Waraan Itoophiyaa: Dursaan TPLF humnoonni Tigraay naannolee ollaa keessaa gara daangaatti akka deebiyan ajajuu himan

Dursaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Dabretsiyon Gabremikaa'el (PhD) xalayaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN)f barreessaniin humnoota isaanii Tigraayiin ala jiran akka bahaniif ajajuu ibsan.
"Gareewwan Waraana Tigraay daangaawwan Tigraayiin ala jiran gara daangaatti akka deebiyan amuma hojiitti hiikamu ajajeera," jedhan.
TPLF murtee kana kan fudhateefis waldhabdee mootummaa waliin jiru karaa nagaan furuuf karaa saaquuf jedhan.
Dabretsiyon xalayaa UNf barreessan kanaan, "TPLF yaada atattamaan waraana dhaabuu kan mariin itti aanee gaggeeffamu dhiyeesseera," jedhan.
Hawaasni addunyaa sagalee guutuun akka naannolee ollaa keessaa baanuuf nu gaafachuu isaa dhageenyeera kan jedhan dursaa TPLF, mootummaan Itoophiyaas gaaffii wal fakkaatu dhiyeessuu himu.
Ummanni Tigraay beelaafi haleellaa diroonii dabalatee rakkoo hamaa hin dubbatamnee keessa jiraachuu xalayaa isaanii kanaan ibsaniiru Dabretsiyon.
Ejjennoon finciltoota TLF kun kan dhaga'ame torbanoota muraasa darban keessa bakkawwa baatii Adoolessaa as naannolee Amaaraafi Affaar keessaa finciltootaan qabamanii turan humnoonni mootummaa federaalaa harkatti deebifachuu horofeeti.
Magaalaa seena-qabeettii Laalibalaa ammas deebifachuu dabalatee humnoonni mootummaa magaalota gurguddoo Amaraafi Affaar harka finciltootaa turan hunda tibbana deebifachuun dhagahameera.
Haata'u malee, "humnoonni keenya ammallee cimoofi kan hin mo'atamnedha" kan jedhan Dabretsiyon, waraanaan mo'atamuu wakkataniiru.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) har'a dhimma deeggarsa namoomaa Kaaba Itoophiyaa irratti ni mari'ata jedhamee eegamaa jira.
Miseensonni manni maricha ajandaa 'Any Other Business' ykn ammoo 'dhimmoota kaan' jedhu jalatti waa'ee Itoophiyaa keessa jirurratti mari'atu.
Mariin kun akka gaggeeffamuuf gaaffii kan dhiyeessan Istoniyaa, Firaans, Aayarlaand, Noorweey, UK fi Ameerikaa yoo ta'an, barreessaa olaanaa UN jalatti qindeessaa gargaarsa namoomaa kan ta'an Maartiin Giriifiiz mana marichaaf ibsa ni kennu jedhamee eegama.
Akkaataan gargaarsi namoomaa naannolee waraanaan miidhaman keessatti kennamaa jiru xiyyeeffannaa ijoo marichaa ta'uu akka hin oolle gabaasaaleen ni mul'isu.
Akka UN jedhutti, naannolee Amaaraa, Affaar fi Tigraay keessatti namoonni miliyoona 9.4 ta'an deeggarsa namoomaa barbaadu.
Miseensonni mana maricha sarbama mirgoota namoomaa waraana Kaaba Itoophiyaan wal qabatee raawwatamaa jira jedhamu irrattis yaaddoo qaban akka ibsan eegama.
Walgahiin kun Manni Maree Mirgoota Namoomaa UN Jimaata darbe sarbamoota mirgoota namoomaa waraana keessatti qaamolee maraan raawwataman qorachuuf komiishiniin idil-addunyaa walaba ta'e akka hundaa'u murteessuu isaa booda taa'ama.
Itoophiyaan murtee kana akka hin fudhannee fi komiishinii hundaa'u waliinis akka hin hojjenne beeksifteetti.
Torban darbe humnoonni mootummaa magaalota ijoo dhiyeenya daangaa Tigraayitti argaman akka Waldiyaa fi Qobboo dabalatee guutummaa Godina Walloo Kaabaa deebisee to'achuu mootummaan beeksisee jira.
Odeeffannoo biroo kana waliin eemaniif:
- Humnooti isaa Waldiyaa fi Qobboo to'achuu mootummaan Itoophiyaa beeksise
- Itoophiyaan murtee UN 'birmadummaa biyyaa dhiiba' jechuun akka hin fudhanne ibsite
- UN sarbama mirgootaa waraana Itoophiyaarratti qorannoon idil-addunyaa akka godhamu murteesse
- Naannoo Amaaraa bakka hidhattoota TPLF jala turanitti badiin gahe hangami?
















