Waraana Kaaba Itoophiyaa: Itoophiyaan 'birmadummaa biyyaa dhiiba' jechuun murtee UN kufaa goote

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan murtee Manni Maree Nageenyaa UN komiishiniin idil-addunyaa sarbama mirgoota namoomaa waraana Itoophiyaa waggaa tokko lakkoofsise keessatti raawwataman qoratu akka hundaa'u dabarse kufaa goote.
Komiishinii kana waliin hojjechuuf hayyamamtuu akka hin taanes ibsi Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa Jimaata baase ni hima.
Manni Maree Nageenyaa UN faayidaa qaamolee ajandaa siyaasaa isaanii tarkaanfachiisuu barbaadaniif oolfamuutti Itoophiyaan akka malee mufatteetti jedha ibsichi.
Murteen darbe faallaa yaadota furmaataa qorannoo waloo Komiishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Waajjira Mirgoota Namoomaa UN keessatti eeramaniiti jedhe.
Manni Maree Mirgoota Namoomaa UN walgahii addaa Jimaata Jenevaatti taa'een sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti qaamolee hundaan raawwataman qorachuuf komiishiniin eksipartootaa idil-addunyaa akka hundaa'u sagalee caalmaan murteesse.
Biyyooti miseensa mana marichaa 21 yaada murtii dhiyaate yoo deeggaran, 15 mormanii 11 ammoo sagalee hin kennine.
Mootummaan Itoophiyaa walgahiin kun osoo hin taa'amiin dura murtee walgahichi dabarsu kamuu akka hin fudhanne beeksisee ture.
Itoophiyaan mana maricha waliin haala ijaaraa ta'een waliin hojjechuuf gaaffii dhiyeessitus, qaamoleen fedhii siyaasaa qaban mirga sagalee caalmaatti fayyadamuun murtichi akka darbu gochuu ibsi Ministeera Haajaa Alaa qeeqeera.
"Gochi mana marichaa kun karaa itti dhimma keessoo biyya biradummaa qabduu keessa harka naqatan barbaaddachuuf yaalii taasifamedha. Haala lafarra jiru yoo hammeesse malee faayidaan inni qabus hin jiru."
Itoophiyaan "walgahii addaa waamames ta'e murtee wagahichaa bu'aa siyaasaaf jecha dabarfame guutummaatti kufaa gooti" jedhe.
Murteen akkanaa birmadummaa Itoophiyaa, tokkumaa daangaa fi walabummaa siyaasaa biyyattii kan dhiibuudha jedhe.
Itoophiyaan komiishinii eksipartootaa idil-addunyaa bu'uura murtee kanaatiin waliigaltee ishii malee hundaa'u waliin tumsitee hin hojjettu jedha ibsi kun.
UN qaamoleen waraana Itoophiyaa irratti hirmaatan marti sarbama mirgootaa raawwachuu himee, waraanni Itoophiyaa guutummaa naannichaaf balaa waan qabuuf humnooti hundi of duuba deebi'uu akka qabanis akeekkachiise.














