MM Abiy diyaaspooraa Itoophiyaa jajuun yeroo biyya galan waan gochuu qaban dhaaman

Madda suuraa, Abiy Ahimed Ali
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad diyaaspooraan Itoophiyaa ''dippiloomatii gaheeyyii ta'uun biyya isaanii kabachiisaniiru'' jedhaanii kanneen sagantaa 'Great Ethiopian Home Coming' jalatti biyyattii dhufaa jiraniif waan hojjechuu qaban dhaaman.
Mootummaan Itoophiyaa waraana humnoota TPLF waliin gaggeessuun walqabatee dhiibbaa biyyoota Lixaa irraa irra gahuu diyaaspooraan biyyoota adda addaa jiru aantummaa biyya isaaf qabu hiriirota gurguddoo dabalatee karaa adda addaan ibsaa ture.
Mootummaan, diyaaspooraan kun aantummaa isaa ibsuuf ayyaana qillee Itoophiyaaf sagantaa 'Great Ethiopian Home Coming' jedhuun miiliyoona tokko ta'e akka galu waamicha dhiyeesseen hawaasni diyaasooraa biyyatti deebi'uu eegaluu hordofee MM baga nagaan dhuftan jedhaniiru.
''Diyaaspooraan Itoophiyaa guutuu addunyaarra jiru biyyi isaanii wayita nama barbaaddetti biyya isaaniif ijoollee yeroo murteeessaa ta'uu isaanii mirkaneessaniiru jennee ija jabinaan dubbachuu dandeenya'' jedhan.
Ibsa miidiyaalee hawaasaa isaanii gubbaatti maxxansaniin ''tokko tokko Itoophiyaa haleeluu yoo kajeelan, gariin dhugaa Itoophiyaa sobaan haguuguuf yoo ka'an, kanneen hafaniis Itoophiyaarratti dhiibbaa hin malle kaahuuf yeroo ka'an hawaasni diyaaspooraa Itoophiyaaf jecha waloon dhaabataniiru'' jedhan.
''Balbala namoota siyaasaa rurrukutaniiru, adda baabayii hiriirota gurguddaan guutaniiru, dhaabbilee gurguddaa muggutaniiru, tarsiimoo dogoggoraa hooggantootaa dura daabbataniiru,'' jechuunis jajaniiru. Miiidiyaaleen dhugaa Itoophiyaa akka agarsiisanis dhiibbaa uumaniiru ittiin jedhaniiru.
Oolmaa hawaasni diyaaspooraa biyyaaf oolaniiru jedhan deeggarsa hidha haaromsaaf godhan dabaluun kan tarreessan MM Abiy ''hawaasni diyaaspooraa dippiloomaatii gaheeyyii ta'uun biyya isaanii kabachiisnaiiru,'' jedhaniiru.
Diyaaspooraan ayyaanaaf biyyatti deebi'aa jiru yakka gareen TPLF uummata irraan gahe addunyaa biroof akka agarsiisan dabalatee wantoota isaan akka irratti hirmaatan barbaadan dhaamaniiru.
Naannolee miidhaman akka daawwatan, uummata akka jajjabeessan adaraa jedha.
''Shorokeessaan TPLF saba keenyarratti hammeecha safara hin qabne geessise ija keessaniin argitanii addunyaa ija koo adda haa godhu jedheef akka agarsiiftan isin hubachiisuun barbaada.''
Sagantaalee dhaabbilee adda addaa qopheessan kan omisha qonnaan bulaa walitti qabu dabalatee kaan irrattis akka hirmaatan, iddoolee hawwata tuuristii akka daawwatan, hojiilee misoomaas akka ilaalan gaafataniiru.
Waamichi diyaaspooraan miiliyoona tokko ta'u ayyaanaaf Itoophiyaatti galuu gama waajira Ministira Muummeen kan dhiyaate yeroo ta'u, daandiin qilleensaa Itoophiyaa milkaahina duula kanaaf tikkeeta geejibaa irratti ilaalcha gatii gochuu isaa beeksiiseera. Gariin diyaaspooraa amma biyyatti deebi'uu eegalaniiru.














