Waraana Kaaba Itoophiyaa: Manni Maree Mirgoota namoomaa UN dhimma Itoophiyaa irratti murtee dabarse

Madda suuraa, UN Human Rights Council
Manni Maree Mirgoota Namoomaa UN walgahii addaa Jimaata Jenevaatti taa'een sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti qaamolee hundaan raawwataman qorachuuf komiishiniin eksipartootaa idil-addunyaa akka hundaa'u sagalee caalmaan murteesse.
Biyyooti miseensa mana marichaa 21 yaada murtii dhiyaate yoo deeggaran, 15 mormanii 11 ammoo sagalee hin kennine.
UN qaamoleen waraana Itoophiyaa irratti hirmaatan marti sarbama mirgootaa raawwachuu himee, waraanni Itoophiyaa guutummaa naannichaaf balaa waan qabuuf humnooti hundi of duuba deebi'uu akka qabanis akeekkachiise.
Walgahii addaa Gamtaa Awurooppaan waamamee kanarratti biyyoonni miseensota mana marichaa sarbama mirgoota namoomaa hamaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jira jedhaniin daran yaadda'uu ibsan.
Walgahii kanarratti sarabama mirgoota namoomaa raawwataman jedhaman irratti qorannoon idil-addunyaa walaba ta'e akka godhamuuf komiishiniin eksipartootaa akka hundaa'u wixineen yaada-murtii dhiyaatee falmiin irratti godhameera.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa Kamisa Mudde 16, 2021 galgala baaseen murtii walgahii kanarratti darbu kamuu akka hin fudhanne ibsee ture.
Mootummaan Itoophiyaa yaa'iin addaa dhimma Itoophiyaarratti taa'amu kun dantaa siyaasaa biyyoota Lixaa tajaajiluuf yaada jedhuun wixinee yaad-murtii qophaa'ettu gadduu ibsee, adeemsa isaas balaaleffatee ture.
Wixinee yaada murtii 'qorannoon idil-addunyaa walaba ta'e akka godhamuuf komiishiniin eksipartootaa akka hundaa'u' jedhu biyyoonni gariin yoo deeggaran, gariin ammoo mormuun sagalee isaanii dhageesisanii jiru.
Yaada murticha qopheessuun mana marechaaf kan dhiyeesse Gamtaan Awurooppaa, yaadi murtichaa sarbama mirgoota namoomaa gama lamaaniinuu raawwatamaa jiru akka dhaabbatuufi itti gaafatamummaan akka jiraatu godha jedhe.
Yaadichi qaama kamiifuu kan hin loognee fi birmadummaa biyyaa Itoophiyaa haala kabajuun kan qophaa'e jedhan bakka butuun Gamtichaa.
Bakka bu'aan Ameerikaa waraana Itoophiyaa hammaachaa jiruu fi sarbama mirgoota namoomaa bal'aa raawwatamaa jiruun biyyi isaanii daran yaadda'uu fi qorannoon idil-addunyaa walaba ta'e akka godhamu yaada dhiyaate akka deeggartu himan.
Dabalataan biyyoonni akka Firaans, Oostiriyaa, Jappaan, Niiwu Ziilaand, Ayerlaand fi Awustiraaliyaa sarbamni mirga namoomaa Itoophiyaa keessa jiru hammaataa ta'uu ibsanii yaada gareen qorannoo haaraan akka hundaa'u dhiyaate deeggaraniiru.
Biyyootaa miseensaa fi taajjabdoota ta'aniin alatti dhaabbileen idil-addunyaa mirga namoomaaf falman kana akka Aministii Intarnaashinaal, Humaan Raayitis Waachii fi kaanis sarabama mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti mudate ilaalchisee qorannoo fi ragaalee qaban mana maree kanaaf dhiyeessaniiru.
Biyyoonni fi dhaabbileen kunneen yakkooti sarbama mirgoota namoomaa akka ajjeechaa, hidhaa saba irratti xiyyeeffate, dirqiin gudeeduu, beelaa fi gudeeddii akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu, deeggarsa namoomaa ugguruu fi kaan humnoota mootummaan raawwatamu ibsan.
Hidhattoonni TPLF akkasumas loltoonni Eertiraa yakkoota sarbama mirgoota namoomaa bal'aa raawwachuus kaasan.
Itoophiyaan maal jette?
Bakka bu'aan Itoophiyaa walgahii kanarratti hirmaatan himannaawwan walgahicharratti mootummaa Itoophiyaa irratti dhiyaatan bu'uura kan hin qabnee fi dhugaa lafa jirurraa kan fagaatedha jedhan.
Qorannoon waloo Komiishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Waajjira Mirgoota Namoomaa UN taasisan mootummaan beela akka meeshaa waraanaatti akka hin fayyadamne ragaa akka hin arganne ibseera jedhan.
Himannaan mootummaan gargaarsa namoomaa uggure jedhus dhugaa lafarra jiru hin mul'isu jedhan.
Yaadni murtii qorannoon irra deebiin akka godhamu jedhu bu'aa siyaasaa argamsiisuuf kan qophaa'e jechuun balaaleffatan.
Eertiraa, Raashiyaa, Veenzuweelaa, Chaayinaa, Indiyaa, Namiibiyaa fi Somaaliyaan biyyoota yaada murtii dhiyaate mormuun sagalee kennan keessaati.

Madda suuraa, UN Human Rights Commission
Biyyoonni yaada-murtii dhiyaate morman maal jedhan?
Bakka bu'aan Eertiraa Manni Marichaa odeeffannoo dogoggaaraa fi qajeelfama waajjirichaa cabsuu dabalatee adeemsa sirrii hin taaneen rakkoo sarbama mirga namoomaa fi balaa TPLF'n dalagame gara dabarsuun qaamolee biraa komachaa turee jedheera.
Wixinee haaraa qorannoo gaggeessuuf dhiyaate guutummaatti kan balaaleffatu ta'uu ibseera.
Somaaliyaan qaama haaraa sarbama mirgaa raawwatame qoraachuf hundaa'e akka hin deeggarree fi yaada furmaataa qorannoo waloo UN fi Komiishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatiin kaahame raawwachuuf deeggarsa kennuun akka wayyu ibsiteetti.
Ejjennoo waloo Afrikaan dhiyeessite deeggarra kan jedhan bakka buutuun Namibiyaa, ''mootummaan Itoophiyaa sarbama mirga namoomaa maaliif seeraan hin furu jedhamee akka amanamee fi qaamni haaraan akka hundaa'u wixineen akka dhiyaatee nuuf hin gallee'' jetteetti.
''Naamibiyaan hundeeffama qaama haaraa kana hin deeggartu'' jedhan.
Bakka bu'aan mootummaa Kuubaas bu'aan qorannoo duraanii bu'aa akka buusu qaamolee hojjechaa jiran deeggaruu akka wayyuufi hojimaata walfakkaataa hin taaneen dhimma keessoo biyyaa jidduu galuu akka hin deeggarre beeksiseera.
Bakka buutuun Naayijeeriyaas qaama haaraa sarbama mirgaa qoratu ijaaruun bu'aa addaa buusu hin qabuu jechuun miseensonni kaaniis hojiilee mootummaan Itoophiyaa raawwachaa jiru akka deeggaran gaafataniiru.














