Itoophiyaan komiishinii marii biyyalessaa qindeessu hundeessuufi

Madda suuraa, PM Office Ethiopia
Manni Maree Ministirootaa Itoophiyaa wixinee labsii Komiishinii Marii Biyyaalessaa hundeessuuf qophaa'e irratti mari'atee, paarlaamaaf dhiyeesse.
Ibsi Waajjirri MM Jimaata baase akka jedhutti komiishiniin hundaa'u "marii biyyaalessaa hirmaachisaa ta'e walaba ta'ee kan hogganuu fi qindeessudha".
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa irratti wantoota mootummaan waadaa gale keessaa tokko marii biyyaalessaa hirmaachisaa ta'edha kan jedhe ibsichi, waliigaltee biyyaalessaa fi dhimma biyyaa irratti ejjennoo waloo uumuuf mariin akka godhamu eere.
Mariin biyyaalessaa hunda hirmaachisu fi kallatti egeree biyyattii akeeku akka godhamu paartileen siyaasaa mormitu irra deddeebiin waamicha godhaa turan.
Kongaransiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n ibsa Onkololeessa 15 bara 2021 baaseen rakkoo siyaasaa biyyattiin keessa jirtuuf mariin biyyoolessaa 'haqa qabeessaa, dhugaafi hunda hirmaachise' qofatu furmaata jedhee ture.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiru erga eegale as ammoo waamichi waraanichi xumuramee mariin biyyaalessaa haa godhamu jedhu Ameerikaa dabalatee qaamolee garagaraa irraa jabaatee dhagaahamaa ture.
Mootummaan Itoophiyaa yeroo adda addaa marii biyyaalessaa gochuuf hayyamamaa ta'uu ibsaa ture.
"Dhimmoota biyyaa bu'uura ta'an irratti hayyoonni siyaasaa toora gara garaan hiriiran fi uummanni bal'aan yaada walitti dhiyaatu akkasumas tokkummaa biyyaarratti yaada ijaaraa akka qabaatu gochuuf ..." mariin barbaachisaa ta'uu eere ibsi Waajjira MM.
Marii akkanaa gochuuf qaamni walabaa fi fudhatama qabu jiraachuu waan qabuuf komiishinii kana hundeessuun barbaachise jedheera.
Mariin biyyaalessaa komiishinii haaraa hundaa'uun godhamuuf adeemu kun eenyu eenyu akka hirmaachisu wanti beekame hin jiru.
Wixinee labsii komiishinicha hundeessuuf qophaa'es manni maree ministirootaa erga irratti mari'atee booda, akka raggaasifamuuf mana maree bakka bu'oota uummataaf akka dhiyaatu murteessee jira.
Manni Maree Ministirootaa kana kan murteesse MM Abiy adda waraanaatii gara waajjira erga deebi'anii booda marii jalqabaa Jimaata godheeni.
MM Abiy duula adda waraanaa marsaa jalqabaa ''injifannoon xumuranii'' waajira isaaniitti deebi'uu kan beeksisan Roobii darbe ture.
Marii Mana Maree Ministirootaa kana murteessuu isaa guyyaa tokko dura koreen hoji-raawwachiiftuu Paartii Badhaahinaa wal gahee 'mariin biyyaalessaa hirmaachisaa' ta'e godhamuun barbaachisaa akka ta'e mari'atee akka ture miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Torbanoota lamaan darban humnoonni mootummaa federaalaa magaalota finciltoota Tigraayiin qabamanii turan hedduu gadi dhiisisuu danda'ee jira.
Mootummaan injifannoo waraanaa argateen magaalota kana deebisee to'achuu yoo himu, TPLF tarsiimoof jecha gadi dhiisee bahuu hime.
















