Waraana Tigraay: Haleellaan humnooti Tigraay baqattoota Eertiraarratti raawwatan akka dhaabbatu US gaafatte

Baqattoota Eertiraa Tigraay jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoota Eertiraa Tigraay jiran

Humnoonni TPLF'n hariiroo qabanii fi milishaan naannoo Tigraay hokkora lammilee Eertiraa Tigraay keessa jiranirraan gahaa jiran 'na yaaddesseera' kan jette Ameerikaan hokkorri kun akka dhaabbatu gaafatte.

Ministeerri Haajaa Alaa biyyattii ibsa baaseen, lammilee Eertiraa Tigraay keessa buufatanii jiran irratti doorsisni akkasumas haleellaan raawwatamaa jiraachuu gabaasaaleen na gahaniiru jedhe.

Haleellaan kun hatattamaan akka dhaabbatus gaafateera.

"Humnoonni TPLF waliin hariiroo qaban, akkasumas milishaan naannoo Tigraay baqattoota Eertiraa irratti haleellaa raawwachaa jiraachuu ragaaleen amanamoon nu gahaniiru. Kunis daran nu yaaddesseera," jedhan dubbi himtuun ministeerichaa Jeeliinaa Poortar.

"Hidhattoonni Tigraay keessa socho'an marti dorsisaa fi haleellaa lammilee Eertiraarraan gahaa jiran akka dhaaban gaafanna," jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa torbee dura baaseen dhimmi baqattoota Eertiraa Tigraay keessa jiranii yaaddessaa ta'uufi baqattoonni ajjeefaman jiraachuu beeksisee ture.

Baqattooya, koolu galtoota, namoota sababa waraanaatiin buqqa'an akkasumas kanneen deeggarsa namoomaa kennan irratti haleellaan raawwatamu akka dhaabbatu hubachiifte Ameerikaan.

Gama kaaniin baqattoonni Eertiraa 24,000 ta'an daannoo baqattootaa lama keessa jiraatanirraa deeggarsi nyaataa adda cituu UN beeksiseera.

Kunis sababa waraanni humnoota Tigraayi fi gamtaa raayyaa ittisaa fi humnoota addaa naannolee jidduutti adeemaa jiru hammaateeni jedhe.

Baqattoonni kun nyaataa fi bishaan dhugaatii jalaa dhumachuu mala jedhe komiishiniin baqattootaa UN, ibsa Kibxata baaseen.

Dhiyeenya daannoowwan Maay Ayinii fi Addii Haaruushitti dhukaasni akka tureefi baqattoonni lama ajjeefamu hime UNHCR.

UNHCR gara daannoowwan kana dhaquu akka hin dandeenyee fi baqattoonni yoona nyaataa fi bishaan dhugaatii fixuu akka hin oolle beeksise.

Haaluma walfakkaatuun WFPn kuusaan nyaataa Tigraay keessatti namoota gargaarsi nyaataa barbaachisuuf dhiyeessuuf qabu Jimaata dhuftu ni obba'a jedhe.

Yeroo ammaa konkolaataawwan 170 nyaataa fi meeshaalee barbaachisoo fe'atan Affaar akka dhaabbataniifi socho'uullee akka hin dandeenye WFPn beeksiseera.

Naannoo Tigraay irra hedduu kan harkaa qabu TPLF gama isaan ibsa guyyoota muraasa dura baaseen waa'een haleellaan baqattoota irratti raawwatamaa jira jedhame akka isa yaaddessu himeera.

Osoo waraanni Tigraay hin eegaliin dura Tigraay keessa lammileen Eertiraa 100,000 ta'an akka jiraachaa turan tilmaamama.

Baqattoonni kunneen dirqiin waraanaaf bobbaafamuu akkasumas cunqursaa mootummaan isaanii irraan gahu baqachuun kan Eertiraadha bahanidha.

Mootummaan Itoophiyaa baqattoota Eertiraaf naannoo Amaaraa keessatti daannoowwan dabalataa ijaaruuf UNHCR waliin sochiitti akka jiru beeksisee ture.