'Nuti Lixa Tigraay lafa jedhamu hin qabanne' - Naannoo Amaaraa

Madda suuraa, Amhara Media Corporation
Ameerikaan humnootiin Tigraay naannoolee Amaaraa fi Affaarri keessaa, humnoonni Amaaraa ammoo Lixa Tigraay keessaa attattamaan akka bahaniif yoo gaafattu, naannoo Amaaraa ammoo lafa Lixa Tigraay jedhamu hin beeku jedhe.
Dubbii Himaa Haajaa Alaa Ameerikaa Niid Piraayis akkasumas Dowwannaaf kaleessa Itoophiyaa kan galte Hoggantuun USAID Saamaantaa Paawoor, lolli kaabaa Itoophiyaatti gaggeeffamuu dhaabbachu akka qabuu gaafatan.
Dubbii Himaa Haajaa Alaa Ameerikaa Niid Piraayis, waraannii Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruufi dhiibbaan inni deeggarsa namoommaa irratti uumaa jiruun daran yaadda'u himuun, ammas irra deebiin qaamoolee waraana kana keessaa harka qaban hundi dhukaasa dhaabanii waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuuf marii akka eegalan gaafatan.
Saamaantaa Paaworiis gama isaanitiin ergaa karaa toora tiwitaraatiin dabarsaniin qaamoolee lola kana keessatti hirmaataa jiraniif waamichuma walfakkaatu dhiyeessaniiru.
Waraann kun qawween furmaata argachu hinda'u kan jedhan Samaantaa paawoor, deeggarsi namoommaa ummata Tigraay rakkoo keessa jiru akka qaqqabu yoo barbaadame, waraanni dhaabbachu qaba jedhan.
Haaluma kanaanis TPLF humnoota isaa naannoo Amaaraafi Affaar keessaa akka baasu akkasumas motummaan naannoon Amaaraa humnootasaa lixa Tigraay keessaa atattamaan akka baasuufi motummaan Ertiraa loltoota isaa dhaabbiin Itoophiyaa keessaa akka baasu irra deebiin waamicha dhiyeessina.
Naannoon Amaaraa maal jedhe?
Motummaan naannoo Amaaraa garuu waamicha dhiyaate kana ilaalchiisuun, ''nuti lafa Lixa Tigraay jedhamu hin beekNu. Sirriiyyuu waggoota 30 darban keessaa sababii eenyummaa Isaatiif qofaa Amaarri itti wareegameera,'' jedhan.
BBCn kan dubbise Hoogganaan waajira Kominikeeshinii naannoo Amaaraa Obbo Gizaachaw Muluneeh, ''kan jedhamaa jiru Raayyaa, Walqaayitiifi Xagadee yoo ta'e, bakkeewwan kunneen humnaan kan nurraa fudhatamaniidha. Amma eenyummaa isaa deebiifachuuf qabsoo godheen ummanni bilisummaa isaa labsateera. Amma nagaan jiraachaa jira,'' jedhan.
Kutaaleen Lixa Tigraay jedhamaniifi dura naannoon Tigraay bulchaa ture erga lolli Tigraay Sadaasa 2020 eegalamee kaasee humnoonni naannoo Amaaraatiin humnaan qabamuunsaa ni yaatama.
''Gareen shororkeessaa TPLF naannoolee Amaaraafi Affaar keessaa haa bahu, weerara haa dhaabu kan jedhame hangam onneerra kan dubbatame ta'u beekuu baadhus waan gaariidha.
Humnoonni Amaaraa Lixa Tigraay keessaa haa bahan kan jedhan sirri miti. Nuti lafa lixa Tigraay jedhamu kan qaama naannoo Tigraay ta'e hinbeeknu,'' jedhan Obbo Gizaachaw.
Itti dabaluunis, sirriiyyuu waggoota 30n TPLF aangoora turetti kan dhunfatee malee seenaan lafa Amaaraati jedhan.
Amaaraa sababii eenyummaasaatiin bakkeewwan kanatti wareegama cimaa itti kanfaleera kan jedhan Obbo Gizaachawoon, ''Ameerikaan kanaaf TPLF beenyaa akka kanfaluuf gaafachuu qabdi turte'' jedhan.
Buqaa'iinsa sababii waraana dhiheenyaatiin qaqabe
Humnoonni mootummaa Federaalaa ji'a tokko dura naannoo Tigraay gadhiisanii erga bahanii booda lafa naannoleen kun kiyya jechuun irratti waldhabanitti waraanni hammaatee kumootni qe'ee isaanii gadhiisanii baqachuuf dirqamaniiru.
Naannoon Amaaraa daangaa naannoo Tigraay waliin qabutti waraana humnoota TPLF waliin dhalateen namootni 200,000 qe'eessaaniirraa buqqa'uu beeksise.
Hoogganaan waajira Kominikeeshinii naannichaa Obbo Gizaachaw Muluneeh, naannicha keessa bakka adda addaatti haleellaa humnoonni TPLF banan hordofee namootni 200,000 buqqa'uuf dirqamaniiru jechuun BBCtti himan.
Hoogganaan dhimmoota gargaarsaafi qindeessaan deeggarsa atattamaa dhaabbata UN kan kaleessa daawwannaa isaanii guyyoota jahaa Itoophiyaa xumuruu beeksisan, kan naannoo Amaaraa kanatti dabalee namoonni 54,000 naannoo Affaar keessaa sababa waraanaan buqqa'aniiru jedhaniiru.
Obbo Gizaaw ''gama Raayyaan qofaan namoonni kuma 150 buqqa'aniiru, bakka biroo naannichuma keessaan walitti ida'amee kuma 200 ol ta'a'' jedhan.
Namoota buqqa'an kanaaf gargaarsa dhiyeessuuf mootummaan naannichaa mootummaa federaalaa waliin ta'uun tattaaffi gochaa akka jirus himaniiru.
Waraanni humnoota TPLF waliin eegalamuu duras sababa walitti bu'iinsa naannicha keessatti dhalateen namootni miiliyoona 1.2 ta'an qe'eerraa buqqa'uuf dirqamuu ibsanii, deeggarsi guddaan ni barbaachisa jechuun himan.
Hanga ammaati deeggarsa barbaachisu harka caalu ofuumaan danda'aa jirras jedhaniiru.
Waa'ee reeffa Laga Takazee keessaa argame
Tibba kana reeffii namootaa naannoo Humaara qarqara laga Takeezeetti daangaa Sudaan keessatti argamuun walqabatee kan gaafanneen hoogganaan kun, ''Humni addaa naannoo Amaaraas ta'e miseensonni Faannoo gocha sukkaneessaa akkasii hin raawwatanii,'' jedhaniiru.
''TPLF naannolee biraarraa reeffa fiduun hawaasa idila addunyaf odeeffannoo dogoggoraa kennuun murtee dogoggoraa akka murteessan gocha dalageedha.''
Gochi akkasii garee TPLF raawwatamuu akka danda'u dursanii tilmaamanii akka tures himaniiru.
''Barbaachisaa taanaan bakkicha deemuun qorachuun ni danda'amaa'' jechuun yakka akka kanaa humnoonni isaanii akka hin raawwanne himan.















