Lola Tigraay: Lola Itoophiyaa keessatti deemaa jiruun walqabatee hawaasni addunyaa maaliif yaadda'e?

Lolli Kaaba Itoophiyaa lammiilee miiliyoona lama qe'eerraa yoo buqqisu kan isaan caalan immoo deeggarsa nyaataa barbaadu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lolli Kaaba Itoophiyaa lammiilee miiliyoona lama qe'eerraa yoo buqqisu kan isaan caalan immoo deeggarsa nyaataa barbaadu

Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan gara Keeniyaatti qajeelaniiru. Achittis lola biyya Itoophiyaa keessa jiru ni mari'atu jedhamee eegama.

Lammiileen US fi UK Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan itti himameera. Akka ibsa ministeera Biritiishitti ''osoo balaliin xiyyaaraa daldalaa osoo jiruu,'' bahuu qabu.

Gorsi baatii Hagayya keessa Kaabul keessa taasifamen walfakkaatu kun yeroo humnoonni finciltotaa Kaaba Tigraay gara magaalaa Finfinneetti qajeeluuf wayita edaa jirra jedhanii himanittidha.

Waraana waggaa dura eegaleefi rakkoo deggarsa namoomaa hammeesse kanaan yaaddoon alaas guddataa jira.

Wanti Itoophiyaa keessatti dhalate Gaanfa Afrikaafi addunyaa bal'oof wanti akeeku bal'aadha jechuun dhiibbaan dippilomasii Afrikaafi US dabalaa jira.

Maaliif yaaddessa?

Waraana kanaan walqabatee lakkoofsi himaman mataan isaanii rifaasisoodha.

Yoo xiqqaate ummanni 400,000 ta'u haala beela fakkaatutu isa qunnamaa jira, qorichi barbaachisoo 80% ta'u hin jiru, akkasumas namoonni miiliyoona lama caalan qe'ee isaanii irraa buqqa'uf dirqamaniiru.

Mootummaan federaalaa deeggarsi namoomaa akka Tigraay hin seenne beekaa dhorkaa jira jedhamee himatama. Himannaa kana mootummaan hin fudhatu.

Dabalataan, ragaan ajjeechaa seera malee, dararaa, fi miidhaan saal - qunnamtiin wal qabatu qaamolee lamaaniinis raawwateera.

Fedhiin tarsiimoos ni jira.

Itoophiyaa, kan ummata miiliyoona 110 qabdu - ardii Afrikaa keessaa baay'ina lakkoofsa ummataan lammaffaa taate, naannawa rakkoo nageenyaa qabu keessa michuu ijoo warra Lixaa tasgabbii qabdu turte.

Lolli ammaa biyya saba hedduu qabdu keessa hookkara bal'aa uumee diigumsatti qajeelacha jedhamee sodaatameera.

Ummanni miiliyoonaan lakkaa'amu lola hammaate kanaan yoo baqate biyyoonni ollaa to'achuuf ni rakkatu.

Biyyi ulaa galaanaa hin qabne Itoophiyaan biyyoota jaha daangessiti. Kanneen keessaa lama lola keessa jiru - Sudaan Kibbaafi Somaaliyaa. Sudaan keessattimmoo dhihoo waraanni aangoo to'ateera.

Itoophiyaan ergama Gamtaa Afrikaa - UN jalatti hidhattoota Islaamistoota loluuf Somaaliyaatti loltuu bobbaafteetti. Yoo biyyatti barbaadaman loltoonni kun Somaaliyaa keessaa baafamuu danda'u sodaan jedhu jira.

Osoo imala Afrikaa hin eegaliin, Biliinkan gama kamiinuu lolli jiru ''ummata Itoophiyaafis ta'e kaan naannicha jiraniif balaadha,'' jechuun akeekkachiisaniiru.

Waraanni Ertiraa Itoophiyaa keessaa lolaa jiru. Lolli dheerate ammoo naannolee biroos waliin gahuu danda'a.

Biyyoonni lafarraa fagoo jiranillee keessatti dabalamaa akka jiran gabaafameera.

