Waraana Itoophiyaa: 'Lubbuu namaa waraana kanaan darbeef yeroo hundaan gadda' - Obbo Getaachaw Radaa

Getaachaw Radaa

Madda suuraa, Anadolu Agency

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko caalaa lakkoofsiseen finciltoonni Tigraay haleellaa xiyyaara nam - maleeyyii(drones) waraanni Itoophiyaa fayyadameen dhiibbaa jala seenuu Dubbii Himaan TPLF amanan.

Dubbii Himaan TPLF Obbo Getaachaw Radaa turtii BBC Focus on Africa waliin taasisaniin humnoonni kana dura badii nurratti raawwatan jedhanii himatan ''marsaa biraaf nutti qophaa'aa jiru,'' jechuun himan.

Dabalataan, waraana kana keessatti lubbuu lammiilee nagaafi loltootaa darbeef ''yeroo hundaan gadda,'' jechuun, sababa kana dura waamicha nagaa fudhachuu barfataniif himaniiru.

Guyyaa Dilbataa Dura Taa'aan TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el xalayaa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereezif barreessaniin humnoota isaanii Tigraayitti waamuu himaniiru.

Ajaji Dura Taa'aa TPLF kuni waraanni Itoophiyaa booda kana magaalotaafi bakkeewwan hedduu Naannoo Amaaraafi Afaar jala jiraniifi finciltoota harkaa deeffachuu hordofee dhagahame.

Murteen TPLF kuni baatii tokko dura gara Finfinnee imalaa isa turaniin faallaatti ofirra deebi'uf dirqamuu isaanii akeeka.

Dhaaba TPLF kan mootummaan Itoophiyaa galmee paartii siyaasaa keessaa haqeefi shororkeessaa jedhee galmeesserraa yaada dhihaate irratti ammatti deebiin mootummaa irraa ifatti kenname hin jiru.

Obbo Getaachoon maal jedhan?

Finciltoonni Tigraay Naannoo Amaaraafi Afaar seenanii loluu kan eegalan waggaa darbe labsii dhukaasa dhaabuu gam - tokkee waraanni mootummaa labse fudhachuu diduuni.

Baatiiwwan afur caalaniifis bakkeewwan to'atan babal'isaa Finfinneetti akka qajeelaniifi mootummaa aangorra jiru akka buqqisuuf jedhan himanii ture.

Baatii tokko dura MM Abiy dirree waraanaatti bu'uun waraana kallattiin taliiguu eegaluu isaanii hordofee waraanni mootummaa bakkeewwan deeffachuu eegale.

Yeroos TPLF 'tooftaaf' duubatti deebi'aa jiraachuu ibsaa ture. Waraanni Itoophiyaa immoo waraanaan waan ijifatamaniif duubatti deebi'uuf dirqamuu dubbatan.

Dr Dabratsiyoon
Ibsa waa'ee suuraa, Dura taa'aan TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el xalayaa UN'tti barreessaniin humnoonni isaanii Amaaraafi Afaar keessaa akka bahan ajajuu himan

Waraanni mootummaa bakkeewwan yeroo muraasatti deeffachuu isaaf waraana hedduu leenjisuun of cimsuu, akkasumas MM Abiy dirreetti argamuun lolchisuun alatti xiyyaaronni nam- maleeyyii qooda akka qaban xiinxaltonni himu.

Dhimma kana irratti gama mootummaa Itoophiyaa ifatti kan dubbatame jiraachuu baatus Dubbii Himaan TPLF haleellaa dirooniin dhiibbaa jala seenuu BBC'tti himaniiru.

Ta'us, dirooniin lammiilee nagaas miidhaa jira jechuun waraana mootummaa himatu.

''Humni qilleensaafi diroonii dabalatee lammiiilee nagaa irratti boqonnaa malee haleellaa raawwataa jiru. Qaamoleen alaa waraana kana keessa hirmaataa akka jiran hubataa jirra.

''Hawaasi idil addunyaa tarkaanfii fudhachuuf dirqama qaba,'' jechuun dhiheenya lolli waraana Itoophiyaa jalatti waan itti hammaateef karaa nagaa soquu isaanii BBC irraa gaaffii dhihaateef deebisan.

Dhimmuma kana irratti gaazexaa US Niiw Yoork Taayimsitti kan dubbatan ajajoota humnoota Tigraay keessaa tokko kan ta'an Janaraal Tsaadiqaan G/Tinsaa'e sababa dirooniin balaaf akka saaxilaman himan.

