Waraana Itoophiyaa: 'Hanga TPLF tokkummaa Itoophiyaaf yaaddoo ta'uu dhabutti raayyaan tarkaanfii ni fudhata'

Madda suuraa, Government Communication/FB
Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) kan mootummaa Itoophiyaa waggaa caalaa Kaaba Itoophiyaatti lolaa ture 'hanga tokkummaa biyyattiif balaa ta'uu dhabutti' waraanni tarkaanfii akka fudhatu mootummaan beeksise.
Guyyaa Roobii miidiyaaleef ibsa kan kennan Dubbii Himaan mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa si'achi tarkaanfii waraanni biyyattii fudhatu akeekaniiru.
TPLF "sadarkaa lammata tokkummaafi birmadummaa Itoophiyaaf yaaddoo hintaanerra hanga gahutti Raayyaan Ittisaa tarkaanfii barbaachisaa kamiyyuu ni fudhata" jedhan.
Haa ta'u malee, guyyaa kaleessaa dippiloomaatota alaaf haala nageenyaa biyyattii keessa jiruurratti ibsa kan kennan qondaalli Itoophiyaa biroo waraanni Tigraay seenee ''duula waraanaa bal'aa taasisuuf fedhii hin qabu'' jedhaniiru.
Ministir Di'eetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Rediwaan Huseen TPLF bakkeewwan Amaaraa fi Afaar qabatee ture keessaa kan bahe fedhii nagaaf qabuuf osoo hin taane mo'ameeti jedhan.
Kunis ta'e mootummaan Itoophiyaa ''garee shororkeessaa adamsuuf gandootaa fi tokkoon tokkoo magaalota Tigraay keessa duula waraanaa bal'aa gaggeessuuf fedhii hin qabu,'' jedhaniiru.
Ta'us, si'achi TPLF haleellaa kamuu raawwachuu akka hin dandeenye gochuuf wanti barbaachisu kamuu akka taasifamu dubbachuu isaanii Ministirri Dhimma Alaa fuula Facebook isaarratti barresseera.
Dabaluunis, mootummaan tokkummaafi daangaa biyyattii kabachisuuf dirqama irra jiru bahuuf akka dalaguufi Tigraay dabalatee bakkeewwan biyyattii kamittuu mirga waraana federaalaa bobbaasuu qabu akka kabachiisu ibsaniiru.
Obbo Kabbadaan maal jedhan?
Waraanni mootummaa haleellaa torban muraasa darban raawwateen bakkeewwan Naannoo Amaaraafi Afaar keessaa kana dura finciltoota Tigraayiin qabamee ture to'achuu himeera.
Gaafa Dilbataa xalayaa UN'f barreessaniin Dura Taa'aan TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el humnoota isaanii Naannoo Tigraayiin ala jiran gara Tigraayitti akka deebi'an ajajuu isaanii himaniiru.
TPLF murtee kana kan fudhateefis waldhabdee mootummaa waliin jiru karaa nagaan furuuf karaa saaquuf jedhan.
Haa ta'u malee, waraanaan injifatamee bahuu isaa dhaabichi ni waakkata.
Guyyaa har'aa ibsa yeroo kennan Ministir Di'eetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa finciltoonni Tigraay mo'amuu isaanii dhokfataa jiru jedhan.
Humnootiin TPLF 'nagaaf jecha naannolee Affaar fi Amaaraa keessaa baanerra' jechuunsaanii injifatamuusaaniifi kasaaraa irratti qaqqabe dhoksuu kan kaayyefatedha jechuun dubbatan.
TPLF furmaata karaa nagaaf Affaariifi Amaaraa keessaa baheera jechuunsaa "hawaasa addunyaa dogongorsuu, ummata Tigraay burjaajessuufi ijoolleessaa waraana dabalataaf akka qopheessu gochuuf kan raawwatamedha" jedhan.

Madda suuraa, Government Communication Service/FB
Duula torbeewwan sadeen darbaniif taasifameen Raayyaan Ittisaa humnootii TPLF irratti kasaaraa guddaa qaqqabsiise jedhan.
"Gareen shororkeessaa 'Finfinnee seenuuf sa'aatiiwwanfi fageenya muraasatu nahafe' jechuun fakkaraa kan ture osoo hinjaalatiin, dirqamee, reebamee gara itti dhufetti deebi'eera" jedhan.
Miidiyaaleen idil addunyaa akka waan TPLF nagaaf jecha ofirra deebi'etti gabaasaa jiran akka jiranis himuun isaanillee qeeqan.
Qondaalli kuni biyyaaleen tokko tokko dhaabbilee Mootummoota Gamtoomanii akka meeshaa siyaasaatti fayyadamuun biyyattiirratti dhiibbaa gochuuf yaalaa jiru jechuunis komatan.
Himannaa isaanii kanaaf Obbo Kabbadaan murtii Manni Maree Mirgoota Namoomaa UN tibbana himannaa sarbama mirgaa Itoophiyaa kessaa gareen idil addunyaa akka qoratu murteesse eeran.
Itoophiyaan durumaa adeemsa kana mormaa kan turte yoo ta'u, murtee darbees akka hin fudhanne ibsite.
Waraanni Itoophiyaa mariin akka furamu yeroo garaagaraatti carraaqqiin taasifamuus ammatti ifatti ija hin godhanne.
Waraana Kaaba Itoophiyaan lammiileen miiliyoona 9 ol ta'aniifi naannolee sadii keessa argaman deeggarsi nyaataa akka isaan barbaachisu UN himeera.
Waraana waggaa tokko ol ture kanaan lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an kumaatamatti kan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.

















