Waraana Tigraay: Dhimmaa naannoo Tigraay ilaalchisuun manni maree nageenyaafi biyyoonni kaan maal jedhan?

Biyyoota Gamtoomanitti Ambaasaaddaroota Ameerikaa, Chaayinaa, Keeniyaa, fi Ruusiyaa [bitaa mirgatti]

Madda suuraa, UN

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoota Gamtoomanitti Ambaasaaddaroota Ameerikaa, Chaayinaa, Keeniyaa, fi Ruusiyaa [bitaa mirgatti]

Manni Maree Nageenyaa Motummoota gamtoomanii haala Naannoo Tigraay ilaalchisuun walgahiiwwan kanaan dura gaggeesseen haala adda ta’een Jimaata darbe yeroo jalqabaatiif ifatti marii gaggeesseera.

Mariin kuni Itoophiyaan Raayyaa ishee oppireeshinii waraanaaf gara Naanoo Tigraayitti ergite erga baasteefi rakkina naannicha keessa jiru mariin furuuf akka yaada qabdu ibsitee booda taasifame.

Walgahichaan booda ammoo namoonni dhuunfaafi qondaaltoonni biyyoota adda addaa rakkoo naannoo Tigraay keessa jiru ilaalchisuun yaadasaanii kennaa jiru.

Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook walgahii mana maree nageenyaa UN hordoofaa turuu himuun keessattu ejjannoo biyyoonni Afrikaa miseensa mana marichaa ta'an ibsan akka deeggaran ibsan.

Manni Maree Nageenyaa UN miseensota 15 kan qabu yoo ta’u, Ameerikaa, Ruusiyaa, UK, Faransaay fi Chaayinaan mirga sagalee sagaleen kuffsu qabu.

Biyyoonni 10, Hindii, Isootoniyaa, Keeniyaa, Meeksiikoo, Niijar, Nooriwee, Seent Viinsant anda Za Gireenaadiinsi, Tuniziyaa fi Veetinaam ammo miseensoota yeroo mana marichaati.

Walgahi mana marichaa jimaata gaggeeffame irratti ambaasadaroonni Ameerikaa, Faransaay, Chaayinaa, Ruusiyaa, Hindi, Keenyaa, Noorweey, Taayiwaan fi Ayirlaand haala naannoo Tigraay ilaalchisuun ejjannosaanii ibsaniiru.

MM Sudaan maal jedhan?

Hamdook walgahii mana maree nageenyaa UN hordofaa akka turan himuun, ejjannoo biyyoota Afrikaa miseensa mana marichaatiin ka'aniin kan walii galan ta'u ibsan.

MM Hamdook ergaa karaa toora tiwiitara isaaniitiin dabarsaniin, ''keessattuu ejjannoon biyyoonni Afrikaa dhukaasa dhaabuun hunda hammataafi dhaabbataa cimsuu, naannichatti dhiyeessii deeggarsa namoommaa mirkaneessuu jedhuun waliin gala,'' jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Itti dabaluunis, mariin biyyaaleessaa hunda hammataa ta'eefi tokkummaa, nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyaa mirkanneessuuf eenyunuu hirmaannaa keessaa hinhambiifne taasifamu qabaata jedhan.

MM Hamdook, ''Gama keenyaan Itoophiyaan rakkoo amma keessatti argamtu keessaa akka baatuuf Sudaan biyya obbooleettii ishee taatee kanaaf deeggarsaa fi gargaarsa hunda ni taasifti,'' jedhan.

Ruusiyaa Chaayinaa, Hindiifi Keeniyaa

‘‘Dhimmi har’a irratti dubbbtaa jirruu kun karaa tokkoonis ta’e karaa biraatiin dhimmi keessoo Itoophiyaa ta’usaa dagatamu hinqabaatu’’ jedhan Ambaasaadarri Ruusiyaa Baasiilayii Neebenezayaa.

