Itoophiyaa: Daandiin Jibuutiirraa Finfinnee geessu cufamuun himame

Madda suuraa, AFP
Daaniin guddaan Jibutiirraa Finfinnee geessu, akkasumas daandiin baaburaa ulaa galaanaa Jibutiirraa meeshaalee gara Finfinneetti geessu cufamuusaa pirezedaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mohaammad Rooyitarsitti himan.
Daandii guddaan kun ulaa shaqaxoonni gara Finfinnee ittiin seenan isa guddaadha.
Rooyitars akka pirezedaantii bulchiinsa naannoo Somaalee waabeffachuun gabaasetti, daandichii fi toorri baaburaa kan cufame gaafa Sanbataa dargaggoota naannawichaa haleellaa dhalattoota Somaaleerratti raawwate mormaniin ture.
Daandiin konkolaataafi daandiin baaburaa kunneen cufamuu isaa ilaalchisuun mootummaan Federaalaa hanga ammaatti wanta jedhe hin qabu.
Bulchiinsi naannoo Somaalee ibsa Kibxata kenneen akka jedhetti, milishoonni naannoo Affaar haleellaa gaggeessaniiru. Qaabeenyis manca'uunis qaqqabeera.
Sanbata darbe naannolee Affaariifi Somaalee gidduutti waldhabdee bakka gaaffiin daangaa irratti ka'urratti haleellaa raawwatameen namoonno dhibbootaan lakkaa'aman ajjeefamuu isaanii Itti-aanaan Itti-gaafatamaaa Komunikeeshinii naannoo Somaalee Obbo Mohaamma Rooblee BBCf ibsanii turan.
Aanga'aan kun akka jedhaniitti, guyyaa Sanbataa A.L.I Adooleessaa 17, 2013 magaalaa naannoo Affaar jala jirtuufi kan dhalattoonni saba Somaalee hedduumminaan keessa jiraataniitti haleellaa namoota nagaa irratti raawwatameen 300 ajjeefamaniiru.
Suuraaleefi viidiyoowwan sararri baabuuraafi daandiiwwan cufamusaanii agarsiiisan hedduunis miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaniiru.
Suuraaleen miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa turanis wayita namoonni sarara baabuuraafi daandii guddicha dhakkaafi biyyoodhaan cufan mul'isu.
Namoonni kunneenis dhalattoota saba Somaalee kanneen ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatame balaaleeffatan akka ta'e himame.
Pirezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mohaammad cufamuu sarara baabuuraafi daandii kana ilaalchisuun, ''ummataafi dargaggoota waliin mari'ataa jirra. Daandiifi sararri baabuuraas deebi'ee har'a akka banamuuf hojjataa jirra,'' jechuun deebii barreeffamaan kennuu isaanii Rooyitarsi gabaaseera.
Itti-aanaa Itti-gaafatamaan Komunikeshinii naannoo Somaalee Obbo Mohaammad kan BBC dubbise gama isaanitiin, magaalaa Gabra'iseen haleellaan keessatti raawwatameera jedhame dabalatee magaaloota Fonaafi Adaayiitu jedhaman irratti naannoolee lamaaniin kan kiyya jechuun waldhabdeen dhaga'amaa jiraachuu ibsan.
Ka'umsi haleellaa Sanbata darbeetiis dhimmumma waldhabdee daangaa naannoolee lamaan jidduutti tureedha jedhan.
Bakkeewwan naannoolee Affaariifi Somaaleedhaan irratti gaaffiin ka'aa turan keessatti irra deddeebiin walitti bu'insi ka'aa turuunsaa ni yaadatama.
Haleellaa guyyaa Sanbataa qaqabeera jedhame ilaalchisee gama naannoo Affaariin odeeffannoo argachuuf BBCn aanga'oota naannichaa garaa garaatti bilbilulleen deebii argachu hin dandeenye.














