Waraana Tigraay: Fannoon diimaa loltoota Tigraayitti booji'aman daawwachuu eegale

Loltoota booji'aman jedhamanii magaalaa keessatti hiriiraan agarsiifaman

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota booji'aman jedhamanii Maqalee keessatti hiriiraan agarsiifaman

Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) loltoota Itoophiyaa humnoota Tigraayiin booji'amanii hidhaa jiran daawwachuu eegaluu isaa beeksiseera.

Loltoonni mootummaa federaalaa naannoo Tigraay gadi dhiisanii bahuu hordofee magaalaa guddoo naannichaa Maqalee kan to'atan humnoonni Tigraay, loltoota Itoophiyaa lola irratti boojine jedhan magaalaa Maqalee keessa oofanii akka uummataan daawwataman taasisanii turan.

Hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el loltoonni isaa loltoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa 6000 ol booji'uu barruu 'the New York times'tti himanii turan.

Loltoonni sadarkaa gadii 1000 ta'an Jimaata darbe gadi dhiifamanii hanga daangaa naannoo Amaaraatti gaggeeffamuu hogganaa TPLF Dabratsiyoon waabeffachuun Rooyitars gabaaseera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa loltoonni isaa booji'amuu ni waakkata.

Qindeessaan ijaarsa waraanaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa leetanaant jeneraal Baacaa Dabalee ibsa torbee darbe kennaniin suuraa fi viidiyoon humnoonni Tigraay loltoota Itoophiyaa boojine jechuun agarsiisan 'bakka biraatii kan fudhatamee fi footooshooppiin kan tolfamedha' jedhanii turan.

Mootummaan federaalaa gama isaatiin, "Raayyaan Ittisa Biyyaa seeraa fi naamusaan waan buluuf uummatatti dhukaasuu dhiisee haarsaa kafale, gareen shororkeessaa akka waan mo'amee fakkeessee olola sobaaf oolfate," jedhee ture.

ICRC'n maal jedhe?

"Namoota hidhaarra jiran daawwachuun itti-gaafatamummaa ijoo qabnu keessaa tokko yoo ta'u, biyyattii keessatti qooda kana bahachaa turre. Sochii kana Tigraayitti eegaluu keenyatti gammaneerra," jechuun Itoophiyaatti hoggantuun oppireeshinii ICRC Maariyaa Soledaad himaniiru.

ICRCn loltoota booji'amanii Tigraayitti hidhaa jiran jalqaba torbee kanaa daawwachuu eegaluu isaa malee loltoonni booji'aman meeqa akka ta'anii fi haala akkamii keessa akka jiran homaa hin jenne.

Kabajaa fi eegumsi namoota hidhaa jiranii akka mirkanaa'u, akkasumas qaamota dhimmichi ilaallatu waliin marii akka godhus ICRCn beeksiseera.

Loltoota booji'aman jedhamanii magaalaa keessatti hiriiraan agarsiifaman

Madda suuraa, AFP

Hogganaan TPLF Dabratsiyoon Rooyitarsitti akka himanitti ammallee loltoonni 5000 ta'an harka isaanii jiru.

"Kanneen ajajoota ta'anii fi seeraan gaafataman hin gadhiifnu" jedhan.

Kanneen gadhiifaman akkamiin akka gadi dhiifamanii fi erga daangaa naannoo Amaaraa gahaniin booda eenyu akka isaan simate wanti jedhame hin jiru.

ICRCn bara darbe Itoophiyaa keessatti manneen hidhaa 50 keessatti namoota birmadummaan isaanii sarbame 72,000 daawwachuu fi deeggarsa adda addaas gochaa akka ture beeksiseera.