Labsiin dhukaasa dhaabuus kan gara kallattii sirriitti qajeelchuudha erga jedhaniin booda mootummaan bu’uuraalee misoomaa naannoo Tigraayiitti barbadaa’an deebiisee ijaaruufi deeggarsa namoomaa taasisuuf motummaan baasii doolaara biiliyoona 2.5 baaseera jedhan Ambaasaadarri Ruusiyaa.

‘‘Dhimmi naannoo Tigraay dhimmi keessoo waan ta’eef rakkinicha furuuf yaaliin jiddugaluumsaa manni maree nageenyaa UN taasisuu dhiibbaa olaanaa hordofsiisa’’ jedhan.

Akkasumas mana marichaatti bakka bu’aan Chaayinaa Daa’ii Biingi hawaasni addunyaa dhimmi Tigraayii irratti walabummaa Itoophiyaa akka kabajuuf gaafatan.

Ambaasaaddar Biingi dhimmi Tigraay dhimma keessoo Itoophiyaati erga jedhaniin booda, Itoophiyaanis dhimmicha ofiisheen furuuf dandeettii qabdi jedhan.

Hawaasni addunyaas wayita deeggarsa taasisuutti haala walabummaafi abbummaa Itoophiyaa kabajeen ta’u qabaatas jedhan.

Ambaasaadarri dhaabbataa Hindii T.S. Tiirumurtii gama isaanitiin, motummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu ragaasisu dinqisiifatanii, murtiin kunis nagaa buusuuf ni gargaara jedhan.

Qaamooleen waraanicha keessa hirmaatan hundinuu labsii dhukaasa dhaabuu akka kabajaniif gaafatanii, biyyisaanii Hindiin walabummaa fi tokkommaa Itoophiyaa ni mirkanneessiti jedhan.

Mana marichaatti ambaasaadarri dhaabbataa Keeniyaa Maartiin Kiimaanii ammoo, ejjannoo motummaa isaaniifi kan motummoota Tuniziyaa, Niijar, Seent Nisanti enda Za Girenaadiinsi barreeffamaan dhiyeessaniiru.

Ambaasadarichi fedhii Itoophiyaan ijaarsa dimokiraasitiif qabdu ni hubanna, filannoon dhiheenya gaggeeffame haqa qabeessa ta’usaa gareen taajabdoota Gamtaa Afrikaa gabaasa taasisuu dubbatan.

Rakkoo uumameef furmaata Afrikaa irraa madde kennuuf dandeettii qabna kan jedhan ambaasaadarri kun, manni maree nageenyaas Afriikaatti hirkatee furmaata Itoophiyaaf ta’u akka kennuuf ni jajjabeessina jedhan.

Itti dabaluunis ummanni Itoophiyaa nagaasaa eeggachuuf dandeettii qaba jedhan.

Ameeriikaa, Noorweeyii fi Faransaay

Mana Maree Nagaa kanatti Ambaasaadara baaka buutuu dhaabbataa Ameerikaa kan taatee Liindaa Tomaas Giriinfiild, dhiheenyatti motummaan dhukaasa dhaabuu labsuu isaa ibsuun, ittifufiinsaan motummaan federaalaa deeggarsa namoommaa hindaangeeffamne akka taasisuu fedhii cimaa qabaachu mirkanneessuu qabna jedhan.

Lolli TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu ture biyyattii rakkoo nagenyaa keessa galcheera

Madda suuraa, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Lolli TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu ture biyyattii rakkoo nagenyaa keessa galcheera

Ameerikaanis miseensoota mana marichaa biraa waliin ta’uun walgahiin kun akka taasifamuuf waamicha kan dhiyeessite, haalli Tigraayi fooyya’insa waan agarsiiseef jedhan.

Walgahii saaqaa taasisuu qofti gahaa akka hintaanee kaasuun, haalli Tigraay fooyya’iinsa kan hinmul’ifne yoo ta’e mannni marichaa tarkaanfii dabalataa fudhachuu qabaata jedhan.

