Waraana Tigraay: Waa'ee haleellaa humnoonni Tigraay Affaaritti raawwatanii maal beekna?

Kaartaa Affaar - Aanaa Yaaloo lafa haleellaan itti raawwate
Ibsa waa'ee suuraa, Kaartaa Affaar - Aanaa Yaaloo lafa haleellaan itti raawwate

Dhuma Torbee darbeetti haleellaan naannoo Affaar keessatti raawwatan humna addaa Oromiyaa deeggarsa humna mootummaa federaalaaf dhufe bittimsuufi jedhe TPLF.

Sanbata xiqqaa darbe Mootummaan Naannoo Affaar humnoonnii TPLF, kan paarlaamaan mootummaa federaalaa garee shororkeessaa jedhee labse, horsiisee bultoota naannichaa daangaarra jiran irratti haleellaa raawwachuu himee ture.

Haleellaa naannicha godina Fantiirasuu Aanaa Yaaloo jedhamutti raawwateen horsiisee bultootarra miidhaan gahuus mootummaan naannichaa himee ture.

Mootummaan federaalaas dhuma torban darbee keessa hidhattootni Tigraay naannoo Affaar keessatti namoota nagaa haleeluun dhiyeessii deeggarsa namoomaa danqan jechuun himateera.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaas maddeen isaa maqaa hin dhahiin naannicha jiran waabeffachuun, haleellaan meeshaa waraanaa gurguddoon raawwatamuu dhagahuu gabaaseera.

TPLF gama isaan haleellaan hanga gabaafame guddaa hin taane humna addaa fi milishaa naannoo Oromiyaa irraa raayyaa ittisaa fi qaamolee nageenyaa naannoo Amaaraa hirphuuf gara naannichaatti bobbaafaman irratti qiyyeefate raawwachuu himeera.

''Haleellaa daangahedha'' jechuun AFP'tti kan himan dubbi himaan TPLF Obbo Getaachew Raddaa ''tarkaanficha kan fudhanne humnoonni kunniin Oromiyaatti akka deebi'an gochuufi, san gochuu dandeenyeerra'' jedhan.

Kaayyoon haleellaa isaanii waraana naannoo Oromiyaarraa akka jecha isaaniitti ''humna qonnaan bulaa karaa miidiyaa waraana bu'aa hin qabnetti duule bittimsuufi'' jedhan.

Lola kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataafi miidhaa qaqqabe beekuun rakkisaadha.

Mootummaan naannoo Oromiyaas haleellaa garichi raawwadhe jedhurratti hanga ammaa ifatti waan jedhe hin qabu.

Waraanni baatilee saddeetii oliif naannoo Tigraay keessatti daangeffamee ture, naannoolee biraatti babal'achuu eegaluu isaaf kun agarsiiftuudha jedhu xiinxaltoonni.

Mootummaan Federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuu hordofee, humnoonni TPLF, naannolee Lixaa fi Kibba Tigraay deebisanii qabachuuf jecha bakkeewwan daangaa naannoo Amaaraarra jiran keessatti lola itti fufaniiru.

Bakkeewwan kunniin waraanni naannoo Tigraay keessatti erga eegalee humnoota naannoo Amaaraa kan bakkeewwan kun 'kiyya' jedhaniin to'atamee kan jiru yoo ta'u, torbee darbe humnoonni TPLF magaalota akka Koramii fi Allaamaaxaa deebisanii qabachuun gabaafameera.

Humnoonni naannoo Amaaraafi loltootni naannoleerraa dhufan garuu humnoota TPLF naannichaa baasuuf duulaa jiru.

Duula naannoo Amaaraa fi kan mootummaa federaalaa hirphuuf naannoleen akka Oromiyaa, Sidaamaa, Somaalee, Gambellaa, Hararii, bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa fi kaanis humna addaa dirree lolaatti erganiiru.

Obbo Getaachew ibsa AFP kennaniin humnoonni isaanii Kaaba naannoo Amaaraa keessas haleellaa raawwachaa akka jiran himan.

''Wag Himraa, lafa naannoo Amaaraa ta'e, keessatti opireeshinii milkaahaa ta'e raawwanneerra. Amma yeroo dubbannuyyuu Maayi Tsebriifi lafa naannoo Amaaraa daangaarra jiran guddii waraanatu adeemaa jira.'' jedhan.

Naannoo Amaaraa ''weerara jiraachuu koorratti qiyyaafate'' jedhe kana haleeluuf deeggarsa naannolee biroorraa argatetti dabalataan loltootni soorama bahan fi milishoonni dirree lolaatti akka duulan waamicha godheera.

Waraanni karaa Affaar dhalate garuu ulaa gargaarsaa takkittii uummata Tigraayiif qaqqabuun danda'amu cufuun uummata naannichaa balaa hamaaf saaxila jedhamee sodaatameera. Karaa Affaar kanaan alatti daandileen gidduugala biyyaa naannoo Tigraayiin walqunnamsiisan sababa waraanaan cufamaniiru.