Lola Tigraay: Itoophiyaan hawaasni addunyaa 'yakkawwan' TPLF itti-fufee raawwachaa jiru osoo arguu callisuun naaf gaaffiidha jette

Madda suuraa, PM Office
Mootummaan Itoophiyaa osoo Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) 'yakkawwan' gara garaa itti-fufee raawwachaa jiruu argee callisuu filachuun hawaasa addunyaa gaaffii natti ta'aa jira jedhe.
Waraana Tigiraayii fi dhimmoota yeroo biroorratti ibsa miidiyaaleef Roobii kenniteen, pirees sekireetaariin Waajira Ministeera Muummee Biillenee Siyyuum, qooda mootummaan Federaalaa murtee dhukaasa dhaabuu gam-tokkee fudhate, gareen TPLF ammoo 'yakkawwan' gara garaa raawwachuurra darbee naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti yeroo dubbii hammeessaa jiru kana callisuun hawaasa addunyaa baay'ee rifaasisaadha jette.
Akka Biilleneen jettutti, mootummaan Federaalaa gargaarsi namoomaa akka uummata Tigraay qaqqabuuf, akkasumas waqtii rooba gannaa kana keessa akka ummanni naannichaa qotataniif jecha murtoo dhukaasa dhaabuu gam-tokkee fudhate.
Haata'u malee, gareen TPLF dhukaasa dhaabuu diduun ummata naannoo Tigraay caalaa rakkoof akka saaxilaman gochuu dubbatti.
"Carraa kana [murtee dhukaasa dhaabuu gam-tokkee mootummaa Federaalaa] fayyadamuun qonnaan bultoota Tigraay, akkasumas namoota gargaarsi namoomaa barbaachisu deegaruu dhiisanii, akka keessa dhokachuuf tolutti namoota nagaa kakaasuufi uummata Amaaraafi Tigraay keessa jiran irratti ammoo miidhaa geessisuu filatan," jetti Biilleneen.
Humnoonni TPLF, kan mootummaan shororkeessitoota jedhee labsee garuu labsiin dhukaasa dhaabuu labsame injifatamuu humnoota mootummaa Federaalaa dhoksuuf jechuun, dhukaasa dhaabuuf haal-dureewwan guutamuu qabu jedhan tarreessuun ni yaadatama.
Haal-dureewwan kunniin keessaa lafti naannoo Tigraay humnoota naannoo Amaaraan fudhatame akka deebi'u, humnoonni Eertiraas naannichaa akka bahan kan gaafatutu keessatti argama.
Raayyaan Ittisa Biyyaa labsii dhukaasa dhaabuu mootummaa fudhatee naannichaa bahus, humnoonni TPLF lafa humnoonni naannoo Amaaraa na jalaa to'atan jedhuu fi naannoon Amaaraa ammoo lafakoo durii seera malee fudhatame jedhu dabalatee bakka kaanittis waraanni gaggeeffamaa jira.
Jireenyi qote-bultoota naannoo Amaaraafi horsiise-bulaa naannoo Affaar yeroo garee TPLF kan daran dubbii hammeessuu filateen boora'aa jiru hawaasni addunyaa callisuu filachuun gaaffiidha jetti Biilleneen ibsa Roobii kennite kanaan.
Ibsa kana irratti komii hawaasa addunyaarra mootummaan Itoophiyaa qabu Biilleneen kaafte biraan, TPLF daa'imman loltummaaf fayyadamuun isaa ragaan osoo jiruu balaaleffachuu dhiisuu isaati.
Hanga gaafa Waxabajji 29, 2021 dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuutti mootummaan Federaalaa gargaarsa namoomaa marsaa sadiin namoota miliyoona 4.5 oliif akka rabsee ture himuun, xaa'oon kuntaalli kuma 580 ol waliigaltee dhukaasa dhaabuu dura qonnaan bultootaaf rabsamuu yaadatteetti Biilleneen.
Murtee taasifame hordofuun loltoonni Federaalaa yeroo Mqalee keessaa ba'anittis qamadiin kuntaallu kuma 400 oliif zayitiin nyaataa liitiriin miliyoona 2.5 rabsamuuf kuusaa keessa tureera. Kana malees, zayitiin boba'aa liitira miliyoona 14 kuusaa keessa turuu ibsiteetti Biilleneen.
Gargaarsa nyaataa namoota gargaarsi barbaachisuuf naannoo Tigraay keessatti kuufamee jiru garuu TPLF tooftaa ittiin loltoota qacarachuuf akka oolfachaa jiru gabaasni ni agarsiisu jette.
Kanamalees, akka isheen jettutti taanaan, gargaarsi namoomaa gara naannichaa geeffamuuf karaarra jirus garee kanaan karaatti danqamuun warra gargaarsi barbaachisuuf qaqqabsiisuu rakkisaadha.
Waraanaa mootummaa Federaalaafi humnootii TPLF gidduutti Sadaasa 4, 2020 jalqabe ji'a sagal guutaa jiru lubbuun kumaatamaan lakkaa'amu akka darbuufi lammileen miliyoonaan lakkaa'aman akka gargaarsa namoomaa eeggatan taasiseera.
















