'Lolaa kan jirru ulaan Tigraayitti cufame akka banamuufi mootummaan haalduree keenye akka fudhatu taasisuuf'- Janaraal Tsaadiqaan

Lolli humnoonni Tigraay gara naannolee ollaa Affaariifi Amaaraatti baballisuun gaggeessaa jiran hundi 'ulaa gargaarsaa ummata Tigraayitti cufame cabsuufi haalduree dhukaasa dhaabuu naannichi labse akka fudhatuuf mootummaa Itoophiyaa dirqisiisuuf akka ta'e Janaraal Tsaadiqaan G/Tinsaayi BBCtti himan.
Ammatti miseensa komaandi poostii naannichatti hundeeffame ta'u kan himatan Janaraal Tsaadiqaan turtii BBC News Hour waliin taasisaniin, kaayyoo halellaa gareen TPLF dhiyeenya kana naannoolee ollaa keessatti gaggeessaa jiruufi egereen Tigraayiifi ummata naannichaa ilaalchisuun dubbataniiru.
Janaraal Tsaadiqaan namoota mootummaa Federaalaatiin yakka biyya ganutiin himannaa irratti baname keessaa tokko ta'uun isaanii ni yaadatama.
Erga dhiyeenya kanaatii maaliif humnoonni Tigraay gara naannolee ollaa akka Affaar seenuun weeraran gaaffii jedhuuf Janaraal Tsaadiqaan, "ministira muummee Abiy Ahmadiin guutummaan naannoo Tigraayitti cufamee waan jiruuf cufaa sana cabsuun waan nurra jiruuf," jedhe.
Ulaa ittiin gargaarsi seenuu danda'u tokko karaa naannoo Affaar sarara Jabutiirraa Tigraay walqabsiisu ta'uu kan dubbatu Janaraal Tsaadiqaan, hanga cufaa jiru cabsinatti sochii isaanii akka itti fufan himan.
Humnootiin Tigraay lola naannoo ollaa Affaar keessatti bananiin aanaalee sadii qabachuufi jiraattoonni kuma 70 ta'an bakka jireenyaa isaanii irraa buqqa'an aanga'oonni mootummaa naannoo Affaar BBCtti himunsaanii ni yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiin jireenyi qote-bultoota naannoo Amaaraafi horsiise-bulaa naannoo Affaar yeroo garee TPLF kan daran dubbii hammeessuu filateen boora'aa jirutti hawaasni addunyaa callisuu filachuun gaaffidha jedhee ture.
Janaraal Tsaadiqaan akka jedhaniitti, dhimmi lammaffaan ammoo ''dhukaasaa dhaabuu ilaalchisee haaldureewwan mataa keenyaa lafa keenyee turre. Kanaaf ammoo motummaa federaa irraa sirnaan deebii waan hin kennineef dhiibbaa uumuufis waraana cimsanee itti fufan,'' jedhan Janaraal Tsaadiqaan.
Ammatti ulaan gargaarsi ittiin gara Tigraay seenuu danda'u kan biraa karaa karaa Sudaan yoo ta'u, innis cufamee waan jiruuf, "mootummaa Federaalaa waliin waliigaluu ykn ammoo cufaa jiru cabsinee gargaarsi akka gara naannichaa seenu gochuudha; lamaan keessaa tokkodha," jedhe.
Haata'u malee Janaraal Tsaadiqaan gaaffii haalli namoommaa naannicha keessaa jiru maal akka fakkaatu gaafatamanii, ''baayyee jibisiisaa ta'u nana beeka garuu ani nama dhimma kananrratti gadi fageenyaan dubbachuun ana hin ilaallatu,'' jechuun ibsuurraa of qusatan.
Humnoonni Tigraay maaliif naannoo Amaaraa keessa seenuun weeraran gaaffii jedhuufis, sochiiwwan waraanaa hundi yeroo kana gaggeessaa jiran kaayyoo gurguddoo lamaaf ta'u hima.
