Iyyata IZEMAn filannoon akka irra deebi’amuuf dhiyeeffateef Boordiin Filannoo deebii akka kennu ajajame

Madda suuraa, ETHIOPIAN CITIZENS FOR SOCIAL JUSTICE
Paartiin 'Ye Itoophiyaa Zeegooch Le Mehaberaawwii Fitiih’ (IZEMA) filannoo biyyaleessaa barana filatame aanaalee filannoo 28 keessatti akka irra deebi’amu iyyatni dhiyeeffate bu’uureffachuun Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa deebii akka kennu manni murtii ajaje.
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa dhaddacha filannoo lammaffaan har’a ajajuu IZEMAn toora Tiwitarasaarratti beeksiseera.
Manni murtii paartichi aanaalee 28 keessatti filannoon akka irra deebi’amu iyyaata dhiyeeffate qorachuun ol iyyannoo paartichi dhiyeesse simachuun Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhimmicharratti deebii qabachuun akka dhiyaatu murteesse.
Boordiin Filannoo A.L.I Adooleessa 30, bara 2013tti deebii akka qabatee dhiyaatu har’a murteesse.
Kanatti dabaluun IZEMAn kanaan dura koppii guca ittiin Boordii Filannoof iyyata galfate Adooleessa 30 dursee mana murtiitti akka galchu ajajeera.
IZEMAn Mana Murtii Waliigalaa Federaalaaf iyyata dhiyeesseen aanaalee filannoo 28 keessatti filannoon akka irra deebi’amu manni murtii akka ajaju gaafateera.
IZEMAn rakkoon aanaalee filannoo kanneen keessatti uumame jiraachuu kaasuun dhimmicha gara mana murtiitti fudhachuun ni yaadatama.
Iyyata Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti kan dhiyeeffate IZEMAn, Boordiin Filannoo komii dhiyeeffateefi ragaalee dhiyeeffate otoo hin gamaggamiin murtoo waan dabarseefi jedhe.
Paartichi filannoo biyyaalessa barana filatameerratti sagaleen wayita kennamu qondaaltoonni paartii biyyaa bulchuu, qaamoleen nageenyaa hidhataa gandaatii amma humna addaatti kannneen filannoo raawwachiisaniifi namoota eenyummaan isaanii sirriitti hin beekamneen filannichi gufataa ture, kanatti firii filannoorratti dhiibbaa uume jedhee himate.
Himannaa dhiyeesse kanaaf immoo ragaa namaa, viidiyoofi suuraa qindeeffachuu himee ture.















