Waraana Kaaba Itoophiyaa: MM Abiy duula adda waraanaa marsaa jalqabaa injifannoon xumuruun waajjiratti deebi'uu ibsan

Madda suuraa, FANA BROADCASTING CORPORATE
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad duula adda waraanaa marsaa jalqabaa ''injifannoon xumuranii'' waajira isaaniitti deebi'uu beeksisan.
Torban lama dura wayita hidhattootni TPLF fi WBO magaalota naanoolee Amaaraa hedduu to'atanii gara magaala Finfinneetti siqaa jiranitti adda waraanaatti duulanii lolchiisaan kan turan MM Abiy erga duulanii ijifannoowwan biyya kabachiisu argachuu himaniiru.
''Yeroo muraasa dura Itoophiyaa waraanuuf diina ka'e waliin taanee akka qolannu adda waraanaatti beellamni qabanne boquu diina kan cabse, kan Itoophiyaa ammoo kan ol qabeedha.''
Namoota aarsaa lubbuu dabalatee karaa garaagaraa duula kana deeggaraa turan galateeffatanii marsaa jalqabaa duula kanaa xumuruu himan.
''Carraa kanaan boqonnaa jalqabaa xumuree yeroo murtaaheef waajjiratti deebi'uukoo ibsaa, har'as ta'e fuula duratti diinonni keenya humni isaanii laafee ...daandii jaalalaafi nagaa hanga filatanitti qabsoon keenya itti fufa.''
MM Abiy qabsoon kun akka hin goolabamnee fi hidhattoota TPLF ilaalchisee furmaata waaraa soquun akka barbaachisu himaniiru.
''Qabsoon kun hin goolabamne. Naannoleen bilisa hin baane jiru. Humni amma qormaata nutti ta'e ira deebi'ee qormaata Itoophiyaa ta'ee akka hin deebine furmaata waaraa kennuufi qabna.''
Humnoonni TPLF bittinnaa'aniiru ittiin jedhan harka akka kennatan gochuu dabalatee kan ammaan duraa caalaa naannoo ofii eeguun akka cimuufi sakattaa cimsanii itti fufuun yeroon isaa amma jedhan.
''Waan diinni diige deebisnee ijaaruuf, kan buqqa'an deebisuuf, hojiilee misoomaa fi bulchiina gaarii kan duraanii caalaa fi saffisaan raawwachuu qabna.''
MM Abiy adda waraanaatti erga duulanii naannolee tarsiimawaadha jedhaman kan gama naannoo Amaaraafi Affaariin jiran harka mootummaatti kan deebi'an yeroo ta'u magaalotni Kombolchaafi Daseen harka mootummaatti debi'uun isa guddaadha.
TPLF gama isaan naannolee mootummaan to'achuu ibsu kana dursanii tooftaa waraana haaraa tolfachuuf akka gadhiisan himanii lolaan ijifatamanii akka hin gadhiifnee fi dhiyootti injifannoo guddaa abdachuu dubbatu.
MM Abiy ibsa goolabamuu duula marsaa jalqabaa ilaalchisee kennan kanaan keessumaa tokkummaan lammiilee Itoophiyaa duula kana keessatti mul'ate ''hanga dhuma baraatti qabeenya keenya godhannee itti fufuu qabna'' jedhaniiru.
Itoophiyaa olka'iinsa eenyuyyu ka'ee irraa buusuu hin dandeenyerra fannisaa jirra jedhanii, ''tokkummaa kan itti fufsiisuuf yaadota nama qoqqodan haa dhabamsiifnu, gootota injifannoo barii haa morminu. kanneen waan dqabsoo keenyaan finne salphisuu fedhan fuula haa dhorkinu'' jedhan.
Waraanni kun gatii mootummaa baasiseen cinaatti garuu carraalee gaggaarii yoomiyyuu argamuu hin dandeenye argamsiisuus himaniiru.
''Itoophiyaan kanneen yeroo yeroo qormaataa kanatti rabbitti aansee kanneen fuula addunyaatti muggutaniif ni galateeffattis'' jedhan.
Waraanni Waggaa tokko dura humnoota mootummaa federaalaa fi hidhattoota TPLF gidduutti dhalate ji'oota darban naannolee Affaariifi Amaaraattis ce'ee gaaga'ama namoomaa guddaa uumeera.
Namoota miiliyoona torba ta'aniis deeggarsa midhaan nyaataa akka eegan sababa ta'eera.














