Mootummaan naannoo Amaaraa namni danda'u hundi akka adda waraanaatti duulu gaafate

Madda suuraa, Amhara Media Corporation
Pirezidaantiin mootummaa naannoo Amaaraa Aganyahu Tashaagar, dargaggoonni duuluu danda'an hundi guyyaa boruu irraa eegalanii akka gara dirree waraanaatti duulan gaafatan jechuun miidiyaan naannochaa gabaase.
''Meeshaa waraanaa mootummaa kanneen hidhatan, dhuunfaadhaan kan hidhatan fi dargaggoonni dirqama kana ba'uuf dandeettii qaban hundi guyyaa boruu irraa eegalanii akka duulan,'' jedhaniiru aanga'aan kun.
Miidiyaan naannochaa ibsa pirezidaantichi kennan eeruun akka gabaasetti, gareen TPLF waan qabu hunda duguugee itti fayyadamuun sochii haleellaa gaggeessaa jira.
Kanaan dura qaamoleen hawaasaa hunduu akka cinaasaanii hiriiran kan gaafatan qondaalli kun, abbootii qabeenyaa fi jaarmiyaalee daldalaa dabalatee deebiin hawaasa irraa argatan jajjabeessaa ta'uu himan.
Deggersi naannolee Itoophiyaa garaagaraa irraa argataa jiran seena-qabeessa ta'uus eeran.
Erga humnoonni Tigraay Kooram fi Allaamaaxaa naannoleen biyyattii humna waraanaa qaban garas erguutti jiru.
Humnoonni Tigraay lafa wayita waraanaa jalaa qabatame deeffachuuf kan dhiibaa jiran yoo ta'u, karaa kibba naannochaan magaalota Kooram fi Allaamaaxaa harka galfachuu ibsanii turan.
Miseensonni raayyaa ittisaa waraana duraanii keessaa deebi'an yeroo ammaa itti deebi'anii lolaa jiraachuu kan himan pirezidaantichi, garee isaan haleelaa jiruun walbira qabanii wayita ilaalan, ''humna hedduu kan hiriirsifnuu fi loojistikii guddaa kan barbaaduudha,'' jedhan.
Waamichi kun Amaaraa fi Itoophiyaa baraaruuf akka ta'es dhaaman.
Yeroo ammaa dirreewwan waraanaa hedduutti injifannoo argachaa jiraachuu kan himatan pirezidaanti Aganyaw Tashaagar, dirree waraanaa Raayyaa fi dirree waraanaa Xallamt keessatti garee TPLF irra kisaaraan ga'uu himan.
"Lafi Amaaraa wayyaaneetti qoree akka ta'u goona. Kallattii kamiinuu socho'uu hin danda'an. Hunduu sadarkaa jiruun of-qindeessuu qaba. Gara adda waraanaattis duuluu qaba.'' jedhan.
Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa gamasaaniin ergaa tibbana tiwiitarii isaanirratti barreessaniin humnoonni Tigraay injifachaa jiraachuu himan.
''Dahannoowwan waraanaa jajjaboon Qobboo, Adii Arqaay fi Caw barri turan diigamaniiru,'' jedhan.
Pirezidaanti Aganyaw Tashaagar uummanni 'lootee seentota' irratti daammaquun of eeggachuu qaba jedhan.
"Dhalattoonni Tigraay naannoo keenya keessatti argaman nagaan akka jiraatan ni iyyamna. Kanneen diinaaf tumsan yoo jiraatan garuu tarkaanfii seeraa fudhanna.''














