Waraana Tigraay: Hirmaannaan humna addaa naannolee Itoophiyaa bifa waraanaa jijjiiraa?

Madda suuraa, OBN
Naannolee Itoophiyaa gara garaa waraana Kaaba biyyattiitti humna TPLF irratti gaggeeffamurratti hirmaachuuf poolisii humna adda isaanii ergaa jiraachuu ibsaa jiru.
Amma dura poolisiin humna addaa Oromiyaa, kan Sidaamaa fi kan naannoo ummattoota Kibbaa kanneen dirree waraanaa gahuun isaanii mirkanaa'edha.
Dabalataan, Naannoon Gaambellaafi Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaa humnoota nageenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa tumsu bobbaasun isaanii gabaafameera.
Guyyoota muraasa dura MM Abiy Ahimad paarlaamaatti argamanii biyyattiin humnoota nageenyaa 100,000 akka walitti qabdu akkasumas tumsi raayyaaf akka taasifamu erga dubbatan booda naannoleen humna bobbaasun isaanii kan dhagahame.
Ergama humnoota addaa naannolee
Hirmaannaan humna addaa naannolee bifa waraana baatilee saddeetiif Kaaba Itoophiyaatti adeemaa ture kan jijjiirudha xiinxaltoonni jedhan jiru.
Humnoonni nageenyaa naannolee biyyattii garaa garaa irraa raayyaa tumsuuf socho'uun 'birmadummaa biyyaaf waloon dhaabbachuu sabaa fi sablammootaa' agarsiisa kan jedhan jiru.
Faallaatiin immoo humnoonni addaa kunneen harki caalu maqaa sabaatiin kan ijaaraman waan ta'eef waraanni amma dura raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa fi finciltoota Tigraay jidduutti adeemaa tureef bifa biraa kennaaf kan jedhanis jiru.
Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa humnoonni kun ajaja raayyaa jala kan socho'aniifi bakka buufatan kan murteessuus raayyaa Ittisa Biyyaa ta'u Reuters'f himaniiru.
"Raayyaa ittisaa cinaa dhaabbatee, deeggaree nageenya mirkaneessudhaafi kan humnichi garasitti bobba'e. Ergama biyyaati qabatee kan inni bobba'u,'' jechuun Obbo Getaachoon BBC'tti himan.
Waraanni Tigraay Sadaasa 2020 haleellaa humnoonni Tigraay raayyaa ittisa biyyaa ajaja Kaabaa irratti raawwatan hordofeeti kan eegale.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad haleellaa humnoonni TPLF dursinee balaa nurra gahuu malu ofirraa qolachuuf fudhanne jedhan hordofee raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii akka fudhatu ajaja kennan.
Riphee loltummaa
Waraanichi eegalee torbanoota sadan jalqabaatti raayyaan ittisa biyyaa fi humnooti TPLF bakka qabatanii kallattiin wal waraanaa turan.
Torbee sadaffaa irratti ammoo waraanni mootummaa federaalaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay to'annoo jala galchuufi waraanichis injifannoon xumuramuu labse.
Humnootiin TPLF kan motummaa federaalaa shororkeessaa jedheen ammoo magaalaa guddoo naannichaa Maqalee gadi dhiisuun gara gammoojjii kan bu'e yoo ta'u waraanichi yeroo duraaf gara lola riphee loltummaatti bifa jijjiirrate.
Mootummaan federaalaa yeroos TPLF humna riphee loluu danda'u akka hin taane himee ture.
Waraanichi xumuramuu fi wanti hafe hoggantoota TPLF lubbuu isaanii baraaruuf baqachaa jiran adamsanii seeratti dhiyeessuu qofa jedhees ture mootummaan federaalaa.

Hoggantoonni TPLF gariin to'annoo jala oolfamanii, gariin ammoo ajjeefaman.
