaan dura yeroo garaagaraatti gaggeeffamaa turan sirriitti qorachuun galteewwan argatetti fayyadamuun hojiisaa akka gabbisu himeera.

Dhimmoota biyyaalessaa irratti adda addummaan bu'uuraa jiru maal akka ta'e erga adda baasee booda, marii qindeessa.

Komishiniin kun mariin sadarkaa garaagaraatti gagageeffamu qindeessuuf bakka buutota ni ramada, akkasumas ammoo komishinaroonni mataansaa marii gaggeessuu danda'u.

Dhimmoota irratti mar'ataman, adeemsa marii fi bu'aawwan argaman akkasumas karaawwan ittiin bu'aan marii hojiirra ooluu danda'u irratti gabaasa qaaccessee mootummaa fi uummataaf ibsa.

Mootummaan mariin akka gaggeeffamuufi darbees bu'aatti geeddaramee akka hojiitti hiikamu gochuuf aangoo argateera.