Samaantaa Paawor፡ Hoggantuun USAID dhimma Tigraay ilaalchisuun dhiibbaa dippilomaasii taasisuuf Itoophiyaa daawwachuuf

Madda suuraa, USAID
Hoggantuu dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa, USAID, Samaantaa Paawor daawwannaa hojiif gara Itoophiyaa fi Sudaanitti akka imaluuf jiran dhaabbatichi beeksiseera.
Samaantaa Paawor Sambata Adoolessa 31, 2021 irraa eegaluun guyyoota shaniif Itoophiyaafi Sudaaniin yeroo daawwatanitti aanga'oota biyyoota lamaanii arganii waliin dubbachuuf jiru jedhameera.
Roohitars akka gabaasetti Ameerikaan hoggantuu USAID gara Itoophiyaatti kan ergaa jiruuf gargaarsi namoomaa naannoo Tigraay danqaa tokko malee akka qaqqabu taasisuuf dhiibbaa dippilomaasii gochuufidha.
Daawwannaa Samaantaa Paawor kana ilaalchisuun USAID ibsa baaseenis, "hoggantuun kun gara Itoophiyaatti kan imalaniif naannoo Tigraay keessatti beelli akka hin hammaanneef gargaarsi namoomaa dhorkaa tokko malee akka qaqqabuuf mootummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa gochuuf," jedheera.
Samaantaa Paawor turtii isaanii Finfinneetti taasisaniin aanga'oota olaanoo Itoophiyaa waliin kan wal arguuf jiran yoo ta'u, hojii gargaarsa namoomaa USAID fi dhaabbileen michoota USAID ta'an Itoophiyaa keessatti hojjechaa jiranis ni daawwatu jedhamee eegame.
Roohitarsitti akka aanga'aa USAID tokko waabefachuun gabaasetti taanaan, Samaantaa Paawor gorsaa tika biyyaalesaa Itoophiyaa waliin akka wal argan, akkasumas Ministira Muummee Abiy waliinillee wal arguuf abdii akka qabanidha.
Samaantaan imala isaanii Sudaanitti taasisaniin aanga'oota biyyattii waliin wal arguun alattis sababa lola Tigiraay, Itoophiyaa keessatti dhalateen baqattoota gara Sudaanitti godaananillee ni daawwatu jedhameera.
Samanaataa Paawor fuula tiwiitara isaaniifi waltajjiiwwan gara garaa irratti gargaarsa namoomaa Tigraay qaqqabsiisuuf mootummaan Itoophiyaa osoo hin daangessiin hayyama yaa kennu jechuun irra deddeebiin sagalee isaanii dhageessisaa turaniiru.
Kun ammoo warreen keessumaa mootummaa Itoophiyaa deeggaran biratti dhiibbaa hin malle mootummaa Itoophiyaa irratti taasifamaa jirudha jechuun qeeqama.
Samaantaan daawwannaa Sudaanitti taisaniin biyyattiin gara sirna dimokiraasitti ce'uudhaaf yaalii taasisaa jirtu keessatti USAID Sudaaniif gargaarsa taasisuufiif waan danda'uuf aanga'oota biyyattii waliin dhimma kanarratti ni mariyatus.
Samaantaan ministira muummee Sudaan Abdallaa Amdok, walitti-qabaa mana maree walabaa Saudaan Leetenaant Janaraal Abdal Fattaah al-Burhaan fi aanga'oota biyyattii biroos arguuf jiru.
Samaantaa Paawor eenyudha?
Samaantaa Paawor gara aangoo dhaabbata gargraasaa guddaa kanaatti osoo hin dhufuun dura gaazexeessituu turan. Waraana Yugoozilaaviyaa duraanii keessatti gaggeeffamaa ture ballinaan gabaasaa turteetti.
Bara bulchiinsa pirezident Baaraak Obaamaa gorsituu olaantuu pirezedaantichaa, akkasumas Mootummoota Gamtoomaniitti (UN) ambaasaaddara Ameerikaa ta'uunis tajaajilteetti.
Samaantaan bulchiinsa Obaamaa keessatti gahee guddaa akka qabaachaa turte kanneen agarsiisan keessaa, gaggeessaa duraanii Liibiyaa Mahaamur Gadaafii aangoorraa buusuudhaaf Ameerikaan waraana akka filannootti akka gargaaramtuuf bulchiinsa Obaamaa irratti dhiibbaa gochuun isaanii tokko ture.
Samaantaan barruu Foorbiis keessatti bara 2016 keessa tarree dubartoota 100 dhiibbaa uuman keessa galuu dandeesseetti.
Dubartiin umuriin ishee ganna 50 ta'e kun yeroo ammaa haabbata gargaarsaa Ameerikaa, USAID, olaantummaan gaggeessaa jiru.

Oduu walfakkaatuun, dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hogganaan haaraa damee gargaarsa namoomaa Itoophiyaa daawwachaa jiru.
Mootummoota Gamtoomaniitti Hogganaan Dhimmoota namoomaa fi Qindeessaa Deeggarsa Yeroo Balaa, Maartiin Giriifiitis kaleessarraa eegalanii guyyoota ja'aaf Itoophiyaa daawwatu.
''Hogganaa dhimmoota namoomaa mootummoota Gamtoomanii ta'ee ergama kiyya jalqabaa ifatti raawwachuuf gara Itoophiyaa imaluun anaaf hojii murteessaadha,'' jedhan hogganaan haaraa kun.
Turtii isaanii kanaanis gara naannoo Tigraayitti imaluunis namoota sababa lola gaggeeffamaa jiruun miidhaman daawwachuu, akkasumas dhimma gargaarsa namoomaa dhiyeessuurratti qaamoleen bobba'an rakkoo isaan mudachaa jiru qaamaan biratti argamuun daawwachuuf karoorfataniiru.