Hundeessaa TPLF kan ta'an Sibhat Naggaa fi pireezidantiin duraanii naannoo Tigraay Abbaay Walduu akkasumas Ministeera Maallaqaa fi wayita lolli eegalu pireezidantii itti aanaa naannoo Tigraay kan turan Dr Abrahaam Takastee kanneen to'annoo jala oolfaman keessaati.
Waggoota dheeraaf ministeera haajaa alaa Itoophiyaa kan turan Obbo Siyyum Masfin, hogganaa korporeeshinii Sukkaaraa kan turan Obbo Abbaay Tsahaayyee fi paarlaamaa keessatti itti waamamaa mootummaa kan turan Asmallaash Waldasillaasee kanneen ajjeefaman keessaati.
Dabalataan, lola kana keessa hoggantoonni waraanaa gama finciltoota Tigraayiif lolan ajjeefamu Raayyaan ittisa Biyyaa kana dura ibsaa ture.
Mootummaan federaalaa Tigraay irratti bulchiinsa yeroo ijaaree naannicha tasgabbeessuuf yaalii taasisee ture.
TPLF Maqaleetti deebi'uu
Lola baatii saddeetiif adeemaa tureen, loltoota dabalatee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamuu mootummaan federaalaa Itoophiyaa himeera.
Lolli baatii saddeetii kun sarbamni mirgoota namoomaa gara garaa sadarkaa yakka waraanaatti fudhatamuu danda'an kan irratti raawwataman ta'uu UN dabalatee dhaabbileen mirgoota namoomaa hedduun gabaasaa turan.
Keessumaa loltoonni Eertiraa lola kanarratti mootummaa federaalaa Itoophiyaa deeggaruun hirmaachaa turan sarbama mirgoota namoomaa gara garaan maqaan isaanii dhahamaa ture.
Jalqabarratti mootummoonni Eertiraa fi Itoophiyaa hirmaannaa loltoota Eertiraa waakkataa turanillee booda garuu loltoonni Eertiraa Tigraay keessa jiraachuu amananii jiru.
Ameerikaa dabalatee biyyoonni Awurooppaa hedduun loltonni Eertiraa Tigraay keessaa akka bahan dhiibbaa guddaa gochaa turan.
Lolichi akkuma itti fufeen namootni miliyoonotaan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'anii beelaa fi rakkoolee gara garaaf saaxilamaniiru.
UN akka jedhutti namoonni 400,000 sababa waraana kanaatiin hir'ina nyaataatiif saaxilamaniiru.
Sababa waraanaatiin deeggarsa namoomaa sadarkaa barbaadamuun ummata rakkateef waliin gahuu dhabuun dhaabbileen gargaarsaa fi biyyoonni lixaa hedduun mootummaan dhukaasa akka dhaabu dhiibbaa jabaa godhan.

Madda suuraa, Getty Images
Baatilee saddeetii booda waraanichi yeroo lammataaf bifa jijjiirate.
Kunis mootummaan federaalaa humnoota nageenyaa Naannoo Tigraay keessaa baasuun dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labse.
Labsii kana hordofee ji'oota saddeet booda TPLF magaalaa Maqalee fi kutaalee naannichaa hedduu to'annoo isaa jalatti deebifachuu ibse.
Lola naannolee lamaa
Mootummaan federaalaa dhukaasa dhaabuu kan labse qonnaan bultoonni waqtii gannaa akka qotataniifi hojiin deeggarsa namoomaa danqaa malee akka itti fufu ta'uu hima.
Humnoonni Tigraay garuu olaantummaa waraanaa Raayyaa Ittisa biyyaa Itoophiyaa irratti argataniin magaalaa Maqalee deebisanii to'achuu himu.
Loltoota raayyaa ittisa biyyaa kumaatamaan lakkaa'aman ajjeesuu fi kuma 6 ol ammoo booji'uu hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el 'the Newyork Times'tti himaniiru.
Lakkoofsa kana qaama walabarraa mirkaneessuun hin danda'amne.
Humnoonni Tigraay labsii dhukaasa dhaabuu mootummaan federaalaa labse hin fudhanne.
