Waraana Tigraay: Naannoleen Itoophiyaa raayyaa tumsuuf humna addaa gara Naannoo Tigraayitti ergaa jiru

Madda suuraa, AFP
Naannoleen Itoophiyaa garaa garaa Raayyaa Ittisa Biyyaa tumsuuf humnoota addaa isaanii gara Kaaba Itoophiyaa baatii saddeet darbeef lolli itti adeemsifama jirutti ergaa akka jiran beeksisan.
Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniitti hanga yoonaa Naannoon Oromiyaa, Kibbaafi Sidaamaa gara bakkeewwan Naannoo Tigraay daangeessanitti humnoota nageenyaa erganiiru.
Kuni kan dhagahame MM Abiy Ahimad akkasumas ajajaan waraanaa olaanaa Itoophiyaa L. Janaraal Baacaa dabalee ummanni Raayyaa Ittisaa Biyyaaf gama lojistikifii humnaan deeggarsa akka taasisu waamicha erga dhiheessan boodadha.
Qaamni nageenyaa Naannoo Oromiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa tumsuuf gara Kaabaatti boobba'u Motummaan Naannoo Oromiyaa BBC'tti himeera.
"Mootummaan naannoo Oromiyaa fi uummanni Oromoo dhimma daangaa biyyaa irratti dhufe bira dhaabbachuuf yeroo kamuu hirmaannaa godhu.
''Ammas birmadummaa biyyaatiif gaaffii gaafatamu kamiifuu deebii kennuuf qophiidha. Hirmaachaas jirti" jechuun dubbii himaan naannichaa Obbo Getaachaw Baalchaaa BBC'tti himan.
Kaaba Itoophiyaatti baatiiwwan saddeet darbaniif lolli kan adeemaa ture yoo ta'u torban lama dura immoo Raayyaan ittisa Biyyaa 'deeggarsa namoomaafi waqtii gannaaf' jedhee addatti dhukaasa dhaabuu labsee ture.
Ta'us, sababa humnoonni TPLF labsii kana akka carraatti itti fayyadamanii lola bananiif milkaa'uu dhabe jedhaniiru qondaalli waraanaa olaanaa Itoophiyaa L. Janaraal Baacaa Dabaleen.
Keessumaa guyyoota muraasa darban humnoonni Tigraay bakkeewwan baatiiwwan muraasa darbaniif humnoota Amaaraan qabamanii turan to'atuu ibsaniiru.
Dhukaasa dhaabuufis haal-dureewwan kaa'an keessaa humnoonni 'Amaaraafi Ertiraa naannoo Tigraay akka gadhiisan' kan jedhu keessa jira.
Guyyaa kaleessaa ibsa baasaniin MM Abiy Ahimad "Juntaan diina Itoophiyaa ta'u mirkaneessaa jira" jechuun "ummata keenya hunda qindeessinee ni buqqisna,'' jechuun lolli irra deebiin eegaluu akka malu akeekaniiru.
MM Abiy karaa ulaawwan deeggarsa namoomaa darbu humnoonni TPLF'f amanamoo ta'an lola waan gaaggeessaniif rakkoo uumuu himan.
Humna addaa Sidaamaaf kaleessa galgala gaggeessan kan taasifameef yoo ta'u Humni Addaa Kibbaas guyyaa har'aa adda waraanaa dhaqqabuu miidiyaan biyyaalessaa EBC'n gabaaseera.
'Haleellaatti seenna - N. Amaaraa'
Gama kaaniin immoo Naannoon Amaaraa bakkeewwan sadiin humnoonni Tigraay lola akka itti banan ibseera.
Naannoon Amaaraa weerarri narratti raawwateera kan jedhe yoo ta'u kanas ofirraa ittisuuf ''haleellaatti'' seenuu beeksiseera.
Hogganaan Kominikeeshinii naannichaa Obbo Gizaachaw naannichi obsa akka fixateefi ''har'aa (Roobii) eegalee ifatti haleellaa ni eegalla,'' jechuun miidiyaaleetti dubbatan.
Naannoleen lamaan bakkeewwan naannolee lamaan daangeessan irratti waldhabbii qabu.
Humnoonni Tigraay erga Maqaleetti deebi'anii booda bakkeewwan Kibbaafi Lixa Tigraay Naannoo Amaaraa waliin irratti waldhaban to'achuf akka lola gaggeessu ibsaniiru.

Madda suuraa, EBC
UN'tti Ambaasaaddarri US Liindaa Toomas Giriinfiild gabaasni waraanni Tigraay babal'achaa akka jiru isaan qaqqabe isaan yaaddessuu ibsa gaafa Roobii baasaniin beeksisaniiru.
Waraanni kun itti fufuun dararaa barbaachisaa hin taaneefi duuti akka itti fufu godha jechuun waan isaan yaaddesse ta'uu ibsan.
Waraana kana keessatti qaamoleen hirmaachaa jiran hunduu atattamaan waraana dhaabuutti waliigalanii dhibdee jiruuf fala siyaasaa mariin barbaaduu qabuu jedhan.
N. Oromiyaan maal jedhe?
Naannoon Oromiyaa qaama nageenyaa isaa qaxanaa sanatti bobbaasaa kan jiru daangaa naannoo tokkoo fi kan biraa gidduu seenee gartuu tokkoof tumsuufii miti jedhaniiru Obbo Getaachoon.
"Raayyaa ittisaa cinaa dhaabbatee, deeggaree nageenya mirkaneessudhaafi kaninni garasitti bobba'e. Ergama biyyaati qabatee kan inni bobba'u. Raayyaa ittisaa waliin ta'ee nageenya mirkaneessuu fi shororkeesitoota too'achuufi kan bobba'e" jedhan.
Humni Nageenyaa naannichaa garasitti kan bobba'e qaaxxee biyya keessaa too'achuuf raayyaa ittisaa gargaaruuf malee tumsi naannoo tokkoof goones goonus hin qabnu jedhan Obbo Getaachoon.
Fuuladurattis qaamni nageenya naannichaa waamicha Federaalarraa isaaf taasifamuun nageenya biyyaa mirkaneessuuf ni bobba'a jedhani.
Lakkoofsi qaamolee nageenyaa naannoo Oromiyaa lola kanaaf gara kaabaatti bobba'an hangam akka ta'aniif fi yoomirraa akka bobba'an garuu hin ibsine angaa'aan kun.















