Waraana Tigraay: MM Abiy gara adda waraanaa duuluun 'dogoggoraan hubatame' - Billanee Siyyuum

Madda suuraa, Ethiopian News Agency
MM Abiy Ahimad gara adda waraanaa duuluun biyyoota Lixaa biratti dogoggoraan hubatameera jedhe waajjirri MM Itoophiyaa.
Kibxata miidiyaaleef ibsa kan keennan pirees seekreetariin waajjira MM Itoophiyaa Billanee Siyyuum, gara adda waraanaa imaluu fi waraana hogganuun MM Abiy murtee "waraana hammeessuu" miti jedhan.
MM Abiy itti gaafatama tokkummaa biyyaa eeguu heera mootummaan itti kenname baahachaa jiru jedhan.
Gara adda waraanaa duuluun MM Abiy ejjennoo mootummaan waraana kana karaa nagaa furuuf qabu jijjiiramuu hin agarsiisu jechuunis himaniiru.
MM Abiy gara adda waraanaa duuluu hordofee tokkummaan uummata Itoophiyaa fi hamileen loltootaa cimee, iddoowwan akka Kaasaagiitaa, Cifraa fi Burqaa to'annoo finciltootaa harkaa baasuun danda'ameera jedhan.
Torbee darbe gara adda waraanaa duuluu kan ibsan MM Abiy milkaa'aa akka jiran ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kennaniin himaniiru.
Raayyaan Ittisa biyyaa iddoowwan finciltootaan qabamanii turan deebisee to'achaa jiraachuu kan himan MM Abiy, hidhattoonni TPLF karaa nagaa harka akka kennatan waamicha dhiyeessanii jiru.
Mootummaan ammallee waraanichi karaa nagaa xumura akka argatu fedhii qabaachuu kan himan Aadde Billaneen, adeemsa nagaa buusuu pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obasaanjoo itti jiran akka deeggaran himan.
Pireezidantiin duraanii qaamolee gara garaa dubbisaa kan turan yoo ta'u, yeroo dhiyootti deebi'anii piroppoozaalii ykn wixinee yaada araaraa ni dhiyeessu jennee eegna jedhan.
Haata'u malee, mootummaan bu'uura seeraan uummataan filatamee fi gareen shororkeessaa qixxee ilaalamuu hin qabani jedhan.
'Tiwiitariin sagalee deeggartoota Itoophiyaa ukkaamsaa jira'
Miidiyaan hawaasaa guddichi Tiwiitariin waraana Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiruun wal qabatee sagalee namoota mootummaa Itoophiyaa deeggaranii ukkaamsaa jira jechuunis komatani Aadde Billaneen.
"Tiwiitariin sagalee deeggartootaa Itoophiyaa, warreen gara jabinaa fi soba TPLF saaxilaa jira adda baasee ukkaamsaa jira" jechuun komataniiru.
Ibsa Kibxata miidiyaaf kennaniin, kaamapaniin Tiwiitar namoota TPLF deeggaran of keessaa qaba kanas dhaabbaticha beeksifneerra jedhan.
Deeggartoonni mootummaa Itoophiyaa erga yeroo dhiyoo as duula #NoMore jedhuun marsaalee hawaasaa irratti dhiibbaa hin malle biyyootni lixaa mootummaarraan gahaa jiru jedhan balaaleffataa jiru.
Tiwiitariin fuula namoota duula kana deeggaranii fi qindeessaa jiranii ugguraa jira komiin jedhu erga dhagaahamuu eegalee bubbuleera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Wiixata darbe hoggana olaanaa ka jijjiirrate Tiwiitariin himannaa mootummaa Itoophiyaa kanarratti deebii hin kennine.
Tiwiitarii qofa osoo hin taane, miidiyaalee fi dhaabbileen idil-addunyaa gurguddoo Itoophiyaarratti duula odeeffannoo dogoggoorraa raawwachaa jiru jedhan Aadde Billaneen.
Biyyootni Lixaa tokko tokko bu'aa siyaasaaf jecha sodaa uumuun, Finfinnee keessa akka nagaan hin jirre akkasumas guutummaan biyyattii waraanaan raafamaa akka jirtu fakkeessaa jiru, kun dogoggora jedhaniiru.
Waa'ee gargaarsa namoomaa ...
Sababa waraana kanaatiin naannoo Amaaraa qofaatti namoonni miliyoona 1.1 kan qe'eerraa buqqa'an yoo ta'u, walumaagalatti namoonni miliyoona 5.6 waraanichaan miidhamaniiru jechuun himaniiru.
Naannoo Affaaritti namoonni buqqa'an kuma 100 ol kanneen waraanaan jiruu fi jireenyi isaanii miidhame ammoo kuma 260 ol ta'uu himan.
Mootummaan Itoophiyaa kanneen miidhamaniif Onkoolessa 26 as deeggarsa nyaataa kuntaala kuma 26 ol qaqqabsiisuu ibsameera.
Sadaasa 23 bara 2021 booda balaliin xiyyaaraa deeggarsa namoomaa gara naannoo Tigraay geessu deebi'ee itti fufuu fi yeroo lamaa ol balaliin godhamuu Aadde Billaneen miidiyaaleef himaniiru.
Konkolaataawwan fe'umsaa WFP 353 gargaarsa nyaataa meetriik toonii 9600 fe'an Affaar Samaraa irraan gara Tigraay imalaa akka jiranii fi 160 kan ta'an Maqalee gahuus himan.
Konkolaataawwan 1114 hanga yoonaa gargaarsa fe'anii gara Tigraay imalan keessaa amma dura kan deebi'e 322 qofa ta'u guyyaa har'aa ibsameera.
Mootummaan amma dura konkolaataawwan fe'uumsaa gara Tigraay imalan finciltoota geejjibsiisaa jiru jechuun yoo himatu TPLF gama isaan konkolaataawwan kunneen hanqina boba'aan osoo hin debi'iin hafuu himee ture.
Wanti biroo maal jedhame?
- Labsiin yeroo muddaamaa mootummaan labse milkaa'aa jira, amma dura meeshaaleen waraanaa, maallaqni seeraan alaa fi uffatawwan dambii qaamolee nageenyaa to'annoo jala oolfamaa jiru jedhameera.
- Gabaasa waloo komiishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi waajjirri mirgoota namoomaa UN baase hordofuun koreen ministirootaa sarbama mirgoota namoomaa raawwatame qoratee, kanneen miidhamaniif deeggarsa kennu hundaa'uu ibsameera.















