Poolisiin Finfinnee namoota TPLF kallattiin deeggaruun shakke 323 to'atuu beeksise

Akka komishinarri Poolisii Finfinnee EBC'f himanitti kannene to'annoo jala oolan saba isaaniin miti

Madda suuraa, EBC

Ibsa waa'ee suuraa, Akka komishinarri Poolisii Finfinnee EBC'f himanitti kannene to'annoo jala oolan saba isaaniin miti

Poolisiin Finfinnee namoota dhaaba paarlaamaa Itoophiyaan galmee shororkeessitootaatti galmaa'e deeggaruun socho'aa jiru jedhee shakke 323 to'atuu beeksise.

Akka poolisiin miidiyaa biyyaalessaatti ibsetti, garee kana deeggaruun socho'aa turan jechuun shakkuun to'atee qorataa akka jiru himeera.

Gama kaaniin Naannoon Afaar finciltoonni Tigraay lola natti banan jechuun beeksiseera.

Ibsi poolisii kun yeroo dhaabbilee mirga namoomaaf falman waraana Tigraayin walqabatee magaalaa Finfinnee dabalatee bakka adda addaatti namoota 'akka feeteen hidhuufi dararuun akka dhaabbatu' jechuun gaafatanitti dhagahame.

Komishinariin Poolisii Finfinnee Geetuu Argaaw miidiyaa biyyaalessaaf akka himanitti kanneen hidhaman sabummaa isaaniin osoo hin taane shakkii yakka keessa hirmaatan jedhuun akka ta'e dubbatan.

Miidiyaan biyyaalessaa EBC akka gabaasetti, namoonni shakkamuun to'ataman jedhaman kunneen dhaaba TPLF kallattiin deeggaruu, meeshaa waraanaa qabatanii argamuu, heera biyyaa busheessaniifi kaaniin.

Akka miidiyaan biyyaalessaa gabaasetti manneen namoota shakkaman keessa sakattaa taasifameen 'uffatni humna addaa TPLF' argamuu ibse.

Namootaan ala dhaabbileen shakkaman saamsamanii qoratamaa akka jiran EBC'n Komishinara Poolisii Finfinnee Getuu Argaaw waabeffatee gabaaseera.

Afaar TPLF lola natti bane jedhe

Gama kaaniin naannoon gama Bahaan Naannoo Tigraay daangessu Naannoon Afaar humnoonni TPLF lola natti banan jechuun ibsa baaseen beeksiseera.

Waajjirri kominikeeshinii naannichaa akka beeksisetti bakki lolli natti baname jedhe gama Godina Fanti Rasuu Aanaa Yaaloo ta'u beeksiseera.

Naannichi humnoonni nageenyaa naannicha haleellaa raawwate akka ofirraa deebisan dhaameera. Sababni achiin lolli eegaleef garuu hin beekamne.

Amma dura lola kana keessatti Naannoo Tigraayiifi Amaaraatu kallattiin qooda fudhataa ture. Yoo Affaar keessatti qooda fudhate qooda fudhattoonni lolichaa bal'achaa deemuu akeeka.

Namoota lola naannoo Tigraayiin buqqa'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lola Tigraay keessaan miiliyoonaa ol qe'eefi qabeenya isaanirraa buqqa'aniiru

Gama kaaniin TPLF miseensota raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa sadarkaa gadii to'adhe jedhe 1,000 gadhiisuu Rooyitars dura taa'aa dhaabichaa Dabratsiyoon G/Mikaa'el eeruun gabaaseera.

Haata'u malee, eenyutti akka kennan qondaalli TPLF waan ibsan hin qabani. Lakkoofsa kanas ta'e qaama itti kennan qaama walabaarraa mirkaneessuun hin danda'amne.

Dhimma kana irratti kana dura Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa lola keessa booji'amuun waanuma jiru jechuun 'ummatatti dhukaasuurra kanneen harka kennan jiru' jedheera.

Haa ta'u malee lakkoofsa qondaaltonni TPLF boojine jedhanii ibsan 'ololaaf itti dhimma bahaa jiru' jechuun himanii turan.

Torban kana keessa MM Abiy akkasumas qondaalli olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Leftenaant Janaraal Baacaan ummatni Itoophiyaa raayyaa ittisa biyyaa waliin akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.

Kana hordofee naannoleen gara garaa poolisii humna addaa isaanii Raayyaa Ittisa Biyyaa bira dhaabbatuuf gara dirree waraanaatti ergaa jiru.

Hanga yoonaa Oromiyaa, Sidaamaa, Naannoo Kibbaa, Benishaangul, Hararii, akkasumas Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee kanneen erganiifi ergaa jiran keessaati.

Ammatti ergamni humnoota kanaa Raayyaa Ittisaa jalatti socho'uufi dirqama itti kennamu raawwachuu akka ta'e eerameera.

Mootummaan federaalaa torban lama dura dhukaasa dhaabuu gam - tokkee labsee turuus sababa TPLF'n labsiin kuni faayidaa barbaachisaa hin fidne jechuun Roobii darbe MM Abiy ibsaniiru.

Kanaanis, humnoonni nageenyaa federaalaa lola keessa seenuu akka malan akeekaniiru. Hanga yoonaa garuu ifatti qooda fudhataa jiraachuun hin beekamu.