'Sudaan loltootashee daangaa Itoophiyaa keessaa akka baaftuuf hawaasni addunyaa dhiibbaa gochuu qaba' - Ministeera Dimma Alaa

Madda suuraa, MFA
Dubbi-himaan Minsteera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaddar Diinaa Muftii Sudaan loltoota ishee daangaa Itoophiyaa keessa akka baaftu hawaasni addunyaa hubachiisuu qaba jedhan.
Ambaasaddar Diinaan ibsa har’a miidyaaleef kennaniin, Sudaan waliigaltee bara 1972 biyyoonni lamaan irra gahan akka kabajuu qabdu akeekkachiisaniiru.
Waraanni Sudaan naannoo daangaa Itoophiyaatti riqichaafi buufataalee waraanaa ijaaruurratti akka argamu ibsuun, dhimmicha hawaasa addunyaatti ibsuu eeraniiru.
Sudaan sochii kanarraa of qusachuu akka qabdu kaasuu cinatti, waldhabbiin biyyoota lamaan giddutti uumame karaa nagaa qofaan furamuu akka qabu dubbataniiru.
Sudaaniifi Itoophiyaan dhimma waldhabuu erga jalqabanii ji’oota lakkoofsisaniiru.
Ambaasaddarichi har’a ibsa kennan keessatti dhimmoota ijoo kaasan keessaa tokko Hidha Haaromsaa Itoophiyaati.
Itoophiyaan akkaataa bara 2015 Masriifi Sudaan waliin waliigalteerra qaqqaban bu’uureffachuun ijaarsa hidhichaa itti fufuu eeraniiru.
Dhimma waraana kaaba Itoophiyaa keessatti itti fufee ilaalchisee, mootummaan Fedeeraalaa dhukaasa dhaabullee humnoonni TPLF’’ naannoo Amaaraafi Affaar haleeluun murtoo dhukaasa dhaabuu kan qoruudha,’’ jedhaniiru.
‘’Hawaasni idil-addunyaa TPLF dhukaasa akka dhaabu dhiibbaa irratti uumuu qaba,’’ jedhan.
Dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Amb Diinaan dhimma namoota iddoo walitti bu’iinsa qaqqaabe keessatti miidhaan irra gahuu himaniiru.
Aanaalee walitti bu’iinsa kanaan miidhaman keessaa Jiillee Dhummugaafi Efiraataa jedhaman deebisanii ijaaruuf kan oolu tokkoo tokkoo isaaniif birriin 200,000 kennamuu himan.
Dhimma lammilee Itoophiyaa Sa’udiirraa deebi’anii
Itoophiyaan ji’a tokko keessatti lammilee 42,000 Sa’ud Arabiyaarra gara biyyatti deebisuu ibsan.
Kanneen gara biyyaatti deebifaman keessaa %84 dhiirota wayita ta’an, %16 dubartoota.
Namoonni gara biyyaatti deebi’an qe’eesaanitti akka deebi’an taasifama; taa'ullee dhalattoota naannoo Tigiraay gara qe’eesaanitti deebisuun rakkisaa ta’uu himameera.
Magaalaa Finfinneetti giddu-galeessi simannaa namoota gara biyyaatti deebi’anii akka hundaa’u eeruun, hanga gara qe’eesaanitti deebi’anitti giddu-galeeyyiin kun akka banamanii turan ibsan.
Lammilee baqannaarra gara biyyaatti deebi’aniif hordoffiin fayyaafi xiinsammuu ni taasifamaaf.
Kana malees, ijoolleen maatii isaaniirra adda bahan, hawwan ijoollee qabaniifi kanneen daddabarsa seeraan alaaf saaxilaman deeeggarsa giddugaleessi itti argatan jiraachuun kaasan.
Waliigalatti Itoophiyaa erga bara 2017 kaasee lammiileen Saawudii irraa gara biyyaatti deebiifte kuma 415 ni ta'u.















