Walabummaa Pireesii; Itoophiyaan labsii yeroo muddamaa gaazexeessitoota hidhuuf itti gargaaramaa jirti- CPJ

Madda suuraa, CPJ
Aanga'oonni Itoophiyaa gaazexeessitoota sababa hojii isaaniitiin hidhamanii jiran hatattamaan haal-duree tokko malee hiikuu qabu jechuun dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJn gaafate.
Itoophiyaan labsii yeroo muddamaa fayyadamuun miseensota miidiyaa hidhuurraa of qusachuu akka qabdu CPJn ibsa har'a baaseen kan gaafate.
Itoophiyaan sababa wal waraansa biyyattii keessatti deemaa jiruun A L I Onkoloolessa 23 bara 2014 irraa kaastee erga labsii yeroo muddamaa labsitee gaazexeessitoota 14 hidhuu ishee CPJn beeksiseera.
Gaazexeessitoota hidhaman keessaa miidiyaa mootummaa kan ta'e Itiyoophiyaan Biroodkastiing Korporeeshinii (EBC)tti tajaajila raadiyoo Tigirinyaa kanaan dura hojjeta kan turan gaazexeessitoota lama, chaanaalii Youtube irratti kan darban keessaa qopheessaa olaanaa Ubuntu TV, qopheessaa olaanaa Taraaraa Neetiwoork, akkasumas hundeessituu Rohaa TV keessaa tokko kan taate keessatti argamu.
Gaazexeessaa viidiyoo Assoosheetid Pirees, ogeessa kaameraa fi gaazexeessaa Faanaa Biroodkasting Korporeeshin gabaasa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin walqabateen hidhamuu isaanii Roobii kaleessaa poolisiin beeksiseera.
Gaazexeessitoonni sadan Amiir Amaan gaazexessaa Associated Press (AP), Toomaas Ingidaa ogeessa kaameraa fi Addisuu Muluneeh ammoo gaazexessaa miidiyaa biyya keessaa, FBC, irraati.
Odeessaalee biroo:
AP akka jedhetti Amiir gabaasa hojjechuuf jecha erga si'a takkaa deemeen booda hidhame. Hidhamuu Tomaasiifi Addisuu ilaalchisee ammoo CPJn haala jiru qulqulleeffachuu itti fufuu ibseera.
APn waa'ee Amir gabaasa deemuu ilaalchisee ibsa kennuu baatus sadan isaanii labsii yeroo muddamaa biyyattiin labsite cabsanii himataman jedheera.
Miidyaaleen mootummaa poolisii waabeeffachuun akka gabaasanitti, gaazexessitoonni kunneen sochii waraana 'Shanee' hordofanii waraabuun gaaffiifi deebii gochuun ragaalee walitti qabanii, hogganaa 'Associated Press' kan damee Afrikaa Bahaa teessoon isaa Keeniyaa ta'eefi lammii Masrii Kaaliid Kaazeehiif dabarsuu isaanii ragaan mirkanaa'eera.
Hoji-gaggeessaa AP kan ta'an Juulii Piis ammoo Amiir wal waraansa Itoophiyaa keessatti deemaa jiru ilaalchisuun gabaasa bal'aa hojjechuu isaa ibsanii himannaa jedhame garuu, "dhugaarra kan fagaatedha," jechuun dubbatan.
Amiir erga hidhameen booda maatiin torbanitti si'a lama akka daawwachuu danda'u dubbi himaan AP iimeelii CPJtiif ergeen ibseera.

Madda suuraa, AP fi Marsaalee Hawaasaa
Dubbi himaan Poolisii Federaalaa Obbo Jeeylaan Abdii Roobii galgala akka ibsetti, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin dubbachuun akka seera farra shororkeessaatti "yakka" malee hojii gaqazexessummaa akka hin taane bilbilaan CPJtti himeera.
Kaayyoonni gaazexeessitoota kanneeniin waraana sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuuf akka ta'e kan himan Obbo Jeeylaan, yeroo isaa ibsuu baatanis poolisiin gaazexeessitoota kanneen mana murtiitti dhiyeessa jedheera.
Yeroo labsii muddamaa kana keessa gaazexeessitoonni ja'a kanaan dura hidhamuu CPJn galmeeffateera.
"Labsiin yeroo muddamaa Itoophiyaa hojjetoota nageenyaaf aangoo nama hidhuu guddaa kennaaf. Adeemsa seeraan jirus ni dhaaba; gaazexeessitoonni ammoo akka hojii isaanii hin hojjenne dhorka, akkasumas pireesiidhaaf ergaa sodaachisaa ta'e dabarsa," jechuun dubbu Sahaaraan gaditti bakka buutuun CPJ Mutookii Muumoo.
"Mootummaan Itoophiyaa gaazexeessitoota sababa hojii isaaniitiif hidhe guutumaatti hiikuun labsii yeroo muddamaa ammoo akka sababaatti fudhachuun mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu sarbuu hin qaban," jedhan.
CPJn gabaasa torban darbe keessa baaseen Itoophiyaan gaazexeessitoota hidhuudhaan biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadi jiran keessatti lamaffaarratti argamti jedheera.
Erga gabaasa CPJ torban darbee as ammoo gaazexeessitoonni hidhamani, maatiin isaaniillee eessa akka jiran wallaaluu BBCtti himaniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ammoo gaazexeessitoonni hidhamanii jiran haalli keessa jiraniifi bakki jiran baramee maatiifi gorsitoonni seeraa dubbisuu akka danda'aniif gaafateera.
Komishinichi ibsa gaazexeessitoota kanneen ilaalchisuun baaseen, dhimma ogeessota miidiyaa hidhamanii jiran Kibirom Warquu, Taammiraat Nagaraa, Mahaazaa Mohaammadiifi Iyyaaspeed Tasfaayee baruudhaaf qaama dhimmi ilaallatu waliin dubbachaa jiraachuu ibseera.













