Waraana Kaaba Itoophiyaa: Mootummaan raayyaan isaa naannoo Tigiraay akka hin seenne ajajuu beeksise

Itti-gaafatamaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Dr. Laggasaa Tulluu

Madda suuraa, Ebc/screen grab

Ibsa waa'ee suuraa, Itti-gaafatamaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Dr. Laggasaa Tulluu

Mootummaan Itoophiyaa raayyaan ittisa biyyaa naannolee Amaaraafi Affaar keessatti bakkawwan humnoota TPLF jalaa baasuun to'ate keessa akka turuuf ajajamuu ibse.

Mootummaan kanaan dura Waxabajji keessaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun naannoo Tigraay keessaa kan bahee ture yoo ta'u, kana hordofee garuu waraanichi gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'atee tureera.

Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Dr. Laggasaa Tulluu ibsa Kamisa kennaniin akka himanitti, sababoota gara garaatiin raayyaan gara naannoo Tigraay darbee akka hin seennes murteessuus himaniiru.

Torbanoota darban keessa raayyaan mootummaa federaalaafi humnoonni naannoo Amaaraafi Affaar duula waliin ta'uun gaggeeffamaniin bakkawwan hedduu humnoota TPLFn qabamanii turan deebisanii to'achuu isaanii beeksisaniiru.

Ergama 'Duula Tokkummaa Sab-daneessummaaf' jedhu moggaafame qabatee bobba'uun bakkawwan humnoota TPLFn qabamanii turan bilisa baasuun galma jalqabaa milkeesseera jedhan Dr. Laggaasaan.

Duula kanaan bakkawwan finciltootaan qabamanii turan baha Amaaraafi Affaar guutummaan guutuutti bilisa bahaniiru kan jedhan aanga'aan kun, mootummaan "kaayyoo gareen kun lamaffaa sadarkaa yaaddoo nageenya biyyaa ta'uurra akka hin geenye" milkeesseera jedhan.

Dr. Laggasaan akka jedhanitti, yeroo ammaa fedhiifi dandeettiin TPLF haalaan rukkutameera. "Haata'u malee, fedhii isaa irra deebiyuun akka hin kaasneef mootummaan tarkaanfiiwwan barbaachisoodha jedhee itti amanu yeroo itti aanu kan fudhatu ta'a," jedhan.

Raayyaan bakkeewwan finciltootaan qabamanii turan erga to'ateen booda duulli itti aanu gara naannoo Tigraay ta'uu danda'a jedhamee tilmaamamee kan ture ta'us, mootummaan sababoota isaa ibsuudhaan raayyaan bakka amma jiran qabatanii "chimaniii akka turan ajajamuu" Aanga'aan kun dubbataniiru.

Ministirichi ibsa isaanii kanaan, rakkoofi haleellaan kanaan dura naannoo Tigraay keessatti raayyaa biyyaa mudate ammas akka hin mudanne taasisuuf yeroo barbaachisaa ta'etti bifa qoratameen raayyichi tarkaanfii akka fudhatu taasisuuf yaadamee murteen akka darbe himan.

Dabalataanis, raayyaan mootummaa gara Tigraay kan seenu yoo ta'e shira TPLF diriirseen akka raayyaafi mootummaa hin qabamne ittisuuf ta'uu eeruun, kana ammoo loltoota isaa waraana irratti dhumaniif awwaala jumlaa qopheessuun duguuggaan sanyii raawwatameera himannaa jedhu dhiyeessuuf garichi qophaa'aa jiraachuus ibsaniiru.

Haata'u malee, haalli walabummaafi tokkummaa daangaa biyyattii balaaf kan saaxilu uumameera jedhamee yeroo yaadamutti mootummaan itti-gaafatamummaa Heera mootummaa itti kenname bahachuudhaaf haalaafi bakka kamittiyyu gara Tigraay seenuun tarkaanfii barbaachisaa ta'e fuchachuuf mirgaafi dirqama qaba jechuun ibsan Dr.Laggasaan.

Guyyoota lama dura mootummaan Itoophiyaa TPLF adamsuuf Naannoo Tigraay keessatti duula waraanaa bal'aa adeemsisuuf fedhii akka hin qabne Ministirri Di'etaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reediwaan Huseen himanii ture.

Aanga'aan mootummaa kun ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa Finfinnee jiran waliin haala yeroo Itoophiyaa keessa ibsa yeroo kennanitti, mootummaan Itoophiyaa ''garee shororkeessaa adamsuuf gandootaa fi magaalota Tigraay tokkoon tokko keessa duula waraanaa bal'aa gaggeessuuf fedhii hin qabu,'' jedhaniiru.

Dabaluunis, mootummaan tokkummaa daangaa biyyattii kabachisuuf dirqama irra jiru bahuuf akka dalaguufi Tigraay dabalatee bakkeewwan biyyattii kamittuu mirga waraana federaalaa bobbaasuu qabu akka kabachiisu ibsaniiru