‘‘Waraanni Itoophiyaa Maqaleedhaa wayita gadhiisee bahuutti biiroolee dhaabbilee deeggarsa namoomaa saameera. Meeshaaleen quunnamtii barbadaa’aniiru’’ kan jedhan Ambaasadar Giriinfiildi, meeshaaleen saamaman hundi deebii’u qabaatu jedhan.

Dhaabbileen deeggarsa namoomaa kan torbaniitiin duraa caalaa amma namoota deeggarsi barbaachisuu gahuun rakkisaa jira.

Kun ammo kan mirkanaa’u yoo ta’e, motummaan dhukaasa dhaabuu kan labse deeggarsa namoommaa qaqabsiisuuf osoo hintaanee marsuudha jedhan.

Bakka buutuun Nooriweey gama isaanitiin, ‘‘Namoonni kuma dhiibaan lakkaa’aman haala beela jedhamu keessa seenaniiru’’ erga jedhaniin booda, Tigraayiitti bu’uuraaleen telekomii adda cite waan jiruuf odeeffannoo gahaa argachuu akka hindanda’amne himan.

‘‘Ummannii haala rakkisaa keessa jira,’’ kan jedhan ambaasaddarittiin, ‘’ammas dhiyeessitoonni deeggarsa namoomaa hojiisaanii akka hinraawwanneef dhorkamaa jiru. Motummaan federaalaa hayyama kennu qabaata. Bu’uraaleen misoomaa adda kutaman deebiifamu qabaatu’’ jedhan.

Itti dabaluunis rakkoon Tigraay kan waraanaan hikamu mitis jedhan.

Bakka bu’aan Istoniyaa ammo rakkoon nageenya Tigraay yaaddoo nageenyaafi tikaa addunyaa waan ta’eef ajandaa mana marichaa ta’un itti haa fufu jedhan.

Ambaasaaddarri bakka bu’aa Faransaay Niikolaas D Riiviiyer ammo, humnootiin Tigraay deebiisanii Maqalee qabachunsaanii badiinsa qaqqabeef waraanni filmaata furmaataa akka hintaane kan mul’isuudha jedhan.

Ambaasaaddarichi loltoonni Ertiraa Tigraay akka bahaniif gaafatanii, waraanichi Tigraay bahusaa mirkanneeffachu qabnas jedhan.

Itoophiyaatti waliigalteen biyyaaleessaa ni barbaachisa erga jedhaniin booda, humnootiin waraanaa gochaawwan tasgabbii dhabamsiisan irraa akka of qusataniif waamicha dhiyeessan.

‘‘Motummaan gaheessaa bahuuf dandeettii qaba’’

Erga biyyoonni miseensaa eejjannoo biyyasaanii calaqqisiisaniin booda, UN bakka bu’aa dhaabbataa Itoophiyaa kan ta’an Ambaasaadar Taayyee Atsiqasilaasee ejjannoo motummaa isaanii barreeffamaan dhiyeessan.

Tibba motummaan Itoophiyaa ummata tarkaanfii seera kabachiisuun miidhamee deeggaruuf jecha tarkaanfii siyaasaa fudhate kanatti, walgahiin mana marichaa ifaatti akka gaggeeffamuuf waamame kun sirrii miti jedhan.

Motummaan federaalaa murtee dhukaasaa dhaabu kan taasise deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf ta’u kaasuun, ammas motummaan ittigaafatamummaasaa bahuuf dandeettii qaba jedhan.

Ambaasaadar taayyeen qaamooleen tibba seera kabachiisuutti miidhaa mirga namoomaa qaqabsiisaniiru jedhaman ni gaafatamu jedhan.

Hawaasni addunyaas Itoophiyaaf deeggarsa akka taasisuuf waamciha kan taasisan yoo ta’u, Itoophiyaarratti dhiibbaan daangaa darbe taasifamu hinqabaatu jedhaniiru.