Ummanni kuma kurnaniin lakkaa'amu jalqaba baatii kana waraana mootummaan TPLF irratti taasisu deeggaruuf magaalaa Finfinneetti hiriira bahe

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Ummanni kuma kurnaniin lakkaa'amu jalqaba baatii kana waraana mootummaan TPLF irratti taasisu deeggaruuf magaalaa Finfinneetti hiriira bahe

Baati darbe, Rooyitars Tarkiin Itoophiyaatti diroonii waraanaa gurguruuf waliigalteetti jechuun gabaase.

Waliigalteen kunimmoo hariiroo Tarkiin Masrii kan dhimma Hidha Abbayyaa irratti mormii ofii qabdu yaaddesse jedha gabaasichi.

Akka gabaasa Marsariitii Ittisaa Oryx jedhamutti, Itoophiyaan meeshaa waraanaa Chaayinaafi Iraan bitteetti. Balalii Biyyoota Arabaa Gamtoomanii (UAE) irraa ka'un itti dhimma bahamaa jira jechuun gabaase.

Akka ilaalcha Ameerikaatti Itoophiyaan michuu amanamtuu ta'uun ilaalamti, keessumaa yeroo waraana shororkeessummaa qolachuuf taasifametti.

Waraanni Itoophiyaa Somaaliyaa keessa fuldura dhaabbachuun hidhattoota Islaamistootaa lolaniiru. Yeroo waraana Iraaq Itoophiyaan qilleensa (airspace) ishee USf eeyyamteetti.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa muraasa ''qindoomina fedhii'' US seenan keessaati.

Itoophiyaa keessa mootummaan tasgabbii qabummoo hariiroo kanaaf murteessaadha. US bara 2016 - 2020 deeggarsa maallaqaa dolaara biiliyoona 4.2 Itoophiyaatiin deeggarteetti.

Haata'u malee, Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US Jeeferii Feltimaan bulchiinsa Sooriyaa Bashar al - Asaadiin wal bira qabuun imaammati mootummaa federaalaa ummata bal'aa beelaaf saaxile jechuun qeequu hin dhiifne.

Dhuguma Finfinneen haleellaaf saaxilamtee?

Akkuma loltoonni Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) daandii guddaa Kaabarraa Finfinnee geessu to'atuu itti fufaniin muddamni dhalate.

US lammiileen ishee akka bahan ergaa dabarsite, Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ammoo Labsii Yeroo Muddamaa labsan. Namoonni dabalataa akka waraana seenan waamicha taasisan.

Qondaaltonni bulchiinsa magaalaa Finfinnee ummanni meeshaa waraanaa qabu akka galmeeffatu gaafatan.

Gareen fincilaa biroo TPLF waliin hariiroo tolfatees gara magaalaa Finfinneetti dhihaachaa akka jiran ibsan.

Magaalli Finfinnee saboota hedduu qabaachuun ishee ammoo muddama dabalataa biraa uume, muraasni hidhaan jabaate dhalattoota Tigraay irratti xiyyeeffate jechuun qondaaltota himatu.

Humnoonni Tigraay garuu ammallee magaalaa Finfinnee irraa 300km ol fagaatanii naannawa magaalaa Kombolchaa jiru.

Kaartaa Itoophiyaa

''Kun Taalibaan miti Afgaanistaan keessa osoo hin dhukaasin magaalaa walirratti kan to'atu,'' jechuun Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti gargaaraan duraanii Dhimma Afrikaa Tiboor Naagii ni himu.

''Bakkeewwan amma TPLF to'atee jirutti mataa isaa, mormii cimaatu jira.... Finfinnee qabachuuf yaaliin taasifamu ammoo dhiiga hedduu dhangalaasa.''

Finfinneen nan qabadha jechuun ammoo yaaddoo uumuufi jechuun himu Ambaasaaddarri kun.

TPLF wanti fedhu deeggarsi namoomaa Tigraay akka seenu gochuudha jechuun ibseera.