Obbo Getaachoon biyyootni kanneen akka UAE, Chaayinaafi Iraan mootummaaf diroonii dhiheessaa jiru jechuun himataniiru. Himannaan wal fakkaataa kana dura dhihaataa ture.

Dabaluunis, ibsa UN'tti barreeffameen Naannoo Tigraay keessa xiyyaara deeggarsaa malee kan waraanaa akka hin balaliine taasifamuu qaba jechuun waamicha taasisaniiru.

Mootummaan haleellaan dirooniis ta'e humna qilleensaa kanneen lola keessa qooda qaban, akkasumas meeshaa waraanaa irratti xiyyeeffate rukutaa akka jiru ibse.

Obbo Getaachoon dabalaniis, waraanni Itoophiyaafi Ertiraa daangaa Naannoo Tigraay irratti walitti qabamaa jiru jechuun haleellaan banamuu mala jedhanii yaaddoo akka qaban ibsan.

'Lubbuu darbeef nan gadda'

TPLF ibsa UN'tti ergeen humnoonni isaa Tigraayitti akka deebi'an ajaja kan dabarse waldhabdee mootummaa waliin jiru karaa nagaan furuuf karaa saaquufi jedhe.

Dabratsiyon xalayaa UN'f barreessan kanaan, "TPLF yaada atattamaan waraana dhaabuu kan mariin itti aanee gaggeeffamu dhiyeesseera," jedhaniiru.

TPLF humnoota isaa Amaaraafi Afaaritti bobbaase akka deebisu Ameerikaan kana dura irra deddeebbiin gaafataa turte, garuu TPLF hin fudhanne.

Lolli Kaaba Itoophiyaa lammiilee miiliyoona lama qe'eerraa yoo buqqisu kan isaan caalan immoo deeggarsa nyaataa barbaadu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lolli Kaaba Itoophiyaa lammiilee miiliyoona lama qe'eerraa yoo buqqisu kan isaan caalan immoo deeggarsa nyaataa barbaadu

Tigraayiin alatti lolli naannolee ollaatti ce'u isaan badiin dabalataa bal'aa ta'e mudateera. Murteen kuni maaliif dursee hin dhufne jedhamanii BBC'n kan gaafataman Obbo Getaachoon sababoota eeran.

''Lubbuu lammiilee nagaa fi loltoota gama kamiinuu jiraniin darbeen yeroo hundaa nan gadda. Balbala karaa nagaa kan cufe nu miti,'' jechuun mootummaa himatani.

''Ummanni keenya tajaajiloota bu'uuraa kanneen akka telekominikeeshinii, ibsaa irraa citeera. Ulaan deeggarsa namoomaa cufameera,'' jechuun hawaasni idil addunyaa furmaata kennuu dhabuu ibsuun komatan.

''Xalayaan kuni salphaadhumatti nagaaf qophii ta'u keenya ifa godhe,'' jechuun himan.

Amma maaltu eegama?

Waraanni Itoophiyaa mariin akka furamu yeroo garaagaraatti carraaqqiin taasifamuus ammatti ifatti ija hin godhanne.

Ameerikaan kanneen waraana keessaa qooda fudhatan waraana dhaabanii mariitti yoo hin deebine akka qoqqobdu akeekkachisteetti.

Waraanni dhaabatee mariin haa eegaluuf immoo humnoonni TPLF Naannoo Amaaraafi Afaar keessaa akka bahan mootummaan Itoophiyaa akka haaldureetti kaa'ee ture.

Ta'us, ammatti murtee TPLF irratti gama qondaaltota Itoophiyaa irraa ifatti deebiin kenname hin jiru.

Waraana booda kanaan humnoonni mootummaa bakkeewwan Amaaraafi Afaar humnoota TPLF harkaa baasan tarkaanfiin itti aanu fudhatan maal akka ta'u hin beekamu.

Waraana Kaaba Itoophiyaan lammiileen miiliyoona 9 ol ta'aniifi naannolee sadii keessa argaman deeggarsi nyaataa akka isaan barbaachisu UN himeera.

Deeggarsi namoomaa kanneen balaa kanaan miidhaman bira akka gahuuf immoo waraanni dhaabatee furmaanni gama siyaasaa akka jiraatu waamichi taasifamaa ture.

Waraana waggaa tokko ol ture kanaan lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an kumaatamatti kan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.

Dabalata: