'Mariin nageenyaa dhimma koo miti, hojiin koo waraanuudha' Let Jen Baacaa Dabalee

Letnal Jeneraal Baacaa Dabalee dhimma waraana Kaaba Itoophiyaa irratti BBCtti dubbataniiru

Madda suuraa, Ministera Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Letnal Jeneraal Baacaa Dabalee

Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti qindeessaa Ol aanaa Hojii ijaarsa Raayyaa Ittisa biyyaa kan tahan Letenaal Jeneraal Baacaa Dabalaee dhimma waraana humnoota TPLF waliin godhamu irratti gaaffiif deebii addatti BBC waliin godhan irratti 'mariin nageenyaa dhimmakoo miti, hojiin koo waraanuudha jedhan.

Let Jen Baacaan haal duula gaggeeffamaa jiruu, galma isaa fi MM adda waraanaatti argamuu isaaniin bu'aa argamee fi waraanicha dhaabuuf marii godhamu irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.

BBC: Torban lamaan darban keessa waraana Kaaba Itoophiyaatti jalqabe ilaalchisee jijjiiramni jira. Hanga amma waliin dubachaa jirrutti jijjirama dhufe mee nutti himaa.

Let. Jen Baacaa: Loltuu Wayyaaneen ijaare Finfinnee galee Itoophiyaan diiga jechuun hanga Shawaa Kaabaatti galuun isaa ni beekama. Ofirraa ittisuudhaan dadhabsiisuun sana booda deebisnee waraanuu qajeelfama jedhuun humna kana ji'a tokko guutuuf ittisaa turre.

Deebisnee waraanuuf haalota nu dandeesisan yeroo ittisaa turre kanatti qophii taasifneerra. Tibbana haleeluun tarkaanfii fudhanneerra. Tarkaanfii kanaanis diina Shawaa Kaabaa keessa ture deebisnee ariineerra.

Gaashanaa, Kibba Walloo, Warra Iluu, akkasumas Bahaan ammoo Cifraa darbuun karaa guddaa irraan gara Baatiitti kan jirus akkasuma. Dassee fi Kombolchas waluma wajjin qabatamu tilmaama jedhu qabna.

Kunis karooraan kan godhamedha.

BBC: Bu'aan amma argame kun MM Abiy hojii isaanii idilee dhiisanii gara adda waraanaatti imaluu isaaniin wal qabataa?

Let. Jen Baacaa: Eeyyee wal qabata. MM gara sana deemuun isaanii humna loltuu baay'ee dabale. Tokko isaan bulchaa biyyaati. Akkasumas baay'ee kan jaallatamanii fi kabajamaniidha. Hojjetaa jabaa, uummata kan jaallatanii fi guddaa fi xiqqaa osoo hin jedhiin kan kabajan tahuu isaanii namni haamilee qabu kamuu kan isaan hin jaallanne jiru.

Loltoota keenya birattis baay'ee jaallatamoodha. Namni akkasii dirree waraanaa tahee dhiisiitii waan xiqqoosheeyyuu nan hojjedha jedhee yoo ka'u namni hunduu harkatti wal qabuun hojjeta. Dirree waraanaatti ammoo namni akkas kabajnuu fi jaallannu yeroo dhufu nimararsiifanna.

Lammaffaa ammoo miira itti gaafatamummaa fi haamilee hojii dabaleera. Dandeettii gaggeessummaa fi dhiibbaa uumuu isaanii injifannoon tibbana argame akka dhufu godheera.

BBC: Durumaanuu ajaja waraanaati mitii? Amma gara ada waraanaa deemuun isaanii waan haaraan maali? yaadotni jedhan ni ka'u. Isin maal jettu?

Let Jen Baacaa: Waajjira taa'anii gaggeessuufi adda waraanaatti bakki dhukaasni jiru galanii gaggeessuun hanga samiif lafa kanaa garaagarummaa qaba.

Minitira muummee dhiisiitii sadarkaa keenyatatttii fi anaa gadittiyyuu miseensota jiran waliin yeroo wal arginee waliin hojjennu namni dachaa baay'eetiinidha kan hojii isaa hojjetu.

Kanaafuu ministirri muummmee dirree waraanaati kan galan. Waajjira miti kan jiran. Waajira isaanii taa'anis hoggananii injifannoo argamsiisaniiru. Waanuma beektanidha. Wayyaanee guyyoota 15 keessatti lafa nyaachisaniiru. Dhuguma yeroo sana waajjira taa'anii gaggeesan jiedhama malee kallattumaan ilaalaa hoggansa kennaa turan.

Dirooniidhaan waan tahuu qabu ilaalaadha kan ajaja kennaa turan.

BBC: Kallatiidhaan yeroo jedhamu haleellaan qilleensarraa gaafa godhamu ilaalaa turan jechuudhaa? Maal jechuudha?

Let Jen. Baacaa: Waraanni yeroo gaggeeffamu iskireenii [screen[ dhaan 'Situation Room' taa'anii ilaalu. Biyya kamittuu ni godhama. Waraanni gara waajjiraatti ni tamsa'u. Achirraa ilaalu.

Amma ammoo garaagarummaan isaa qamaan deeman. Qaamaan gaafa tahu ammoo waanuma hundaa argu. Miseensa loltuu tokko tokkosaanirra deemun argatuun.

Waliin dubbatu, waan hojjechuu qaban itti himu.

Kun ammoo haamilee kanaamf kenna. Kanaafuu duras hogganaa waraanaa turan ammas akkasuma warra jedhaniif waraanni bakka jiruu fi waajira taa'anii hogganuun hubachuu dhabuu irraa tahuu mala.

