WFP man-kuusawwan isaa Dasee fi Kombolchaa finciltoota TPLF'n waan saamamaniif deeggarsa dhaabe

Namoota deeggarsa fudhatan

Madda suuraa, WFP Ethiopia

Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) man-kuusawwan isaa magaalota Dasee fi Kombolchaa turan finciltoota TPLFn waan saamamaniif deeggarsa nyaataa kennuu adda kutuu beeksise.

Dubbi himaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka himanitti, finciltoonni man-kuusawwan kana yoo saaman hojjettoota dhaabbatichaatti qawwee itti loggomanii saaman.

Man-kuusawwan kunneen keessa kan ture nyaata madaalawaa daa'imman hanqina nyaataan miidhamaniif oolu dabalatee, kuusaan nyaataa guddaan jalaa saamamuu hima dhaabbatichi.

Hojjettoonni dhaabbatichaa achi turan sababa meeshaa waraanaan doorsifamaniif saamicha kana dhaabsisuu hin dandeenye jedhe.

Waraana Kaaba Itoophiyaatiin walumaagalatti namoonni miliyoona sagali ol deeggarsa midhaan nyaataa barbaadu jedha UN.

Saamichi man-kuusawwaan kanarratti raawwatame rakkoo hanqina nyaataa duraanuu hammaataa ture daranuu hammeessuu danda'a yaaddoo jedhu qabaachuu hima UN.

TPLF dhimma kanarratti amma dura deebii hin kennine, himatawwan wal fakkaataa amma dura irratti ka'aa turan garuu ni waakkata.

UN itti dabaluun loltoonni mootummaa konkolaataawwan WFP gargaarsa ittiin dhiyeessu sadi tajaajila ofii isaaniif itti dhimma bahaniiru jechuun himateera.

Dasee fi Kombolchaan baatii tokkoof finciltoota TPLF jala kan turan yoo ta'u, jalqaba torbee kana to'annoo humnoota mootummaa jalatti deebi'aniiru.

MM Abiy Ahimad gara adda waraanaa duuluu hordofee, torban lamaan darban humnoonni waraanaa mootummaa federaalaa fi kan naannolee tarkaanfii qindaa'aa fudhataniin, naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti magaalota hedduu to'annoo finciltootaa jalaa baasuu danda'aniiru.

Mootummaan Itoophiyaa magaalota kanneen kan gadi dhiisise injifannoo waraanaatiini yoo jedhu, TPLF garuu tarsiimoof jecha magaalota kana gadi dhiisuu hime.

Magaalota dhiyeenya to'annoo mootummaa jalatti deebi'an keessatti, finciltoonni hospitaalota dabalatee misoommawwan bu'uuraa hedduu barbadeessuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) ibsa torbee dura baaseen, naannolee Amaaraa, Affaar fi Tigraay keessatti namoota deeggarsa barbaadan miliyoona 9.4 keessaa dhibbeentaa 80 jechuunis miliyoona 7.8 kan ta'an sababa waraanaatiin iddoo deeggarsa qaqqabsiisuun rakkisaa ta'e keessa jiru jedhe.

Lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii naannoo Amaaraa keessatti akkaan dabaluu kan hime dhaabbatichi, wayita ammaa naannicha keessa namootni deeggarsa barbaadan miliyoona 3.7 gahuu hime.

Naannolee Amaaraa, Affaar fi Tigraay keessatti daa'imman argaman keessaa dhibbeentaa 16 hanga 18 kan ta'an, hanqinni nyaata madaalawaa isaan mudateera.

Kanatti dabalataan haadholii ulfaa fi hoosisan keessaa dhibbeentaa 50 kan ta'an, hanqina nyaata madaalawaaf kan saaxilaman ta'uu fi kunis daran isa yaaddessuu WFP himeera.

Dhaabbatichi deeggarsa nyaataa baatilee jahaa itti aananiif Itoophiyaa keessatti dhiyeessuuf jedhuuf hanqinni maallaqaa isa mudachuullee himeera.

Baatilee jahaa itti aanan keessatti namoota miliyoona 12 deeggarsa barbaadan bira gahuuf hanqinni maallaqaa doolaara miliyoona 579 akka isa mudate hime.