"Tokkoffaan, karra guutummaa ummata Tigraay irratti cufame cabsuu yoo ta'u, lamaffaan ammoo mootummaan haaldureewwan dhukaasa dhaabuu keenye fudhatee marii siyaasaan rakkoo Itoophiyaa keessa jiru akka furuuf dirqisiisuufidha," jechuun deebiisan Janaraal Tsaadiqaan.
Mootummaan Federaalaa ibsa yeroo gara garaatti kenneen, gargaarsi namoomaa naannoo Tigraay akka qaqqabuuf, akkasumas qonnaan-bultoonni naannichaa waqtii roobaatti gannaa nagaan akka qotataniif jecha murteen dhukaasa dhaabuu gam-tokkee fudhate sababa finciltoota TPLFn gufateera jedha.
Torban darbe Pirees Sekireetaariin Waajira Ministeera Muummee Biillenee Siyyuum ibsa miidiyaaleef kenniteen, qooda mootummaan Federaalaa murtee dhukaasa dhaabuu gam-tokkee fudhate, gareen TPLF ammoo yakkawwan gara garaa raawwachuurra darbee naannolee Amaaraafi Affaar keessatti yeroo dubbii hammeessaa jiru kana callisuun hawaasa addunyaa baay'ee rifaasisaadha jechuun ibsitee turte.
Milishoonni naannoo Amaaraa Tigraay Lixaa qabatanii akka jiran kan dubbatu Janaraal Tasaadiqaan, "lafa keenya eessattiyyu deebifachuun keenya waan hin oolleef, kaayyoon oppereeshinii waraanaa yeroo ammaa karra cufame cabsuufi haaldureewwan dhukaasa daabuuf labsine akka fudhatuuf mootummaarratti dhiibbaa gochuufidha," jedhe.
Humnoonni TPL, kan mootummaan shororkeessaa jedhenis, haaldureewwan dhukaasa dhaabuuf guutamuu qabu jedhan irra deebiinii dhiheenya kana baasuun isaa ni yaadatama.
Haaldureewwan naannoon Tigraay baase keessaa ulaan Tigraayitti cufate ka'ee tajaajilawwan gara garaa naannicha keessatti addaan citanii turan akka deebiyan kan jedhudha.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu haala uumataaf ifa ta'een ta'uu qaba kan jedhu Janaraal Tsaadiqaan, waliigalteen kunis erga irra gahamee booda mariin siyaasaa hunda hammate atattamaan gaggeeffamuu qaba jechuun BBCf ibse.
Akka qondaala humnootii TPLF kanaatti, mariin humnootii siyaasaa Itoophiyaa gurguddoo kan hirmaachise ta'ee, haala ce'umsaa mijeessuun eegeree siyaasa biyyattii kan murteessu ta'uu qaba.
Egereen ummata Tigraay fedhii ummatichaatiin kan murtaa'u malee fedhiifi yaada dhaaba siyaasaa tokkoon miti kan jedhu qondaalli kun, ''hiree murteeffannas ta'e akkataa sirna federaalaatiin itti fufuudhaaf marii humnootii siyaasaa Itoophiyaa keessa jiraniin murtaa'a'' jedhe.
Waraanni naannoo Tigraay kun hambisuun kan danda'amu ture kan jedhu Janaraal Tsaadiqaan, "ofiikoo aanga'oota Tigraayiifi mootummaa Federaalaa waliin ta'uudhaan waraanicha hambisuuf kanan danda'u hunda taasisullee sababa mootummaan Federaalaa rakkinicha karaa nagaan furuuf hin barbaadneef hin milkoofne," jedhan.
Baatii Sadaasa 2020 ture humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa Maqalee jiru irratti erga haleellaa raawwatan booda lolli mootummaa federaalaafi humnootii TPLF jidduutti kan eegale.
Lola kanaan lammiileen kumaan lakkaa'aman yoo lubbuu dhaban, miiliyoona kan ta'an immoo qe'eefi qabeenyarraa buqqa'aniiru.
Ammattis lolli kun Tigraay irra darbee Afaariifi Amaaraatti ce'uun lammiileen dabalataa kuma hedduun lakkaa'aman akka buqqa'an taasiseera.















