Itoophiyaan ogeeyyii miidiyaa 15 hiite akka gadi dhiiftu CPJn gaafate

Gaazexeessitoota Baqaaluu Alaamirroo (Awlo Media) fi Abbebe Baayyuu (Ethio-Forum)

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeeyyii miidiyaa hidhaman keessaa Baqaaluu Alaamirroo (Awlo Media) fi Abbebe Baayyuu (Ethio-Forum)

Anga’oonni Itoophiyaa ogeessota miidiyaa 15 miidiyaa lama keessa hojjetan to’annoo jala oolchuusaanii mirga gaazexessitootaaf kan falmu CPJ’n ibse.

Hidhmauu gaazexessitootaa fi ogeessota miidiyaa kunneen ilaalchisuun ibsa kaleessa baaseen, mootummaan dafee akka hiikuu fi dhiibbaa ogeeyyii miidiyaarraan gahaa jiru akka dhaabuuf waamicha godheera.

Ogeeyyii miidiyaa hidhaman keessaa Baqaaluu Alaamirroo Awulo Miidiyaa irraa akkasumas Abbebe Baayyuu Itiyoo-Fooram irraa kanneen eeramanidha.

Miidiyaa Youtube irratti oduu fi xiinxala siyaasaa adda addaa dhiyeessu Itiyoo-Fooram irratti xiinxalawwan mootummaa qeeqan dhiyeessuun kan beekamu Abbebe Baayyuu, osoo hin hidhamiin dura qaamolee hin beekamneen butamee erga reebamee booda gadi dhiifamuu CPJ'tti himee ture.

Ogeessonni kunneen dhaabbilee Awuloo Miidiyaa fi Itiyoo Fooram jedhamanirraa qaamolee nageenyaatiin akka to’annoo jala oolan odeeffannoon naga’eera kan jedhe Waldaan ogeessota miidiyaa Itoophiyaa, akkaataa itti qabamanii fi qabiinsa isaanii ilaalchisuun qaama dhimmi ilaallaturraa qulqulleeffachaan jira jedheera.

CPJn maal jedhe?

Poolisiin Waxabajjii 23 ALI guyyaa keessa wiirtuu Awuloo Miidiyaa Finfinnee keessatti argamu humnaan cabsee seenuun namoota 12 achii hojjetan hidhuusaa dhimmicha dhiyeenyaan namoota beekan irraa iyyaafadheera jedha CPJn.

Ogeessonni guyyootaan dura hidhaa seenan ammallee mana murtii akka hin dhiyaannee fi sababa maaliin akka hidhaman akka itti hin himamne himeera, CPJ’n.

"Mootummaan Itoophiyaa ogeessota Iitiyoo Fooram fi Awuloo Miidiyaa kunneen hatattamaan gadhiisuu qaba’’ jedhan CPJ’tti hogganaa dame Afriikaa kan ta’an Anjeelaa Kuwiintaal dha.

Waldaan ogeessota miidiyaa Itoophiyaa gama isaatiin, ‘‘hidhaa gaazexessitoota kunneenii irratti odeeffannoo ga’aa argachuu baannus, qaamni mootummaa dhimmichi ilaallatu namoota to’annoo seeraa jala jiran kunneen haala danda’ameen dafanii mana murtii akka dhiyaataniif, mirgi firootaan gaafatamuu isaanii akka eegamuuf waamicha dhiyeessina’’, jedheera.

Hogganaa itti aanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Yoonaataan Tasfaayee waa'ee hidhamuu ogeeyyii kanaa odeeffannoo akka hin qabne barruu AddisStandarditti himeera.