Waraana Tigraay: Humnootiin Tigraay dhukaasa dhaabuuf haalduree kaa'an

Madda suuraa, AFP
Humnootiin Tigraay kan motummaa federaalaa shororkeessaa jedheeniifi baatiiwwan saddeet darbaniif motummaa waliin waraanarra turan dhukaasa dhaabuuf waraanni Ertiraafi humnoonni Amaaraa bahuu akka haldureetti kaa'e.
Ibsi humnootii Tigraay kunis dhimmoota ijoo lama mootummaan Itoophiyaa torban kana keessatti dhimma Naannoo Tigraayin walqabatee murteessuu beeksise hordofee kan bahe fakkaata.
Motummaan federaalaa jalqaba torban darbeetti Raayyaan Ittisa Biyyaa oppireeshinii waraanaaf gara Tigraay imalee ture baasuun labsii waraana dhaabu kan labse yoo ta'u, ittaansuun immoo rakkinicha mariidhaan hiikuuf yaada akka qabu ibsee ture.
Raayyaan akkasumas loltoonni Ertiraa naannichaa gadhiisuu isaanii hordofee humnoonni Tigraay magaalaa guddoo naannichaa Maqalee dabalatee naannicha deebi'anii to'ataniiru.
Haata'u malee, dubbii himaan duraanii dhaaba TPLF duraanii Obbo Getaachoo Raddaa hidhattoonni isaanii lola akka itti fufu Rooyitarsiif dubbatanii turan.
Guyyaa Jimaata ammoo dhimma Itoophiyaarratti ifatti yeroo jalqabaaf kan mari'ate Manni maree Nageenyaa UN humnoonni Tigraay lola akka dhaaban akeekkachiisee ture.
'Ibsa mootummaa Tigraay' jechuun Obbo Getaachoo Raddaan fuula tiwiitaraa isaanii irratti har'a gadhiisaniin dhukaasa dhaabuu dura haaldureewwa guutamuu qaban jedhan tarreesseera.
Haaldure kana keessaa tokko TPLF paartii naannicha bulchu akka ta'e beekkamti akka kennamuuf dabalatee kaan eeraman jiru.
Dhimma haalduree dhaabichi dhiheesse kana irratti gama mootummaa Itoophiyaa ammatti wanti jedhame hin jiru.
Xiinxaltoonni dhimma naannichaa hordofan garuu motummaan haalduree dheeraa gareen Tigraay dhiheesse kana ni fudhata jedhanii akka hin yaadne himu.
Haal dureewwan kunneen maali?
Qabxiiwwan torba gareen TPLF kan mootummaan shororkeessummaan galmeesseefi yeroo ammaa lola baatii saddeet booda magaalaatti deebi'e baase keessaa inni jalqabaa humnoonni Amaaraafi Ertiraa Tigraay keessaa akka bahaniifi lafa waraana dura turanitti akka deebi'an gaafata.
Dabalataan, qaamni walabaa sarbama naannicha keessatti mudatan qoratu UNn akka hundaa'uufi kanarrattis waligalteen akka jiraatu gaafata.
Yeroo ammaa UN fi komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa himannaa sarbama mirga namoomaa naannichatti mudatan qorataa kan jiru yoo ta'u, baatii muraasa booda akka xumuramu ibsameera.
Kallattii 'hundaanu' deeggarsi namoomaa danqaa hin qabne ummata Tigraay bira akka gahu ibsi kun ni gaafata. Kanneen lolichaan buqqa'aniifi baqatan akkasumas kan qubsiifaman jedhees bakkatti akka deebi'an gaafata.
Gama kaaniin, tajaajilli bu'uraalee misoomaa kanneen akka baankiifi kominikeeshiniifi kaan akka bakkatti deebi'an gaafata.
''Si'achi mariin taasifamu heera biyyattii kan bu'ureeffatedha'' kan jedhe ibsichi garee kanaa kun, mootummaan naannichaa kan karaa dimokiraatawa ta'een filatameef beekkamtii akka kennu gaafata.
Kana dura filannoo ajaja mootummaa federaalaa cabsuun naannichatti gaggeeffamee ture mootummaan fudhatama dhabsiisuun isaa ni yaadatama.
Namoonni 'siyaasaafi waraanaa' Tigraayirraa hidhaman jedhe akka hikaman kan gaafatu haaldureen kun, kunneen hojiirra ooluu isaanii qaamni idil - addunyaa hordofu akka jiraatulleen ni gaafata.
Baatii Sadaasa 2020 ture humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa Maqalee jiru irratti erga haleellaa raawwatan booda lolli motummaa federaalaafii humnootii TPLF jidduutti kan ka'e.
Mootummaan federaalaa torban sadii keessa Maqalee to'atuun injifannoo labsuus yeroo garaa garaatti bakkeewwan magaalarraa fagaatanitti lolli adeemaa ture.

Madda suuraa, Getty Images
Lola kanaan lammiileen kumaan lakkaa'aman yoo lubbuu dhaban, miiliyoona tokko ol kan ta'an immoo qe'eefi qabeenyarraa buqqa'aniiru.
Lammiileen 400,000 siqan Naannoo Tigraayitti beelaan miidhamaa jiru jechuun UN akeekkachiiseera. Kana dura mootummaan federaalaa naannichatti beelli hin jiru jechuun himeera.
Gama kaaniin mootummaan Naannoo Amaaraa kan kana dura 'lafa humnaan nu duraa fudhatame humnaan deeffanne' jedhe lafa qabate hin gadhiisu jedheera.
''Dhimmi Walqaayit, Xagadee, Tsallamtiifi Raayyaa kan Amaaraa ta'un kan mirkanaa'e, faayilii cufame ta'u irra deebinee mirkaneessineera,'' jechuun haleellaa raawwatu dura akka dhaabbatan Pirezidantiin naannichaa Obbo Aganyahuu Tashaagar kaleessa himan.
Mootummaan naannichaa bakkeewwan kun yeroo TPLF aangootti dhufe jalqaba bara 1990 keessa akka Tigraayitti makaman ibse.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta'an Taayyee Axiqasillaasee gaafa Jimaataa gaaffii gaazexeessitootarraa dhihaateef deebii walfakkaataa kennaniiru.
Yeroo ammaa magaalaa Maqalee dabalatee akkeewwan naannichaa baay'een humnootii Tigraayiin kan to'atame yoo ta'u mootummaan federaalaa kanneen mootummaa waliin hojjetaa turan irratti ajjeechaan raawwataa jira jechuun himateera.















