'Lixa Tigraayitti yakkoonni suukanneessoo haaraan humnoota Amaaraan raawwataman' - Gabaasa

Madda suuraa, AP
Dhaabbileen idil-addunyaa mirga namoomaaf falman lama Lixa Tigraayitti ajjeechaa fi dararaan marsaa haaraa raawwachuu ibsa baasaniin beeksisan.
Aministii Intarnaashinaalii fi Hiyuumaan Raayits Waach qorannoofi ibsa waloon baasaniin Lixa Tigraayitti hidhaan, dararaa fi ajjeechaan dhalattoota Tigraayirratti hammaachuu beeksisan.
Ibsa Mudde 16 baasaniin lafa bulchiinsa naannoo Tigraay jala jiru keessatti dararaan raawwatamaa jiru ''humnoota naannoo Amaaraatiini'' jedhaniiru.
Dhalattootni Tigraay qaama waraanaa hin taane haleellaa jiru baqachuuf yaalaniis ''gariin miidhamanii kaan ajjeefamaniiru. Hedduun hidhaa jiraniis haala lubbuu isaaniif yaaddessu keessatti dararamaa, beela'aa fi wal'aansa fayyaa dhorkamaa jiru'' jedha gabaasni isaanii.
Dhaabbata Aministii Intarnaashinaal keessatti daayireekatara muummee 'crisis response'(deebii balaa) Joanne Mariner ''haleellaan haaraan humnoota Amaaraan namoota nagaa dhalattoota Tigraay ta'an irratti magaalota Lixa Tigraay hedduu keessatti raawwatamaa jiru sagalee akeekkachiisaa ta'uu qaba'' jedhan.
''Hatattamaan tarkaanfiin idila addunyaa ajjeechaa kana dhaabsisu fudhatamuu baannaan, keessumaa kanneen hidhaa jala jiran, balaa guddaa jala jiruu.''
Himannaa gabaasaa haaraa kana keessatti ka'e irratti mootummaan federaalaas ta'e kan naannoo Amaaraa deebii hin kennine.
Sadaasa bara 2020 humnoota TPLF fi mootummaa federaalaa gidduutti waraanni erga eegalee as bakka barootaaf naannoleen lamaan kiyya jedhanii himatan irratti ajjeechaa jumlaa dabalatee buqqaatiiwwan hedduun raawwatamaniiru.
Dhaabbileen lamaan ji'a Sadaasaa fi Muddee kana keessa namoota 31 bilbilaan dubbisaan keessaa 25 Lixa Tigraay keessatti haleellaa raawwatamu keessaa kan lubbuun oolaniif ta'ii sana ijaan argan ta'uu ibsaniiru.
Haleellaan kun magaalota Addibaayii, Humaraafi Rawyaan keessatti ta'uu fi milishoota naannoo Amaaraafi humnoota addaa naannichaan kan raawwatame ta'uu kanneen dhaabbilee lamaaniif yaada isaanii kennan himaniiru.
''Sadaasa gara jalqabaa irraa eegalee humni addaa Amaaraafi milishaan, garee milishaa Faannoo jedhamu dabalatee Addibaayi, Humaraafi Raawyaan keessatti dhalattoota Tigraay tooftaan marsaniiru. Humnoonni kun maatii adda baasanii oladeemoo ganna 15 fi isaa olii dhiiraaf dubaraan hidhaniiru.''
Haadholii fi daa'immanis naannichaa akka bahan dirqisiisaniiru jedha gabaasni dhaabbilee lamaanii.

Kanneen haleella Sadaasa 20 fi 21 magaalaa Humeraatti ta'e jalaa bahan konkolaattota fe'isaa 20 ta'aniin namootni hedduun gara gidduugala Tigraayitti baqachuu isaanii himaniiru.
Jiraattota magaalaa Addibaay kan ta'an jaha ammoo humnoonni Amaaraa dhalattoota Tigraay marsanii jiran uleefi meeshaalee qara qabanii haleeluufi namootni lakkoofsaan hin beekamne du'uu himaniiru.
''Boodas namoota fiigaa turan kamittuu dhukaasaa turanii'' jedha qonnaan bulaan ganna 34 magaala Addibaayi.
''Namootni miliquuf yoo yaalan.. warri Faannoo namni akka hin miliqne gajaraafi qottoon haleelaa turan... reeffa namootaa bira darbaa turre, hundi keenyayyuu rifaatuu keessa turre'' jedheera.
Namootni dhugaa bahuumsa kana kennan biroon ammoo kanneen baqatanii daangaa Sudaanitti ce'aa turan rasaasan rukutamaa akka turan dubbataniiru.
Mudde 2, 2021 qaamni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii(OCHA) gabaasa baaseen waraanni Kaaba Itoophiyaa erga eegalee Lixa Tigraay keessaa qofa namootni miiliyoona 1.2 ta'an buqqa'aniiru jedheera. Sadaasa 25 hanga Mudde bultii tokkootti ammoo dhalattootni Tigraay haaraan 10,000 ta'an Lixa Tigraayirraa buqqa'aniiru.
Aministii Intarnaashinaaliifi Hiyuumaan Raayitis Waach mootummaan Itoophiyaa haleellaa kana akka dhaabsisuufi Lixa Tigraayiif deeggarsi akka gahu, manneen hidhaas dhaabbileen akka daawwataman waamicha dhiyeesseera.
Waraana mootummaa federaalaa fi hidhattoota Tigraay gidduutti dhalateen cinaatti naannoo Amaaraafi Tigraay gidduu lafti kan koo ta'uutu irra jira yaada jedhuun walgaarreffannaan yeroo dheeraaf kan ture yeroo ta'u, humnootni mootummaa Tigraay to'achuu hordofee humnootni Amaaraa naannolee nuuf mala jechaa turan Lixa Tigraayitti argaman hedduu to'atanii jiru.
Waraana kanaan walqabatee magaala Finfineetti dhalattootni Tigraay hidhattoota deeggaruun shakkaman hedduun to'annoo jala oolfamaa kan turan yoo ta'u, dhaabbileen mirgaaf falman gocha kana balaaleffachuun ibsa baasaa turaniiru.















