Waraana Tigraay: TPLF haaldureen dhukaasa dhaabuu haaraa dhiyeesse, kan duraarraa maaliin adda?

Madda suuraa, Getty Images
Humnoonni Tigraay kaaba Itoophiyaatti humnoota mootummaa federaalaa fi naannolee biroo wajjin waraanarra jiran, dhukaasa dhaabuuf mootummaan cee'umsaa hundaa'uu akka haaldureetti kaa'an.
Kana malees bajatni A.L.I bara 2013 fi 2014 'atattamaan' akka gadhiifamuufis gaafatan.
Ibsi haal duree kanneen ofkeessaa qabu kan bahe naannolee Itoophiyaa biroo keessatti, wayita dargaggoonnii fi humnoonni nageenyaa naannolee waraana kaaba biyyattiitti taasifamaa jiruurratti hirmaachuuf kumaatamaan wayita makamaa jiranitti.
Ibsi karaa dubbi himaa TPLF Obboo Getaachoo Raddaan bahe akka mul'isutti, ''mootummaan Tigraay haalota siyaasaa fi waraanaa biyyattii keessatti jijjiiramaa jiran, nageenyaafi tasgabbii biyyaa irratti dhiibbaa qaban hubachuun,'' haalduree amma dura kaa'an irra deebi'anii fooyyeessuu hima.
Haalduree haaraa gareen mootummaan shororkeessummaan galmeessee kun baase ilaalchisee, haga ammaa gama mootummaa federaalaan wanti dhagahame hinjiru.

Isa amma duraarraa maaliin adda?
Humnoonni mootummaa federaalaa ''Tigraayitti mo'amaniiru'' kan jedhu ibsi kun, waraana naannoolee Amaaraa fi Affaaritti taasifamaa jiruunis irra aanneerra jedha.
''Mootummaan Tigraay lola kanaaf furmaanni naga-qabeessa tahe akka argamuuf irra deddeebiin fedhii agarsiisaa ture,'' kan jedhu ibsi guyyaa Kamisaa gadhiifame kun, tahus garuu ''nagaafi tasgabbii uummata Tigraay kabachiisuuf ofirraa qolachuuf qophiidha,'' jedha.
Haaldureen haaraa ejjennoo 'Mootummaa Tigraay' jechuun Obbo Getaachoo Raddaan fuula Tiwiitaraa isaanii irratti gadhiisan, kan jalqaba ji'a kanaatti baasan irraa kan guddaa walirraa fagaatu miti.
Keessattuu haaldureen waraanni Ertiraafi humnoonni Amaaraa naannicha dhiisanii akka bahaniif irra deebiin gaafateera.
Qabxiin haaraa ibsa kanarratti dabalame isa ''mootummaa cee'umsaa'' akka hundaa'u kan gaafatufi kan bajanni naannichaa akka gadhiifamu kan itti gaafatanidha.
Ibsi kun: ''mootummaan biyya bulchu seeraqabeessa miti. Kanaafis mootummaan ceehumsaa akka hundaa'u, akkasumas adeemsi siyaasaa qaamolee siyaasaa ijoo biyyattii keessa jiran hammate akka jalqabamu [gaafanna]. Kunis rakkoolee siyaasaafi heeraa biyyattii muddaa jiraniif furmaata kennuuf kan kaayyeffate tahuu qaba,'' jedha.
Tajaajilli bu'uraalee misoomaa kanneen akka ibsaaa, baankiifi telekomii fi kaan akka bakkatti deebi'an kan amma duraan gaafatames, ibsa ammaa kana keessattis eerameera.
Akkasumas dhimmoonni: deeggarsi namoomaa ummata Tigraay bira akka gahu, akkasumas lammileen Tigraay eenyummaa isaaniin hidhaman jedhe akka hikaman irra deebiin gaafateera haaldureen kun.
''Dhimmoonni jedhaman kunneen yoo hojiirra oolan qofadha kan mariif teenyu,'' jedha ibsi bahe kun.

Baatii Sadaasa 2020 ture humnoonni TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa Maqalee jiru irratti erga haleellaa raawwatan booda lolli motummaa federaalaafii humnootii TPLF jidduutti kan ka'e.
Lola kanaan lammiileen kumaan lakkaa'aman yoo lubbuu dhaban, miiliyoona tokko ol kan ta'an immoo qe'eefi qabeenyarraa buqqa'aniiru.
Daarektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) Deeviid Biziliiy guyyootaan dura akka dubbatanitti, kuusaan nyaataa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Tigiraay keessaa qabu guyyaa Jimaataa obba'a jedhan.
Gama kaaniin mootummaan Itoophiyaa osoo Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) 'yakkawwan' gara garaa itti-fufee raawwachaa jiruu argee callisuu filachuun hawaasa addunyaa gaaffii natti ta'aa jira jechuun komateera.