BBC: Kaleessa finciltoota Tigiraay irraa ibsi kenname jira. Kunis bakkeewan naannoo Amaaraatii qabannee turre 'tarsiimof' jecha gadhiisnee baaneerra kan jedhudha. Isin ammoo warnaan gadhiispifne jettan.

Let Jen Baacaa: Maal akka jedhan eegamaree. Humna isaaniin, dandeettii isaaniin miti kan as gahan. Humnaa fi dandeettii namoota isaan erganiinidha as kan gahan. Kanaafuu gooftota isaanii gammachiisuuf maal jedhuree?

Isaan Finfinnee galuuf guyyoota osoo hin taane sa'aatii lakkaa'aa turan. Miidiyaalen tokko tokko Finfinneen marfamteetti, galuuf jedhu jedhanii gabaasaniiru.

Isaan akkasii kunneen mo'amneeti jechuu hin danda'an.

Gaafa waa'een marii ka'u ''mootummaan hin jiru, waraanichi dhumeera, eenyu waliin marii goona,'' jedhaniiru.

Amma karaa isaan hin eegne haleellaan jabaan gaafa isaan mudatu dubbachuu kan danda'an kana qofaadha. Maarree maaliif ibsa barreefamaan baasan. Maaliif tsaadqaan ykn namootni isaanii as bahanii ibsa hin kennan?

Jiraachuu isaaniiyyuu na shakkisiisa. Yookiin ammoo sana ochuus qaana'aniiti. Kan isaan qaanesse ammoo waa'ee geetaachooti. Waan kanaan biyyoota Lixaa gurguddootu isaanitti qaana'a. Jechuu kan danda'an mo'amnee miti, gadhiisnee baaneeti malee deebisnee waraanna jechuun waadaa galanidha.

Haa tahu malee satalaayitiidhaan nu hordofu jechaa turan. Kanaafuu eessaa akka bahan sirriitti arguunii. Kanaafuu isaan yoo haalaniyuu gooftotni isaanii beeku. Amaara keessaa gadhiisnee baane yoo jedhan naannoo Affaar keessaaho lafa hamma kanaa akkamiin gadhiisanii bahan?Cifraa, Burqaa, Ciiftuu Affaar keessadha. Amanansi amanuu baatanis waanti tahe kanadha.

BBC: Kan biraa loltoota gidduutti wantootni haasa'amaa turan jiru. Kan jalqabaa loltoota gidduu qoqqooddan jira kan jedhudha. Dhuguma qoqqooddaan mul'ateeraa?

Let. Jen Baacaa: Waraanni qoqqoodame injifannoo akkanaa hin galmeessisu. Finfinnee seenuuf kiilomeetira 200 qofatu na hafa jechuun diina dhaadataa ture kan haxaayee baase raayyaa kana. Osoo qoqqoodamee kana gochuu hin danda'u ture.

Duraan bara wayyaanee qoqqoodamuun tureera. Yeroo sana wayyaaneen qoqqoodaa ture malee amma wanti akkasii hin jiru.

BBC፡ Miseensota raayyaa ittisaa keessa jiraniin fonqolchi mootummaa yaalameera jedhamaa ture. Kun dhuguma tureeraa?

Let. Jen Baacaa: Kun gonkumaa waan hin taanedha. Hangan beekutti yaada akkasii namni qabu nu keessa hin jiru. Dhimmuma akkasiirratti qaamni ka'ee dubbatuyyuu hin jiru. Hundi keenyayyuu kan waliin guddannee fi wal beeknudha.

Nuti karaa fonqolcha mootummaa osoo hin taane uummanni abbaa fedhe akka kaa'atu feena. Hojiin keenya biyya tiksuudha.

Kanaafuu kun waan ta'u miti, dubbii sobaati. Anis waan jedhamaa ture dhagahaan ture. Abaluun akkasii, akka sanaa, wayyaaneerraa maallaqa fudhatee akkas gochuuf…waan hedduu wayita jedhan dhagahaan ture.

BBC፡ Guyyoota dhufan gara Dasee akka imaltan nuuf himtaniittu, gara Maqalee imaluuf hoo karoora qabduu?

Let. Jen Baacaa: Kun dhimma hojii waraanaati. Nuti bakka kana geenyee achitti dhaabbanna hin jennu. Haala waraanaatu murteessa. Waraanni dhimma jala murtee kana jettee dubbattu miti. Wantoota hin eegamin hedduun kann guutamedha. Kanaafuu waan fuulduratti ta'utu murteessa. Haata'u malee nuti hin dhaabbannu.

Sududaan iddoowwan wayyaaneen qabatte gadi lakkisiisaa jarammoo barbadeessuu itti fufna. Maqaleemoo eessatti dhaabbanna kann jedhuuf nuti warra dhaabbatu miti. Ammaaf garuu karoorri keenya hanga kanatti waan jedhu hin qabnu. Bakka wayyaaneen seente seennee hanga balleessinutti itti fufna.

BBC: Isin akka aanga'aa waraana mootummaatti durumaanuu waldhibdeen kun akka karaa nagaan furamuu fi ammas waraanni kun karaa nagaan akka hiikamuuf kutannoon isin qabdan maali?

Let. Jen Baacaa: Dhimmi marii nagaa dhimma koo miti. Hojiin koo waraanuudha. Yoo fedhan karaa nagaa, yookaan mariidhaan haa xumuran. Kana warra siyaasaatu beeku. Gama kiyyaan garuu nyaapha fuuldura koo jirutu jira. Isa barbadeessi jedhameera. Bakkanni seene seeneen balleessa.

Ga'e dhaabi, karaa nagaatiin xumurra dhaabi yoo naan jedhan nan dhaaba. Yoo mari'atan gaariidha, yookiin waan biraa jechuun ga'ee koo miti.

Odeessaalee dabalataa: