Waraana Tigraay: Lola Itoophiyaa keessatti deemaa jirurratti paartileen siyaasaa maal jedhu?

Members of an Amhara militia in Ethiopia - 14 July 2021

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Tigraayin kan wal daangessu naannoon Amaaraa, milishootaafi humna addaa akkasumas jiraattonni akka duulan waamicha dhiyeesseen namoonni hedduu makamaa jiru

Lola Kaaba Itoophiyaatti Humnootii TPLF kan mootummaan shororkeessaa jedheeniifi mootummaa federaalaa gidduutti ji'oottan sagaliif deemaa ture yeroo ammaa gara Naannolee Amaaraa fi Affaaritti babal'atee jira.

Lola daangaalee Naannoo Amaaraa fi Affaar irratti humnootii TPLF waliin gaggeeffamaa jiru kanaafis naannoleen 'duula jiraachuufi dhiisuuti' jechuun hidhattoota Tigraay wal waraanaa jiraachuu gabaasaaleen ni mul'isu.

Lola deemaa jiru kana irrattis humna Addaa Naannoo Oromiyaa dabalatee naannolee biyyatti biroos hirmaachaa jiru.

Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Aganyahu Tashaagar lolli nutti baname lola eenyummaa keenya balleessuuti jechuun Amaarri umuriinsaa gahee hundi hidhannoo qabu qabatee gara adda waraanaatti akka bobba'uuf jiraataa naannichaatiif waamicha taasisaniiru.

Ofii wayita ammaa yeroo naannooleen biyyattii gariin humnootasaanii gara adda waraanaatti erguun raayyaa maddii hiriiranii akka humnootii TPLF waraananiif ergaa jiran kanatti paartiilee siyaasaa gurguddoon biyyattii keessatti socho'an dhimma kanarratti maal jedhu?

line

Sosochii Biyyoolessaa Amaaraa (ABIN)

Filannoo biyyoolessaa Itoophiyaa barana gaggeeffame irratti hirmaachuun naannoo Amaaraatti teessuma muraasa kan argate Paartiin Sosochii Biyyoolessaa Aamaaraa (ABIN) duula 'Kitat' naannoon Amaaraa labse onnee guutuudhaan akka deeggaru ibseera.

Paartichi ibsa baaseen, duula hidhattoota Tigraayi irratti labsamee fi danqaraa eenyummaa Amaaraa irratti dhufedha jedhe kana, karaa danda'u hundaan mootummaa naannoo Amaaraa akka tumsu ibse.

"Gaggeessitoonni dhaaba keenyaa, miseensonni fi deeggartoonni hundi waamicha naannoo Amaaraa godhe kana fudhachuun caasaa mootummaa sadarkaan jiru wajjin duula 'Kitat' kanatti akka seentan" jechuunis dhaameera.

Kongirasii Federaalawa Oromoo (KFO)

Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO) gamasaatiin lolli amma kaaba biyyattiitti deemaa jiru kuni rakkoo walxaxaa dhalaa deema malee furmaata kan fidu miti jedheera.

Dura taa'aan dhaabichaa Piroofeesar Mararaa Guddinaa, "wanti baayyeen amma laaqameera. Karaa nuti eegne deemaa hin jiru. Nuti durumaa qabnee lolli haa dhaabbatu, mariin biyyoolessaa hunda hammate haa jiraatu jechaa turre. Kanammoo mootummaatu dide," jedhan.

"Ammas taanaan foormulaan addaa rakkoo kana keessaa ittiin bahamu marii biyyoolessaa hunda hirmaachiseen ala hin jiru. Lola kanaan gaafa walmoo'anis yoo ta'e, mariin waan hafu miti," jedhan.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Paartiin Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gamasaatiin ejjennoon dhaabichaa - duras ammas yoo ta'e marii biyyoolessaa fi mootummaa baraartuu hundeessuudha kan jedhu qaba.

Ittigaafatamaan Sabqunnamtii ABO Lammii Gammachuu, ABO'n jalqabumarraa kaasee qaamolee adda addaatiif waamicha godhee mootummaan 'baraartuu' haa hundeeffamu jechaa ture jedhan.

Dhimmi kaaba biyyattiitti ta'aa jiru kun mariidhaa fi waliigalteedhaan furamuu osoo qabuu gara waraanaatti seenamuun kan hin qabne ture jedhan.

"Waraansi biyya kamittuu furmaata waaraa hin fidne. Gaaga'ama lubbuu namaa, badii qabeenyaati bu'aan isaa. Kisaaraa hawaasummaa fi dinagdee fida jennee himaas turre," jedhan.

ABO'n lolli amma deemaa jiru kun dhaaabbatee marii biyyoolessaatiin mootummaa ce'umsaa hundaa'uu qaba jechuunis furmaata rakkoo kanaati kan jedhu akeeka jedhan Obbo Lammiin.

Adda Bilisa Baasaa Biyyoolessa Ogaadeen (ONLF)

Paartiin Adda Bilisa Baasaa biyyoolessa Ogaadeen (ONLF) gamasaatiin jaarraa kana keessatti marii nageenyaatiin alatti waraanaan furmaanni dhufu hin jiru jedhe.

Dura taa'aan Dhaabichaa Obbo Abdurahmaan Mohaammad Mahdi turtii BBC waliin taasisaniin, lolli amma Itoophiyaa keessatti deemaa jiru karaa furmaataa kan hin akeeknedha jedhan.

"Wanti amma biyyattii keessatti ta'aa jiru hedduu nama gaddisiisa. Waan silaa ta'uu hin malledha. Nuti akka dhaaba keenyaatti kan jennu gareen hunduu aarii isaanii dhiisanii mari'achuu qabu jenna," jedhan.

Itoophiyaan lola akkanaa kan gareen tokko garee tokko dadhabsiisuuf lolatti dhimma bahuun dadhabdeetti kan jedhan Obbo Abdurahmaan, lolli akkanaa maraammartoo jeequmsaa keessaa waan nama baasu miti jedhu.

Guddachuu fi akka biyyoota addunyaa biraa waliin jiraachuuf gartuun kamuu kilaashii lafa kaa'ee mariitti dhufuu qaba jechuunis dhaamu.

Lolli keessoo biyyattiitti deemu kuni biyyoonni alaa dhimma keessoo ishii irratti dhiibbaa akka uumaniif saaxilamummaa guddaa kan uumu ta'uus himu.

Lola naannoo Affaar fi Somaalee gidduutti deemaa jiru kan ilaaleenis, saboonni lamaan warra walloluuf male miti jedhu.

"Lola kana sirriitti quba qabna. Affaar fi Somaaleen uummata Kuushi. Nutu waliin jiraanna, uummata tokkos. Wanti amma ta'aa jiru kun lola waldhabdee osoo hin taane lola siyaasaati," jedhan.

Somaalee fi Affaar waldhabsiisuudhaan kanneen bu'aa argachuuf socho'antu jira jechuunis, saboonni lamaan lola dhaabanii saffisaan gara marii nagaatti deebi'uu qabu jechuunis waamicha dhiheessan.

"Lolli lola dhala, amma daandiin Itiyoo-Jibuutii sababa jeequmsa kanaatiin cufameera. Falli waan hundaa marii qofa. Lolli bakka hundaa dhaabbatee mariin taasifamuu qaba," jedhan.

line

Ka'umsa waraanichaa

Waldhibdee mootummaa federaalaa fi bulchitoota Naannoo Tigraayi gidduutti tureen erga Sadaasa 04, 2020tti Tigraayitti waraanni eegalee kaasee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman du'anii kanneen miliyoona ta'an ammoo qe'esaanii irraa buqqa'aniiru.

Erga mootummaan Federaalaa tarkaanfii 'olaantummaa seeraa mirkaneessuu' jedhu naannichatti waraana gaggeessuun ji'oota keessatti lolli akka xumurame labsee turus lolichi ammas xumura hin arganne.

Baatiiwwan saddeetiin booda ammoo mootummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun Magaalaa guddittii Naannichaa Maqaleefi magaaloota kaanis gadhiisee bahuus ibsee ture.

Haata'u malee humnootii Tigraayi tibba lola ji'ootaaf gaggeeffamaa turetti daangaan lafaa najalaa fudhatameera jedhuun hanga deebisanii qabatanitti akka lolan himanii turan.

Ammaan kanattis daangaalee naannoolee Amaaraafi Affaar kan Tigraayiin wal daangeessaniitti bakkeewwan garaagaraatti muddama keessa jiraachuu gabaasaaleen ni mul'isu.