Lafa osoo waraanni hin eegaliin dura naannoo Tigraay jalatti bulaa ture mara hanga harkatti deebifatanitti waraana akka hin dhaabne dubbi himaan TPLF Rooyitarsitti himan.
Humnoonni Tigraay Kibba naannichaatiin magaalota akka Koramii fi Allaamaaxaa to'annoo isaanii jalatti kan deebisan yoo ta'u, gama Lixaatiin lafa akka Walqaayiti fi Humaraa deebifachuufis lola egalan.
Bakkeewwan kunneen duraan naannoo Tigraay jalatti bulaa kan turan ta'us Sadaasa darbee wayita lolli eegalu naannoon Amaaraa of jalatti bulchuu eegale.
Naannoon Amaaraa lafoonni kunis ta'e uummanni laficharra jiraatu Amaara, humnaan Tigraay jalatti akka bulu taasifame jedha. Yeroo dheeraafis lafa kanarra waldhabbiin ture.
Lola humnoonni TPLF'f amanamoo ta'an erga Maqalee to'atanii booda eegalan hordofee mootummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu adda kutuun lolatti deebi'uuf akka dirqisiifamu beeksise.
MM Abiy Ahimad ibsa Roobii baasaniin labsiin dhukaasa dhaabuu addatti mootummaan federaalaa torban lamaan dura bu'aa barbaadamu hin buusne jedhanii turan.
TPLF labsii dhukaasa dhaabuu Mootummaan Federaalaa labse akka carraa gaaritti fayyadamuun raayyaa ittisa biyyaa fi humnoota Amaaraa irratti haleellaa raawwachuu qondaalli waraanaa Itoophiyaa himaniiru.
Qindeessaan ijaarsa waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa meejar jeneraal Baacaa Dabalee raayyaan ittisaa tarkaanfii fudhachuutti akka deebi'u akeekan.
MM Abiy akkasumas Leftinaant Janaraal Baacaan ummatni Itoophiyaa raayyaa ittisa biyyaa waliin akka dhaabbatan waamicha dhiyeessan.
Kana hordofee naannoleen gara garaa poolisii humna addaa isaanii gara dirree waraanaatti ergaa jiru.

Madda suuraa, Marsaa Hawaasaa
Amma dura lolli humnoota federaalaafi kanneen TPLF'f amanamoo ta'an gidduu ture yeroo sadaffaaf bifa jijjiirratee gara waraana humna addaa naannolee hirmaachisuutti cehe.
Lolli erga mootummaan federaalaa dhukaasa dhaabuu labsee booda itti fufe lola naannoleen lama lola irratti taasisan ta'uu eeruun, lola naannolee lamaa jidduu humni addaa naannoo biraa seenuu hin qabu jechuun rogeeyyiin falman jiru
Dhaabni mormituu naannoo Sidaamaa 'Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Sidaamaa' ibsa baaseen humni addaa naannoo Sidaamaa lola kanarratti akka hirmaatu godhamuu isaa balaaleffateera.
Hirmaannaan humnoota addaa naannolee nageenya naannoo isaanii akka eeganiif kan hundaa'an ta'uu eeruun dhimma naannoo kaanii keessa galuu ilaalchisee gaaffii seeraa kan kaasan jiru.
Kanneen humnoonni addaa naannolee hirmaatuun waraanichi bifa sabaa akka qabatu taasisa jechuun yaaddoo ibsatan jiru. Qondaaltonni mootummaa yaada kana mormu.
Gama kaaniin sadarkaa gahuumsa raayyaa ittisa biyyaa itti jiru irrattis gaaffiin akka ka'u taasisee jira.
Aanga'oonni mootummaa federaalaa lola kanaan Raayyaan Ittisa biyyaa miidhaan guddaan irra gahuu ni waakkatu. Gahumsa birmadummaa Itoophiyaa tiksuu danda'urra akka jiru Leftinaant Jeneraal Baacaan dubbataniiru.
