''Gara [Finfinnee] qajeeluu itti fufna ... garuu fedhiin keenya uggura kaasuu waan ta'ef dhimmi keenya waa'ee Finfinnee miti,'' jechuun Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Radaa BBC Focus on Afrikaaf himan.

Mootummaan Itoophiyaa TPLF galmee shororkeessitootatti kan galmeesse yoo ta'u, Ministirri Muummee Abiy Ahimad loluu akka itti fufan ibsaniiru.

''Diina kana dhiigaafi lafee keenyaan awwaallee Itoophiyaa ammallee ol kaafna,'' jechuun MM Abiy dubbataniiru.

Marii nagaa ni jiraa?

Yaaddoon amma jiru lolli kuni sadarkaa haaraa waan seeneef gareewwan lamaaniifuu waraana dhaabuun haalaan rakkisaa ta'uu mala.

Lolichi biyyattii waliin gaha yaaddoon jedhus jira.

TPLF gareewwan mootummaa morman waliin qindoomina uumuun bulchiinsa MM Abiy xumura itti tolchuu akka barbaadu hima.

Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Olusegun obasaanjoo ''carraa foddaa'' xiqqaa arguu isaanii himaniiru.

Erga qaamolee lamaan dubbisan booda mariifi furmaata siyaasaaf waamicha taasisaa jiru. Ta'us, karaatti kuni argamuu danda'u hin ibsine.

UN'tti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Taye Atsqe Selassie deebiin kennan qormaata kanneen araara buusuuf socho'an qunnamu kan agarsiisudha.

Waamicha mariif taasifamu akka kabajan ibsani. Ta'us, TPLF ''garee yakkamaadha'' jechuun ibsan.

Yeroo waraanni eegale waggaa guute dhalattoonni Tigraay Waashingitan DC'tti hiriiraaf bahan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo waraanni eegale waggaa guute dhalattoonni Tigraay Waashingitan DC'tti hiriiraaf bahan

Dubbii Himaan TPLF Getaachaw Radaa, ''carraaqqiin 'nagaa buusuu' hedduu rakkoo siyaasaa ijoo biyyattii quname furuu osoo hin taane MM Abiy oolchuuti,'' jechuun Tiwiitara gubbaa barreessan.

Dhugaadha, mariin waraana dhaabuuf taasifamu kanneen akkaan waldhaban gidduutti.

Karaan tokko lamaan isaanii akka mariif taa'an gochuun danda'amu yoo Ameerikaafi Chaayinaan akkasumas Turkiin waliin socho'anidha jedhu dippilomaatiin duraanii US Tiboor Naagi.

''Yoo US fi Chaayinaan waan walfakkaataa jedhan Abiy wanta didu miti.''

Jalqaba waraana dhaabuuniifi deeggarsi namoomaa akka ummata bira gahu gochuun ergasii filmaatawwan siyaasaa barbaaduudha jechuun ibsu.

Waraanni kuni maalirratti?

Maddi ijoo waraana kanaa waliigaltee dhabuu MM Abiy fi dhaaba TPLF Tigraay qofa osoo hin taane waggoota 27'f Itoophiyaa olaantummaan bulchaniidha.

MM Abiy bara 2018 mormii ummata Oromoon gara aangootti bahani.

Ummanni Oromoo - ummata bal'aa Itoophiyaa - yeroo dheeraaf akka hacuucamu dubbata. MM Abiy Oromoo ta'aniifi dhaabata yeroos Itoophiyaa bulchaa ture keessa turan rakkoo kana ni furu jedhamee fudhatame.

Akkuma aangootti dhufaniin siyaasa dorgommiif banaa gochuun Ertiraa waliin araara buusan. Yeroo kana TPLF qarqaratti dhiibame.

Waldhibdeen TPLF fi MM Abiy baatii 12 dura yeroo humnoonni Tigraay meeshaa waraanaa saamuuf buufata waraana Itoophiyaa irratti haleellaa raawwatuun himatamaniifi mootummaan federaalaa deebii kenne eegale.

More on the Tigray crisis: