Wal dhabdee Affaariif Somaalee gidduutti taheen lubbuun namoota 300 olii darbe - Mootummaa naannoo Somaalee

Guyyoota sadan darban lola naannoo Somaalee fi Affaar gidduutti gaggeeffameen namootni 300 olii ajjeefamuu Mootummaan Naannoo Somaalee hime.
Sanbata darbe haleellaa humnootni addaa naannoo Affaar magaalota sadii naannoo Somaalee keessatti argaman irratti gaggeessaniin namootni 300 hanga 400tti siqan ajjeefamuun, kaan qe'eerraa buqqa'uu dubbi himaan mootummaa naannoo Somaalee Obbo Mohaammad Rooblee BBCtti himaniiru.
Obbo Mohaammad ka'uumsa lola kanaa yoo himan durumaanuu wal dhabdeen maagaalota kana irratti ture jedhu.
''Waldhibdeen jira, dhibdeen kunimmoo dubbii barbaacha gama tokkoon dhufuun ka'aa jira. Magaala Gabraa Isee jedhamtuu keessa guutummaatti uummata Somaaleetu jira.
"Haata'u malee warri Affaar seenaadhan lafti kun kan keenya jedhu. Magaalotni biroon lama irratti waldhaban Foonaa fi Adeeytuu jedhamu. Magaalotni sadan kan kooti jedhu,'' jedhan aanga'aan kun.
Horsiisee bultoonni akkasumas humnooti addaa naannolee Affaarii fi Somaalee yeroo dheeraaf daangaa irratti wal dhabaa turan. Walitti bu'iinsa uumamuufis quba walitti qabaa turan.
Mootummaan naannoo Affaar dhimma walitti bu'iinsa miilanaa irratti amma dura homaa hin jenne.
Magaalotni sadan naannoleen lamaan irratti wal-haadhaa jiran daandii Jibuutii fi Finfinnee wal qunnamsiisurra jiru. Magaalli Gabraa Isee jedhamtu Awaash dabartee magaalaa jalqabarratti argamtudha.
Obbo Mohaammad haala Sanbata darbe yoo himan 'magaalota sadeen warri Affaar dhufanii weeraranii, kan magaalittii keessa jiran kaan ajjeesanii kan 690 ta'an ammoo baqatanii kaampii raayyaa ittisa biyyaatti galan' jedhan.
''Warra kaampiitti baqatan kaleessaa galgala sa'aa 12'tti achii baafne. Jiraattota achi jiran ni fixani jechuun ni danda'ama. Qabeenyas akkuma jirutti mancaasan. Magaalittiin amma to'annoo humnoota Affaar jala jirti,'' jedhan.
Haleellaa dhaqabe gaafatamanii, ''kanneen ugguramanii turan irraa akka odeeffannetti namootni 350-400 ta'an ajjeefamaniiru. Har'a gara magaalatti gallee qorachuuf yaallus hin milkoofne. Garuu magaalittiin akkuma jirtutti mancaafamteetti,'' jedhan.
Haleellaa kana kan raawwate humnoota nageenyaa naannoo Affaar kan jedhan Obbo Mohaammad, humni addaa naannoo Affaarii fi milishaa akkasumas humnoota hidhataan kan 'Gugumoo' jedhamanis jiru jedhan.
Gama mootummaa naannoo Affaariin waan jedhame jiraachuu baatus naannichi rakkoo nageenyaaf saaxilamuu torban darbe keessaa ibseera.
Kunis humnootni TPLF lola naannichatti gaggeessuun aanota sadii jalaa qabachuu hime dubbii himaan mootummaa naannichaa.
Naannoo Affaar gama daangaa Tigraayi fi Amaaraatiin lolli humnoota Tigraay fi gamtaa rayyaa ittisa biyyaa fi humnoota addaa naannolee jidduutti gaggeeffamaa jiraachuu gabaasaaleen ni himu.
Daandii Itiyoo-Jabuutii cufamuu
Walitti bu'iinsa naannolee Affaar fi Somaalee jidduutti uumame hordofee naannoo Somaalee keessa mufannaafi tasgabbii dhabuun akka jiru Obbo Mohaammad Rooblee BBC'tti himaniiru.
''Amma tasgabbii dhabuun jira. Uummatni naannoo kana jiru hedduu gaddeera. Magaalitti keessa mana jiru hunda seenanii saamanii viidiyoo waraabanii ergu,'' jedhan.
Mootummaan naannichaas warra miidhameef bishaaniifi deeggarsa dhiyeessaa jiraachuu himan. Akkasumas warra maatiin jalaa bade wal qunnamsisuuf yaalaa jiraachuuf himan.
Rakkoo uumame hordofee bakkeewwan akka Ayisha, Dawwallee fi Haddigaaraa jedhamanitti daandiin guddaan Itoophiyaa fi Jabuutii wal qunnamsiisu cufamuus himan.
''Daandicha kan cufan dubartootaa fi dargaggoota odeeffannoon jedhu nu qaqqabeera. Sababni namoonni kun daandii cufaniif haleellaa raawwatameen aaruun tahuu odeeffannoo qaba,'' jedhan Obbo Mohaammad.
Itti dabaluun jaarsoliin biyyaa fi mootummaan naannichaa bakka sanitti imaluun daandii cufame banuuf socho'aa jiraachuu himaniiru.
Walitti bu'iinsi akka haaraatti naannolee Affaar fi Somaalee jidduutti eegale nageenya Itoophiyaa waraana naannoo Tigiraayii fi sochii riphee loltoota naannolee akka Oromiyaa keessa jiruun daddaaqamaa jiruuf yaaddoo biraati.
Lola naannoo Affaar keessatti adeemaa jiruun konkolaataawwan deeggarsa nyaataa gara naannoo Tigraay geessaa turan 170 ta'an danqamanii jiraachuu fi kunis namoota hedduu beelaaf akka saaxilu WFPn beeksiseera.
Humnooti Tigraay sochii waraanaa godhan babal'ifachaa jiraachuu hordofee mootummaan federaalaa humna raayyaa ittisa biyyaa cimsuuf dargaggootni hedduun waraanatti akka makaman gochaa jira.














